Keessa Deebii
10 “Yeroo sanatti Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Gabateewwan dhagaa warra jalqabaa fakkaatan lama bociitii+ gaaricha irratti gara kootti ol baʼi; taabota* tokkos ofii keetiif muka irraa tolfadhu. 2 Anis gabateewwan kana irratti jechoota gabateewwan dhagaa warra jalqabaa warra ati caccabsite sana irra turan nan barreessa; atis taaboticha keessa isaan kaaʼi.’ 3 Kanaafuu, muka laaftoo irraa taabota tokko nan tolche; achiis gabateewwan dhagaa warra jalqabaa fakkaatan lama bocee gabateewwan lamaan sana harka kootti qabadhee gaarichatti ol nan baʼe.+ 4 Innis jechoota duraan barreesse,+ jechuunis Ajajawwan Kurnan*+ warra Yihowaan guyyaa yaaʼichaatti*+ gaaricha irratti ibidda keessaa isinitti dubbate sana+ gabateewwan kana irratti ni barreesse; achiis Yihowaan gabateewwan sana natti kenne. 5 Anis deebiʼee gaaricha irraa gad nan buʼe;+ achiis akkuma Yihowaan na ajajetti gabateewwan kana bakkuma amma jiran, jechuunis taabota ani tolche keessa nan kaaʼe.
6 “Achiis Israa’elonni Beʼeerot Benee Yaʼaaqaan irraa kaʼanii gara Moseraa dhaqan. Aaron achitti duʼee awwaalame;+ ilmi isaa Eleʼazaaris bakka isaa luba taʼee tajaajiluu jalqabe.+ 7 Achii kaʼaniis gara Gudgoodaatti qajeelan; Gudgoodaa irraa kaʼaniis gara Yotbaataa+ ishii lageen qabdutti qajeelan.
8 “Akkuma hamma harʼaatti gochaa jiranitti, taabota kakuu Yihowaa akka baataniif,+ isa tajaajiluuf Yihowaa dura akka dhaabbatanii fi maqaa isaatiin akka eebbisaniif+ yeroo sanatti Yihowaan gosa Leewwii adda ni baase.+ 9 Leewwiidhaaf obboloota isaa wajjin gaʼee yookin yookiin dhaalli kan hin kennamne kanaafi. Akkuma Waaqni kee Yihowaan isatti himetti, gaʼeen isaa Yihowaa dha.+ 10 Anis akkuman jalqaba godhetti guyyaa 40 fi halkan 40 gaaricha irra nan ture;+ Yihowaan yeroo sanattis na dhagaʼeera.+ Yihowaan si balleessuu hin barbaanne. 11 Achiis Yihowaan, ‘Isaan biyya ani isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakadhetti seenanii dhaalaan akka fudhataniif,+ sabicha dura buʼiitii deemuuf qophaaʼi’ naan jedhe.
12 “Yaa Israaʼel, Waaqni kee Yihowaan maal si irraa barbaada?+ Wanti inni si irraa barbaadu, Waaqa kee Yihowaa akka sodaattu,+ daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemtu,+ akka isa jaallattu, garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaan Waaqa kee Yihowaa akka tajaajiltu,+ 13 akkasumas ajajawwanii fi dambiiwwan Yihowaa warra ani faayidaa keetiif harʼa si ajaju kana akka eegdu qofa dha.+ 14 Kunoo, samiin, samiin samiiwwanii illee, laftii fi wanti ishii irra jiru hundis kan Waaqa kee Yihowaa ti.+ 15 Haa taʼu malee, Yihowaan kan itti dhihaatee fi jaalala isaa kan ibse abbootii keetti qofa dha; inni akkuma harʼa taʼetti saboota hundumaa keessaa isin warra sanyii isaanii taatan filateera.+ 16 Ammas garaa keessan qulqulleeffadhaa;+ mata jabeeyyii taʼuu keessanis dhiisaa.*+ 17 Sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan Waaqa waaqolii,+ Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaatamaa taʼe dha; inni eenyuuf iyyuu hin loogu,+ mattaʼaas hin fudhatu. 18 Inni mucaa abbaa* hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haqaan ni murteessa;+ nama biyya ormaa ni jaallata;+ nyaataa fi uffatas isaaf ni kenna. 19 Biyya Gibxii keessatti namoota biyya ormaa waan turtaniif, isinis nama biyya ormaa jaallachuu qabdu.+
20 “Waaqa kee Yihowaa sodaadhu, isa tajaajili,+ isatti maxxani, maqaa isaatiinis kakadhu. 21 Isa jajadhu.+ Inni Waaqa kee isa wantoota guguddoo fi sodaachisoo ati ijuma keetiin argite kana hundumaa siif raawwate sana dha.+ 22 Abbootiin kee yeroo gara Gibxiitti gad buʼanitti namoota* 70 turan;+ amma garuu Waaqni kee Yihowaan akkuma urjiilee samiitti si baayʼiseera.+