-
Hojii Ergamootaa 9:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Saaʼol garuu barattoota Gooftaa rakkisuu fi isaan ajjeesuuf dhaadachaa+ gara luba ol aanaa dhaqe; 2 achiis dhiirotas taʼan dubartoota nama Daandii Gooftaa hordofu kam iyyuu yoo argate, hidhee gara Yerusaalemitti fiduu akka dandaʼuuf manneen sagadaa Damaasqoo jiranitti xalayaan akka isaaf barreeffamu gaafate.+
-
-
Hojii Ergamootaa 26:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Ani iyyuu maqaa Yesuus isa nama Naazireet sanaa hamman dandaʼe mormuu akkan qabu nan amanan ture. 10 Wantin Yerusaalem keessatti godhes kanuma ture; dura buutota lubootaa irraa aangoo fudhadhee,+ qulqulloota hedduu mana hidhaatti galcheera;+ yommuu isaan ajjeefamuuf jedhanittis yaada kana deggereera. 11 Yeroo baayʼee mana sagadaa hunda keessatti isaan adabuudhaan, amantii isaanii akka ganan dirqisiisuuf yaaleera; akka malee waanan isaanitti aareefis magaalota kan biroo keessatti illee ariʼatama isaan irra geessiseera.
-
-
1 Ximotewos 1:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Tajaajilaaf na muuduudhaan amanamaa akkan taʼetti waan na lakkaaʼeef,+ Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa humna naa kenne nan galateeffadha; 13 ani kanaan dura Waaqayyoon arrabsaa, saba isaa ariʼachaa fi of tuulaa kanan ture taʼus,+ inni kana naaf godheera. Taʼus, kana kanan godhe wallaalummaa fi amantii dhabuudhaan waan taʼeef gara laafina natti argisiiseera.
-