-
Maarqos 5:25-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yeroo kanatti dubartiin waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼaa+ ture tokko jirti turte.+ 26 Ogeeyyii fayyaa hedduu bira dhaquudhaan baayʼee kan dhiphattee fi wanta qabdu hundumaa kan fixxe taʼus, ittuma hammaate malee itti hin wayyoofne. 27 Ishiin waaʼee Yesuus yommuu dhageessu, namoota hedduu gidduudhaan duuba isaatiin dhuftee uffata isaa tuqxe;+ 28 sababiin isaas ishiin, “Uffata isaa qofa illee yoon tuqe nan fayya”+ jettee yaaddi turte. 29 Dhiigni ishii dhangalaʼaa tures yeruma sana ni dhaabbate; dhukkuba ishii isa ishii dhiphisu irraa akka fayyites qaama ishii keessatti itti beekame.
30 Yesuusis yeruma sana humni+ akka isa keessaa baʼe itti dhagaʼame; uummaticha gidduudhaa duubatti garagalee, “Eenyutu uffata koo tuqe?”+ jedhee gaafate. 31 Barattoonni isaa garuu, “Namoonni hedduun akka si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?” isaan jedhan. 32 Inni garuu eenyu akka isa tuqe beekuuf naannoo isaa ilaale. 33 Dubartiin fayyuu ishii hubatte sun sodaadhaan hollachaa dhuftee isa duratti kuftee wanta tokko utuu hin hambisin dhugaa isaa isatti himte. 34 Innis, “Intala too, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi;+ dhukkuba kee isa si dhiphisu irraas fayyi”+ ishiidhaan jedhe.
-
-
Luqaas 8:43-48Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
43 Yeroo kanatti dubartiin waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼaa+ ture tokko jirti turte; taʼus eenyu iyyuu ishii fayyisuu hin dandeenye.+ 44 Ishiinis duuba isaatiin dhuftee fiixee uffata isaa+ tuqxe; dhiigni ishii dhangalaʼaa tures yeruma sana dhaabbate. 45 Kanaafuu Yesuus, “Eenyutu na tuqe?” jedhe. Hundi isaanii, “Ana miti” jedhanii yommuu haalanitti Pheexiros, “Barsiisaa, namoonni hedduun sitti marsanii si dhiibaa jiru mitii?”+ jedhe. 46 Yesuus garuu, “Humni+ akka na keessaa baʼe waan natti beekameef, namni tokko na tuqeera” jedhe. 47 Dubartiin sunis utuu ishii irratti hin beekamin deemuu akka hin dandeenye yommuu hubattu hollachaa dhuftee isa duratti kuftee maaliif akka isa tuqxee fi akkamitti yeruma sana akka fayyite namoota sana hunda duratti dubbatte. 48 Inni garuu, “Intala too, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi”+ ishiidhaan jedhe.
-