-
Lakkoofsa 22:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Kanaafuu, jaarsoliin Moʼaabii fi jaarsoliin Miidiyaan gatii hoodaa harkatti qabatanii gara Balaʼaam+ deemanii dhaamsa Baalaaq isatti himan.
-
-
Lakkoofsa 25:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Israaʼel yommuu Shitiim+ keessa jiraachaa turetti, sabichi dubartoota Moʼaabii wajjin ejja raawwate.+ 2 Dubartoonni sunis sabicha gara aarsaawwan waaqolii isaaniitiif dhiheessanitti ni affeeran;+ sabichis isa irraa nyaachuu fi waaqolii isaaniitiif sagaduu jalqabe.+ 3 Kanaafuu, Israaʼel isaanii wajjin waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor* irratti ni hirmaate;+ Yihowaanis Israaʼelitti ni dheekkame.
-
-
Lakkoofsa 25:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “Miidiyaanota dhiphisaa; akkasumas isaan rukutaa;+ 18 sababiin isaas, isaan Pheʼoriin kan kaʼe,+ akkasumas intala ajajaa Miidiyaan kan taate obboleettii isaanii Koozbii ishii Pheʼor ishii guyyaa dhaʼichi isin irra gaʼetti+ ajjeefamte+ sanaan kan kaʼe haxxummaadhaan cubbuu akka hojjettan gochuudhaan isin dhiphisaniiru.”
-