-
1 Seenaa Baraa 18:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 yeruma sana waaʼee nageenya isaa akka isa gaafatuu fi Hadaadʼezeeriin waraanee waan injifateef gammachuu isatti dhagaʼame akka isaaf ibsu, ilma isaa Hadoraamiin gara Daawit Mootichaatti erge (Hadaadʼezeer yeroo baayʼee Toʼuu wajjin wal waraana ture); innis miʼawwan warqii, miʼawwan meetii fi miʼawwan sibiila diimaa akaakuu adda addaa fidee dhufe. 11 Daawit Mootichi miʼawwan kana meetii fi warqii saboota hundumaa irraa fudhatee turee wajjin Yihowaadhaaf ni qulqulleesse;+ miʼawwan kunis warra inni Edoom, Moʼaab, Amoonota,+ Filisxeemotaa+ fi Amaaleqota+ irraa fudhate turan.
-