-
Keessa Deebii 12:29-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 “Waaqni kee Yihowaan saboota ati biyya isaaniitii ariitu haxaaʼee yommuu balleessuttii+ fi atis biyya isaanii keessa yommuu jiraattutti, 30 isaan si duraa haxaaʼamanii erga balleeffamanii booda kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. ‘Saboonni kun waaqolii isaanii tajaajiluu barsiifata kan godhatan akkamitti? Anis akkanuma nan godha’ jettee waaʼee waaqolii isaanii hin gaafatin.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii illee waaqolii isaaniitiif ibiddaan gubuudhaan, wanta jibbisiisaa Yihowaan jibbu hundumaa waaqolii isaaniitiif ni godhu; ati garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf wanta akkanaa hin godhin.+
-