8 Daawitis waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu, loltoota isaa warra ciccimoo taʼan dabalatee Yoʼaabii+ fi guutummaa raayyaa waraanaa isaa ni erge.+ 9 Amoononni gad baʼanii karra magaalattii duratti waraanaaf hiriiran; yeroo kanatti mootonni dhufan sun kophaa isaanii dirree keessa turan.