-
Lakkoofsa 11:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Kanaafuu, Museen gad baʼee wanta Yihowaan dubbate sabichatti hime. Achiis jaarsolii sabichaa gidduudhaa namoota 70 walitti qabee naannoo dunkaanichaa isaan dhaabbachiise.+ 25 Yihowaanis duumessicha keessaan gad buʼee+ isatti dubbate;+ sana booda hafuura isa irra ture sana irraa muraasa isaa fuudhee+ tokkoon tokkoon jaarsolii 70 sana irra kaaʼe. Hafuurichi akkuma isaan irra buʼeen isaan akka raajotaa taʼuu* jalqaban;+ sana booda garuu akkana hin taane.
-
-
Lakkoofsa 27:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Kanaafuu, Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Iyyaasuu ilma Nuun isa hafuurri irra jiru sana fuudhiitii harka kee isa irra kaaʼi.+
-