Saamuʼel Tokkoffaa
14 Gaaf tokko Yonaataan+ ilmi Saaʼol tajaajilaa isaa isa meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Kottu gara buufata loltoota Filisxeem isa gamatti argamutti haa ceenu” jedhe. Taʼus wanta kana abbaa isaatti hin himne. 2 Saaʼol qarqara Gibeʼaa+ muka romaanii isa Migroonitti argamu jala buufatee ture; namoonni gara 600 taʼanis isaa wajjin turan.+ 3 (Ahiyaan ilmi Ahixuub+ efuudii uffatee kan ture yeroo taʼu, Ahixuub obboleessa Ikaabood,+ ilma Finahaas,+ ilma Eelii+ isa Shiilootti+ luba Yihowaa ture sanaa ti.)+ Namoonni sun Yonaataan deemuu isaa hin beekne turan. 4 Daandiiwwan Yonaataan gara buufata loltoota Filisxeemotaatti itti ceʼuuf yaalaa ture sana gidduu, garanaan kattaan ilkaan fakkaatu tokko, garsiinis kattaan ilkaan fakkaatu tokko jira ture; maqaan isa tokkoo Boozez, maqaan isa tokkoo immoo Seenee jedhama ture. 5 Kattaan inni tokko akka utubaatti karaa kaabaatiin gara Mikmaashitti kan garagale yeroo taʼu, inni tokko immoo karaa kibbaatiin gara Geebaatti+ kan garagale ture.
6 Kanaafuu, Yonaataan namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Kottu, gara buufata loltootaa warra dhaqna hin qabanne+ sanaatti haa ceenu. Yihowaan namoota hedduutti yookiin namoota muraasatti fayyadamee oolchuu irraa wanti isa dhowwuu dandaʼu waan hin jirreef, tarii Yihowaan nuuf jedhee tarkaanfii ni fudhata taʼa” jedhe.+ 7 Yeroo kanatti namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun, “Wanta garaan kee akka gootu sitti himu hundumaa godhi. Gara barbaaddetti garagali; anis gara garaan kee yaade kamitti iyyuu si duukaa nan buʼa” isaan jedhe. 8 Achiis Yonaataan akkana isaan jedhe: “Gara namoota sanaatti ceenee isaanitti mulʼanna. 9 Yoo isaan, ‘Hamma nuti gara keessan dhufnutti achuma dhaabbadhaa!’ nuun jedhan, bakkuma jirru dhaabbanna malee gara isaaniitti ol hin baanu. 10 Yoo isaan, ‘Gara keenyatti ol baʼaa!’ jedhan garuu, Yihowaan harka keenyatti dabarsee waan isaan kennuuf gara isaaniitti ol ni baana. Kun mallattoo nuuf taʼa.”+
11 Achiis lamaan isaanii iyyuu buufata loltoota Filisxeemotaatti ni mulʼatan. Filisxeemonnis, “Kunoo, Ibroonni boolla itti dhokatan keessaa baʼaa jiru” jedhan.+ 12 Namoonni bakka buufata loltootaa sana jiranis Yonaataanii fi namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Gara keenyatti ol baʼaa; isinitti argisiisna!” jedhan.+ Yonaataanis yeruma sana namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Yihowaan harka Israaʼelotaatti dabarsee waan isaan kennuuf, ana duukaa buʼi” jedhe.+ 13 Achiis Yonaataan harka isaa fi miila isaatiin daaʼimee ol baʼe; namichi meeshaa waraanaa isaaf baatus isa duuba ture; Yonaataan Filisxeemota rukutuu ni jalqabe; namichi meeshaa waraanaa isaaf baatus isa duuba deemee isaan ni ajjeese. 14 Haleellaa jalqabaa Yonaataanii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun godhaniin, walakkaa qotiisa qotiyyoo cimdiin guyyaatti qotu keessatti gara namoota 20 ni rukutan.
15 Sana booda dirree buufatichaa keessaa fi namoota buufata loltootaa keessa jiran hundumaa gidduutti sodaan ni babalʼate; tuutawwan weerartootaa+ illee ni sodaatan. Lafti kirkiruu jalqabde; sodaanis Waaqayyo biraa isaanitti ni dhufe. 16 Waardiyyoonni Saaʼol warri Gibeʼaa+ ishii Biiniyaam keessa jiran, kallattii hundaatiin jeequmsi babalʼachuu isaa argan.+
17 Saaʼolis namoota sanaan, “Mee namoota lakkaaʼaatii, eenyu nu dhiisee akka deeme hubadhaa” jedhe. Isaanis yommuu lakkaaʼan, Yonaataanii fi namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu achi akka hin jirre hubatan. 18 Yeroo kanatti Saaʼol Ahiyaadhaan,+ “Taabota Waaqa dhugaa as fidi!” jedhe. (Yeroo sanatti* Taabonni Waaqa dhugaa Israaʼelota bira ture.) 19 Saaʼol luba sanaa wajjin utuu dubbachaa jiruu, jeequmsi buufata Filisxeemotaa keessa ture ittuma cimaa deeme. Achiis Saaʼol lubichaan, “Wanta gochaa jirtu dhiisi”* jedhe. 20 Kanaafuu, Saaʼolii fi namoonni hundi walitti qabamanii gara dirree waraanichaa dhaqan; yeroo kanatti Filisxeemonni walitti garagalanii goraadee isaaniitiin utuu wal rukutanii argan; jeequmsi sunis baayʼee guddaa ture. 21 Kana malees, Ibroonni warri sana dura Filisxeemota irra goranii isaanii wajjin gara buufatichaa dhaqanii turan, gara Israaʼelota warra Saaʼolii fi Yonaataaniin geggeeffamanitti makaman. 22 Namoonni Israaʼel warri naannoo gaarotaa Efreem keessa dhokatanii+ turan hundis Filisxeemonni baqachuu isaanii ni dhagaʼan; isaanis waraanicha irratti warra kaanii wajjin taʼuudhaan Filisxeemota ariʼan. 23 Kanaafuu, guyyaa sanatti Yihowaan Israaʼelota ni oolche;+ waraanichis hamma Beet Aweenitti+ itti fufe.
24 Haa taʼu malee Saaʼol, “Namni hamma galgalaatti, hamma ani diinota koo haaloo baʼutti waan tokko* illee nyaatu abaaramaa haa taʼu!” jedhee kakuu jala isaan galchee waan tureef, guyyaa sanatti namoonni Israaʼel baayʼee dhiphatan. Kanaafuu, namoota sana keessaa namni tokko illee homaa hin nyaanne.+
25 Yeroo kanatti namoonni* sun hundi bosona tokko keessa galan; laficha irras dammi jira ture. 26 Namoonni sun yommuu gara bosonichaatti seenan dammi utuu coccophuu argan; haa taʼu malee, kakaa sana waan sodaataniif, namni tokko illee harka isaa gara afaan isaatti hin geessine. 27 Yonaataan garuu abbaan isaa namoota sana kakachiisuu isaa hin dhageenye;+ kanaafuu, hiixatee fiixee ulee harka isaa irra ture sana dhaaba dammaa sana keessa cuuphe. Harka isaa gara afaan isaatti yommuu geessus ijji isaa ni ife. 28 Yeroo kanatti namoota sana keessaa tokko, “Abbaan kee, ‘Namni harʼa nyaata nyaatu abaaramaa haa taʼu!’+ jedhee cimsee namoota kana kakachiiseera. Namoonni kun baayʼee kan dadhaban kanaafi” isaan jedhe. 29 Yonaataan garuu akkana jedhe: “Abbaan koo biyyattii irratti rakkina guddaa fideera. Damma xinnoo kana waanan afaaniin qabeef, ijji koo akkam akka ife ilaalaa. 30 Harʼa namoonni kun boojuu diinota isaanii irraa argatan sodaa tokko malee utuu nyaataniiru taʼee baayʼee gaarii ture!+ Utuu akkana taʼee, silaa kana caalaa Filisxeemonni hedduun ni ajjeefamu turan.”
31 Guyyaa sanatti namoonni sun Mikmaashii jalqabee hamma Ayiloonitti+ Filisxeemota rukutaa waan oolaniif baayʼee dadhaban. 32 Kanaafuu, namoonni sun wanta boojiʼan sana sassataan ni fudhatan; achiis hoolota, loonii fi jabbilee lafa irratti qalanii, foon isaanii dhiiga isaa wajjin nyaatan.+ 33 Kanaan kan kaʼes, “Kunoo, namoonni kun foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hojjechaa jiru”+ jedhamee Saaʼolitti himame. Yeroo kanatti inni, “Isin hojii amantii akka hin qabne argisiisu hojjettaniittu. Dafaatii dhagaa guddaa tokko gangalchaa naa fidaa” isaaniin jedhe. 34 Sana booda Saaʼol akkana jedhe: “Namoota sana gidduu faffacaʼaatii, ‘Tokkoon tokkoon keessan qotiyyoo keessanii fi hoolaa keessan fidaatii asitti qalaa nyaadhaa. Foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Yihowaa irratti cubbuu hin hojjetinaa’ jedhaatii isaanitti himaa.”+ Kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii galgala sana qotiyyoo isaanii fidanii achitti qalan. 35 Saaʼolis Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ni ijaare.+ Kun, iddoo aarsaa inni yeroo jalqabaatiif Yihowaadhaaf ijaare dha.
36 Sana booda Saaʼol, “Halkan Filisxeemota hordofuudhaan gad buunee, hanga aduun baatutti isaan haa saamnu. Nama tokko illee hin hambisnu” jedhe. Yeroo kanatti isaan, “Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hundumaa godhi” isaan jedhan. Achiis lubichi, “Mee bakka kanatti Waaqa dhugaa haa gaafannu” jedhe.+ 37 Saaʼolis, “Ani Filisxeemota hordofee gad buʼuu?+ Harka Israaʼelotaatti dabarsitee isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Haa taʼu malee, Waaqayyo guyyaa sanatti deebii isaaf hin kennine. 38 Kanaafuu, Saaʼol akkana jedhe: “Isin ajajjoonni saba kanaa hundi as kottaatii, harʼa cubbuun akkamii akka hojjetame qoradhaa. 39 Yihowaa Waaqa jiraataa isa Israaʼeliin oolcheen nan kakadha, cubbuu kana kan hojjete ilma koo Yonaataan yoo taʼe illee ni ajjeefama.” Haa taʼu malee, namoota sana keessaa eenyu illee deebii isaaf hin kennine. 40 Achiis Israaʼelota hundumaatiin, “Isin gar tokkotti goraa; ilmi koo Yonaataanii fi ani immoo gar tokkotti gorra” jedhe. Namoonni sunis Saaʼoliin, “Wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate godhi” jedhan.
41 Saaʼolis Yihowaadhaan, “Yaa Waaqa Israaʼel, karaa Tuumiimii+ deebii kenni!” jedhe. Achiis Yonaataanii fi Saaʼol ni filataman; namoonni sun garuu bilisa taʼan. 42 Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yonaataan keessaa eenyu akka taʼe beekuuf carraa buusaa”+ jedhe. Yeroo kanatti Yonaataan ni filatame. 43 Achiis Saaʼol Yonaataaniin, “Maal akka goote natti himi!” jedhe. Yonaataanis, “Fiixee ulee harka koo irra tureen, damma xinnoo afaaniin qabeera.+ Kunoo amma ani duʼuuf qophaaʼaa dha!” isaan jedhe.
44 Yeroo kanatti Saaʼol, “Yaa Yonaataan, yoo ati duʼuu baatte, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu” jedhe.+ 45 Namoonni sun garuu Saaʼoliin akkana jedhan: “Yonaataan inni Israaʼeliif injifannoo* guddaa kana argamsiise duʼuu qabaa?+ Kun wanta hin yaadamne dha! Yihowaa isa jiraataa taʼeen ni kakanna, inni guyyaa kanatti kana kan godhe gargaarsa Waaqayyootiin waan taʼeef, rifeensa mataa isaa keessaa tokko illee lafa hin buʼu.”+ Akka kanaan namoonni sun Yonaataaniin waan oolchaniif,* inni utuu hin ajjeefamin hafe.
46 Kanaafuu, Saaʼol Filisxeemota ariʼuu isaa ni dhiise; Filisxeemonnis gara naannoo isaaniitti qajeelan.
47 Saaʼolis Israaʼel irratti mootummaa isaa ni cimsate; diinota isaa kallattii hundumaatiin jiran jechuunis, Moʼaabota,+ Amoonota,+ Edoomota,+ mootota Zoobaa+ fi Filisxeemota+ ni waraane; bakka deeme hundumaattis isaan injifata ture. 48 Gootummaadhaan Amaaleqota+ waraanee isaan injifate; Israaʼelotas harka warra isaan saaman jalaa ni oolche.
49 Ilmaan Saaʼol, Yonaataan, Yishwii fi Malkishuwaa+ turan. Ijoollee durbaa lamas kan qabu yommuu taʼu, maqaan ishii angafaa Meeraab,+ maqaan ishii quxisuu immoo Miikaal+ ture. 50 Maqaan haadha manaa Saaʼol Ahinoʼaam yommuu taʼu, ishiin intala Ahimaaz turte. Maqaan ajajaa raayyaa waraanaa isaa Abneer+ yommuu taʼu, innis ilma Neer isa wasiila Saaʼol turee ti. 51 Qiish+ abbaa Saaʼol ture; Neer+ inni abbaa Abneer taʼe immoo ilma Abiʼeel ture.
52 Guutummaa bara Saaʼolitti Filisxeemotaa wajjin waraanni cimaan godhamaa ture.+ Saaʼol yeroo nama cimaa yookiin onnataa taʼe argu loltoota isaatti akka makamu isa filata ture.+