-
Ruut 3:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Innis yeroo kanatti akkana ishiidhaan jedhe: “Yaa intala too, Yihowaan si haa eebbisu. Sooressas taʼe hiyyeessa dargaggoota duukaa buʼuu dhiisuudhaan, isa yeroo jalqabaa caalaa isa yeroo dhumaa kanatti jaalala amanamaa argisiisteetta.+ 11 Ammas yaa intala too, hin sodaatin. Namoonni magaalattii keessa jiran hundi* ati dubartii baʼeettii taʼuu kee waan beekaniif,+ wanta jette hundumaa siif nan godha.
-
-
Fakkeenya 19:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Mannii fi qabeenyi abbootii irraa dhaalama,
Haati manaa hubattuun garuu Yihowaa biraa argamti.+
-