-
1 Mootota 16:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+ 31 Ahaab daandii Yeroboʼaam+ ilma Nebaat irra deemuun isaa iyyuu itti hanqatee, Iizaabel+ ishii intala Etbaʼaal isa mootii Siidoonotaa+ taʼe sanaa ni fuudhe; akkasumas Baʼaaliin tajaajiluu+ fi isaaf sagaduu ni jalqabe.
-
-
2 Mootota 3:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti Yooraam+ ilmi Ahaab Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 12fis ni bulche.
-
-
2 Mootota 3:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Haa taʼu malee, inni cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhetti ni ciche.+ Isaan irraas hin gorre.
-
-
2 Mootota 13:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yoʼaas+ ilmi Akaaziyaa+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 23ffaa isaatti, Yehoʼahaaz ilmi Yehuu+ Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 17fis ni bulche. 2 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; cubbuu Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe hojjechuu isaas itti fufe.+ Isa irraas hin garagalle.
-