-
Baʼuu 12:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Israaʼelonnis akkuma Museen isaanitti himetti, faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata akka isaaniif kennan warra Gibxii ni gaafatan.+
-
-
2 Mootota 7:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Isaanis hamma Yordaanositti isaan duukaa buʼan; guutummaan karichaas uffataa fi miʼawwan warri Sooriyaa yommuu naasuudhaan baqatanitti gaggataniin guutamee ture. Namoonni ergaman sunis deebiʼanii wanta kana mootichatti himan.
16 Namoonnis baʼanii buufata warra Sooriyaa ni saaman; kanaan kan kaʼes, akkuma Yihowaan dubbatetti daakuun bullaaʼaan safartuun siihii tokko sheeqilii tokkoon, garbuun safartuun siihii lamas sheeqilii tokkoon ni gurgurame.+
-