-
1 Saamuʼel 14:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Kanaafuu, Yonaataan namicha meeshaa waraanaa isaaf baatu sanaan, “Kottu, gara buufata loltootaa warra dhaqna hin qabanne+ sanaatti haa ceenu. Yihowaan namoota hedduutti yookiin namoota muraasatti fayyadamee oolchuu irraa wanti isa dhowwuu dandaʼu waan hin jirreef, tarii Yihowaan nuuf jedhee tarkaanfii ni fudhata taʼa” jedhe.+
-
-
2 Saamuʼel 5:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Daawitis Yihowaa ni gaafate; inni garuu akkana isaan jedhe: “Kallattiidhaan ol hin baʼin. Kanaa mannaa, duuba isaaniitiin naannaʼiitii tusii* baakaa* fuulduratti isaan waraani. 24 Fiixee tusii baakaa irraa sagalee adeemsa duulaa yommuu dhageessu, Yihowaan raayyaa waraanaa Filisxeemotaa rukutuuf si dura waan baʼeef, gara kuteenyaan tarkaanfii fudhadhu.”
-
-
2 Mootota 6:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Tajaajilaan nama Waaqa dhugaa sanaas ganamaan kaʼee yommuu gad baʼu raayyaan waraanaa fardeenii fi gaariiwwan fardaa qabu tokko magaalattiitti marsee arge. Tajaajilaan sunis yeruma sana, “Wayyoo, gooftaa koo! Maal gochuu nuu wayya?” isaan jedhe. 16 Inni garuu, “Warra isaanii wajjin jiran irra warri nuu wajjin jiran waan caalaniif,+ hin sodaatin!”+ isaan jedhe.
-