Saamuʼel Lammaffaa
23 Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanatti aansee kan jiru dha:+
“Dubbiin Daawit ilma Issey,+
Dubbiin nama gara iddoo ol jedhaatti kaafamee,+
Isa Waaqni Yaaqoob dibe,+
Faarfataa jaallatamaa faarfannaawwan+ Israaʼel.
‘Inni ilmaan namootaa bulchu qajeelaa yommuu taʼu,+
Sodaa Waaqayyootiinis yommuu bulchu,+
4 Bulchiinsi isaa akka ifa barii yommuu aduun baatuu,+
Akka ganama duumessa hin qabnees ni taʼa.
Akka ifa bokkaan erga caamee booda ifuu,
Margis lafa irratti akka margu godhuu ni taʼa.’+
5 Manni koo Waaqayyo duratti akkuma kanaa mitii?
Inni anaa wajjin kakuu bara baraa galeera;+
Kakuun kunis sirrii fi amansiisaa dha.
Sababiin isaas, kakuun kun guutummaa fayyina koo fi gammachuu koo hundumaa ti;
Inni manni koo akka dagaagu kan godhe kanaaf mitii?+
6 Namoonni gatii hin qabne hundi garuu akka harangamaatti* gatamaniiru;+
Isaan harkaan walitti qabamuu hin dandaʼan.
7 Namni tokko yommuu isaan tuqu,
Miʼa sibiilaa hidhachuu fi muka eeboo qabachuu qaba,
Isaan bakkuma jiranitti guutummaatti ibiddaan gubamuu qabu.”
8 Maqaan loltoota jajjaboo+ Daawit kanneen kana dha: Yosheeb Baashebet Hakmoonicha isa dura buʼaa warra sadanii taʼe.+ Inni eeboo isaa mirmirsee takkaatti namoota 800 ajjeese. 9 Isatti aansuudhaan, Eleʼazaar+ ilma Doodoo+ ilma Ahohii yeroo taʼu, inni loltoota jajjaboo sadan warra yommuu isaan Filisxeemota doorsisanitti Daawitii wajjin turan keessaa tokko dha. Filisxeemonni achitti waraanaaf walitti qabamanii turan; namoonni Israaʼel yommuu baqatanittis, 10 inni bakka dhaabbatee utuu hin sochoʼin irreen isaa hamma butututti, akkasumas harki isaa goraadeetti gogee hamma hafutti Filisxeemota ni ajjeese.+ Kanaafuu, Yihowaan guyyaa sanatti injifannoo* guddaan akka argamu godhe;+ namoonni sunis warra ajjeefaman sana saamuuf isa duubaan deebiʼanii dhufan.
11 Isatti aansuudhaan Shaamaa ilma Agee Haraarichaa ture. Filisxeemonnis Lehiitti bakka maasiin misirri irra guute tokko jirutti walitti qabaman; namoonni sunis Filisxeemotaan kan kaʼe ni baqatan. 12 Inni garuu maasicha gidduutti iddoo isaatii utuu hin sochoʼin maasicha irraa isaan ittise; Filisxeemotas ni rukute; akka kanaan Yihowaan injifannoo* guddaa argamsiise.+
13 Dura buutota 30n keessaa sadan isaanii yeroo midhaan sassaabamutti gara Daawit isa holqa Adulaamitti+ argamutti gad buʼan; gareen* Filisxeemotaa tokkos Sulula* Refaayim+ keessa buufatee ture. 14 Yeroo sanatti Daawit dahoo keessa ture;+ buufanni loltoota Filisxeemotaa tokko immoo Beetaliheem keessa ture. 15 Achiis Daawit, “Boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaanan dhugu utuun argadhee natti tola ture!” jedhee fedhii isaa ibse. 16 Yeroo kanatti loltoonni jajjaboon sadan gara buufata Filisxeemotaatti cabsanii seenuudhaan, boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan; inni garuu bishaanicha dhuguu didee Yihowaadhaaf gad dhangalaase.+ 17 Achiis, “Yaa Yihowaa, kana gochuun anaaf wanta hin yaadamne dha! Dhiiga namoota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii deeman kanaa dhuguun qabaa?”+ jedhe. Kanaan kan kaʼes, bishaanicha dhuguu dide. Kun, wantoota loltoonni jajjaboon isaa sadan raawwatani dha.
18 Abishaay+ obboleessi Yoʼaab ilmi Zeruuyaa+ dura buʼaa namoota kan biroo sadii ture; inni eeboo isaa mirmirsee namoota 300 ni ajjeese; akkuma namoota sadaniis beekamaa ture.+ 19 Inni namoota sadan kaan caalaa beekamaa fi ajajaa isaanii yoo taʼe iyyuu, sadarkaa namoonni jalqabaa sadan sun qaban hin arganne.
20 Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa nama onnataa* Qaabzeʼel+ keessatti gochawwan gootummaa hedduu raawwate dha. Inni ilmaan Ariʼeel isa nama biyya Moʼaab taʼee lamaan ni ajjeese; akkasumas, guyyaa cabbiin buʼe tokkotti boolla bishaanii tokko keessa seenee leenca ajjeese.+ 21 Kana malees, inni namicha Gibxii akka malee guddaa taʼe tokko ajjeeseera. Namichi Gibxii sun harka isaatti eeboo kan qabate taʼus, inni garuu ulee qabatee isa loluu deeme; achiis eeboo namicha Gibxii sanaa harka isaa irraa butee, eeboo sanaan isa ajjeese. 22 Benaayaan ilmi Yehoyaadaa wantoota kana ni raawwate; inni akkuma loltoota jajjaboo sadan sanaa beekamaa ture. 23 Inni namoota soddomman caalaa beekamaa yoo taʼe iyyuu, sadarkaa namoonni sadan sun qaban hin arganne. Haa taʼu malee, Daawit ajajaa eegdota ofii isaa godhee isa muude.
24 Asaahel+ obboleessi Yoʼaab namoota soddomman keessaa tokko ture; namoonni soddomman kanneen kana dabalatu: Elhaanaan ilma Doodoo Beetaliheemichaa,+ 25 Shaamaa Haroodicha, Eliiqaa Haroodicha, 26 Heleez+ Paaleticha, Iiraa+ ilma Iqeesh Teqoohaatichaa, 27 Abiʼezer+ Anaatoticha,+ Mebunaay Hushaaticha, 28 Zaalmon Ahohicha, Maahaaraay+ Netooficha, 29 Heleeb ilma Baʼaanaa Netoofichaa, Iitaay ilma Ribaay Biiniyaamichaa isa nama Gibeʼaa taʼe, 30 Benaayaa+ Phiraatonicha, Hidaay isa nama sululawwan* Gaʼaash+ taʼe, 31 Abiʼalboon Arbaaticha, Azmaawet Baarhumicha, 32 Eliyaabaa Shaʼaalbonicha, ilmaan Yaasheen, Yonaataan, 33 Shaamaa Haraaricha, Ahiʼaam ilma Shaaraar Haraarichaa, 34 Elifeelet ilma Ahaasbaay ilma Maʼaakaatichaa, Eliyaam ilma Ahitoofel+ Giloonichaa, 35 Hezroo Qarmeelosicha, Paaʼaaraay Arbicha, 36 Yigʼaal ilma Naataan isa nama Zoobaa taʼee, Baanii Gaadicha, 37 Zeleeq Amoonicha, Naahaaraay Beʼeeroticha isa Yoʼaab ilma Zeruuyaatiif meeshaa waraanaa baatu, 38 Iiraa Yitricha, Gaareb Yitricha,+ 39 akkasumas Uuriyaa+ Heeticha; walumaa galatti namoota 37 turan.