-
Maatewos 26:2-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Akkuma beektan guyyaa lama booda Ayyaanni Faasikaa ni kabajama;+ Ilmi namaas muka irratti akka fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”+
3 Yeroo kanatti dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa mooraa mana luba ol aanaa Qayyaafaa+ jedhamuu keessatti walitti qabamanii, 4 haxxummaadhaan Yesuusiin qabanii ajjeesuuf mariʼatan.+ 5 Haa taʼu malee, “Uummaticha gidduutti jeequmsi akka hin uumamnetti, yeroo ayyaanichaatti taʼuu hin qabu” jedhan.
-