-
Baʼuu 17:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yihowaanis Museedhaan, “‘Ani yaadannoo Amaaleq samii jalaa guutummaatti haxaaʼee nan balleessa’+ jedhiitii akka yaadannootti kitaaba keessatti barreessi, Iyyaasuuttis himi” jedhe.
-
-
1 Saamuʼel 14:47, 48Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Saaʼolis Israaʼel irratti mootummaa isaa ni cimsate; diinota isaa kallattii hundumaatiin jiran jechuunis, Moʼaabota,+ Amoonota,+ Edoomota,+ mootota Zoobaa+ fi Filisxeemota+ ni waraane; bakka deeme hundumaattis isaan injifata ture. 48 Gootummaadhaan Amaaleqota+ waraanee isaan injifate; Israaʼelotas harka warra isaan saaman jalaa ni oolche.
-
-
1 Saamuʼel 15:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Achiis Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Yihowaan saba isaa Israaʼel irratti mootii godhee akkan si dibu kan erge anaan ture;+ ammas wanta Yihowaan jedhu dhagaʼi.+ 2 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yommuu Israaʼelonni Gibxiidhaa baʼan karaa irratti waan isaan mormaniif, wanta isaan isaan irratti raawwataniif ani Amaaleqota nan adaba.+ 3 Ammas dhaqi, Amaaleqota rukuti;+ isaaniinis taʼe wanta isaan qaban hundumaa guutummaatti balleessi.+ Isaan keessaa tokko illee hin hambisin;* dhiiras taʼe dubartii, ijoollees taʼe daaʼima, qotiyyoos taʼe hoolaa, gaalas taʼe harree, hunduma isaanii ajjeesi.’”+
-