-
Baʼuu 25:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Isaan iddoo qulqulluu anaaf ni ijaaru; anis isaan gidduu nan jiraadha.+
-
-
Leewwota 21:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “‘Obboloota isaa keessaa lubni ol aanaan inni zayitiin dibataa mataa isaa irratti dhangalaʼee+ fi uffata lubummaa akka uffatu muudame,*+ mataa isaa filachuu dhiisuu yookiin uffata isaa tarsaasuu hin qabu.+ 11 Abbaa isaa yookiin haadha isaa yoo taʼan illee, inni akka of hin xureessineef nama duʼe* kamitti iyyuu hin dhihaatin.+ 12 Mallattoon of murteessuu isaa argisiisu, jechuunis zayitiin dibataa kan Waaqa isaatii+ taʼe sun isa irra waan jiruuf, inni iddoo qulqulluu keessaa hin baʼin; iddoo qulqulluu Waaqa isaatiis hin xureessin.+ Ani Yihowaa dha.
-