-
Maatewos 9:20-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Yeroo kanatti dubartiin dhiigni ishii dhangalaʼuudhaan+ waggaa 12f dhiphachaa turte tokko duuba isaatiin dhuftee fiixee uffata isaa tuqxe;+ 21 ishiin garaa ishiitti, “Ani uffata isaa qofa yoon tuqe illee nan fayya” jettee yaadaa turte. 22 Yesuus of irra garagalee ishii ilaalee, “Intala too, jabaadhu! Amantiin kee si fayyiseera”+ ishiidhaan jedhe. Dubartiin sunis saʼaatii sanaa kaasee ni fayyite.+
-
-
Maarqos 5:25-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yeroo kanatti dubartiin waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼaa+ ture tokko jirti turte.+ 26 Ogeeyyii fayyaa hedduu bira dhaquudhaan baayʼee kan dhiphattee fi wanta qabdu hundumaa kan fixxe taʼus, ittuma hammaate malee itti hin wayyoofne. 27 Ishiin waaʼee Yesuus yommuu dhageessu, namoota hedduu gidduudhaan duuba isaatiin dhuftee uffata isaa tuqxe;+ 28 sababiin isaas ishiin, “Uffata isaa qofa illee yoon tuqe nan fayya”+ jettee yaaddi turte. 29 Dhiigni ishii dhangalaʼaa tures yeruma sana ni dhaabbate; dhukkuba ishii isa ishii dhiphisu irraa akka fayyites qaama ishii keessatti itti beekame.
-