-
Lakkoofsa 11:31-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Achiis bubbeen tokko Yihowaa biraa dhufee galaanicha irraa dimbiriqqee* oofee fidee naannoo buufatichaatti akka bubuʼan godhe;+ simbirroonni sun gama tokkoon gara adeemsa guyyaa tokkoo, gama kan biraatiinis gara adeemsa guyyaa tokkoo guutummaa naannoo buufatichaa bubbuʼanii turan; lafa irras gara dhundhuma* lamaa ol tuulamanii turan. 32 Kanaafuu, sabichi guyyaa sana guutuu, halkan sana guutuu fi guyyaa itti aanu guutuu dimbiriqqee sana walitti qabachaa oole. Namni homeerii* kudhanii gad walitti qabate hin jiru ture; isaanis guutummaa naannoo buufatichaatti isaan ni afan. 33 Haa taʼu malee, foonichi alanfatamuu isaa dura, utuma ilkaan isaanii gidduu jiruu aariin Yihowaa sabicha irratti ni bobaʼe; Yihowaanis sabicha gidduudhaa namoota hedduu fixuu jalqabe.+
34 Isaan namoota fedhii ofittummaa argisiisan+ sana achitti waan awwaalaniif, maqaa iddoo sanaa Qibroot Hataawaa*+ jedhanii moggaasan.
-