-
Uumama 15:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Achiis Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin taane keessatti orma taʼanii akka jiraatanii fi namoonni achi jiranis garboota godhatanii waggaa 400f akka isaan cunqursan beeki.+ 14 Haa taʼu malee, ani saba isaan tajaajiluuf jiran sana irratti nan murteessa;+ sana booda isaan miʼawwan hedduu fudhatanii achi keessaa ni baʼu.+
-
-
Baʼuu 3:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Dubartoonni hundi olloota isaanii fi dubartoota mana isaanii keessa jiraatan faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata haa gaafatan; isinis wantoota kana ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keessaniif ni gootu; warra Gibxiis ni saamtu.”+
-