Mootota Tokkoffaa
8 Yeroo sanatti Solomoon jaarsolii Israaʼel, dura buutota gosootaa hundumaa fi dura buutota abbootii manneen Israaʼel+ walitti ni qabe.+ Isaanis taabota kakuu Yihowaa Xiyoon+ ishii Magaalaa Daawit+ taate keessaa fiduuf Solomoon Mooticha isa Yerusaalemitti argamu bira dhufan. 2 Namoonni Israaʼel hundi jiʼa Etaaniim,* jechuunis jiʼa torbaffaatti ayyaanicha* irratti Solomoon Mooticha duratti walitti ni qabaman.+ 3 Jaarsoliin Israaʼel hundis ni dhufan; luboonnis Taaboticha ol fuudhanii baatan.+ 4 Isaanis Taabota Yihowaa, dunkaana walgaʼii+ fi miʼawwan qulqulluu dunkaanicha keessa jiran hundumaa ni fidan. Luboonnii fi Leewwonni wantoota kana ni fidan. 5 Solomoon Mootichii fi guutummaan yaaʼii Israaʼel warri gara isaa akka dhufan waamaman Taabota sana dura jiru turan. Hoolonnii fi loon baayʼina isaaniitiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye hedduunis aarsaa godhamanii dhihaatan.+
6 Achiis luboonni taabota kakuu Yihowaa sana fidanii kutaa manichaa isa keessaa,+ jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa qoochoowwan kiruubelotaa sana jala bakka isaaf qophaaʼe ni kaaʼan.+
7 Kanaafuu, qoochoowwan kiruubelotaa sun bakka Taabotichi taaʼu irratti diriiranii turan; kanaan kan kaʼes, kiruubelonni sun Taabotichaa fi danqaraawwan isaa golboobanii turan.+ 8 Danqaraawwan+ sun baayʼee dhedheeroo waan turaniif, Kutaa Qulqulluu kutaa isa keessaa fuuldura jiru keessa dhaabbatanii fiixeewwan isaanii arguun ni dandaʼama ture; alaan garuu arguun hin dandaʼamu ture. Isaanis hamma harʼaatti achitti ni argamu. 9 Gabateewwan dhagaa lamaan+ yommuu sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼanii+ fi Yihowaan isaanii wajjin kakuu galetti+ Museen Horeebitti achi keessa kaaʼeen+ alatti wanti kan biraan Taaboticha keessa hin jiru ture.
10 Yommuu luboonni iddoo qulqulluu sanaa gad baʼanitti duumessichi+ mana Yihowaa ni guute.+ 11 Ulfinni Yihowaa mana Yihowaa waan guuteef, duumessichaan kan kaʼe luboonni achi dhaabbatanii tajaajiluu hin dandeenye.+ 12 Yeroo kanatti Solomoon akkana jedhe: “Yihowaan duumessa gurraacha+ keessa akka jiraatu dubbateera. 13 Ani mana ulfina qabeessa iddoo dhaabbataa ati bara baraaf keessa jiraattu+ siif ijaareera.”
14 Achiis mootichi guutummaan gumii Israaʼel utuma dhaabbatee jiruu garagalee guutummaa gumii Israaʼel eebbisuu jalqabe.+ 15 Akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel haa jajamu; inni akkana jechuudhaan waadaa afaanuma isaatiin abbaa koo Daawitiif gale harkuma isaatiin raawwateera: 16 ‘Guyyaa ani saba koo Israaʼeliin Gibxiidhaa itti baasee jalqabee mana maqaan koo ittiin waamamu achitti ijaaruuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa magaalaa tokko illee hin filanne;+ haa taʼu malee, saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuuf Daawitiin filadheera.’ 17 Abbaan koo Daawitis mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaaruun hawwii garaa isaa ture.+ 18 Yihowaan garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe: ‘Mana maqaa kootiif taʼu ijaaruun hawwii garaa keetii ture; garaa keetti kana hawwuun kee gaarii dha. 19 Haa taʼu malee, ati manicha hin ijaartu; kanaa mannaa mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru ilma kee isa si irraa dhalatu* dha.’+ 20 Yihowaan waadaa gale raawwateera; akkuma Yihowaan waadaa galetti ani bakka abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeera. Kana malees, ani mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaareera;+ 21 akkasumas ani bakka Taabonni inni kakuu Yihowaan yeroo abbootii keenya biyya Gibxiitii baasetti isaanii wajjin gale qabate+ keessa taaʼus qopheesseera.”
22 Achiis Solomoon iddoo aarsaa Yihowaa dura, guutummaa gumii Israaʼel fuuldura dhaabbatee harka isaa gara samiitti ol kaasee+ 23 akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, tajaajiltoota isaa warra garaa isaanii guutuudhaan isa dura deemaniif+ kakuu isaa kan eeguu fi jaalala amanamaa+ kan argisiisu ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqni akka keetii hin jiru.+ 24 Ati waadaa tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte eegdeetta. Waadaa afaanuma keetiin galtes harʼa harkuma keetiin raawwatteetta.+ 25 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+ 26 Ammas yaa Waaqa Israaʼel, maaloo, waadaan ati tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte haa raawwatamu.
27 “Garuu Waaqni dhuguma lafa irra ni jiraataa?+ Kunoo, samiin, eeyyee samiin samiiwwanii si baachuu hin dandaʼan;+ manni ani ijaare kun immoo hammam haa xinnaatu ree!+ 28 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi wawwaannaa fudhatama argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi; iyya tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhageessisuu fi kadhannaa harʼa si duratti dhiheessu dhaggeeffadhu. 29 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, halkanii fi guyyaa ijji kee gara bakka ati, ‘Maqaan koo achi ni taʼa’+ jette kanaatti kan baname haa taʼu.+ 30 Kadhannaa tajaajilaan kee fudhatama argachuuf dhiheessuu fi sabni kee Israaʼel gara bakka kanaatti kadhannaa gochuudhaan wawwaannaa dhiheessan dhagaʼi; samii isa bakka jireenyaa kee taʼe keessaa dhagaʼi;+ eeyyee, dhagaʼi; dhiifamas godhi.+
31 “Namni tokko nama kan biraa irratti cubbuu yoo hojjetee fi akka kakatu yoo godhame,* kakaa* isaa sanattis kan itti gaafatamu yoo taʼe, utuu kakaa* sana jala jiruus iddoo aarsaa keetii isa mana kana keessa jiru duratti yoo dhihaate,+ 32 ati samii keessaa dhagaʼi; isa hamaa yakkamaa* taʼuu isaa ibsitee wanta inni raawwate mataa isaa irratti deebisuudhaan, isa qajeelaa taʼe immoo qulqulluu* taʼuu isaa ibsitee akka qajeelummaa isaatti isa kiisuudhaan tarkaanfii fudhadhu; tajaajiltoota keetiifis murtii kenni.+
33 “Sabni kee Israaʼel irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe diinota isaaniitiin yommuu moʼamanitti,+ gara keetti deebiʼanii maqaa keetiif ulfina yoo kennan,+ mana kana keessatti yoo kadhannaa dhiheessanii fi fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 34 ati samii keessaa dhagaʼiitii cubbuu sabni kee Israaʼel hojjeteef dhiifama godhi; gara biyya abbootii isaaniitiif kennitettis isaan deebisi.+
35 “Isaan irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe+ samiin cufamee bokkaan roobuu yommuu didutti,+ ati gad waan isaan qabdeef* isaan gara iddoo kanaatti kadhannaa yoo dhiheessan, maqaa keetiif ulfina yoo kennanii fi cubbuu isaanii irraa yoo deebiʼan,+ 36 samii keessaa isaan dhagaʼiitii cubbuu tajaajiltoota kee saba Israaʼeliif dhiifama godhi; daandii isa gaarii irra deemuu qaban isaan barsiisi;+ biyya kee isa saba keetiif dhaalaan kennite irrattis bokkaa roobsi.+
37 “Biyyattii irratti beelli+ yookiin golfaan yookiin bubbeen waxalu* yookiin waagiin+ yookiin hoomaan awwaannisaa yookiin awwaannisni* hin quufne yoo dhufe yookiin diinni isaanii magaalota biyyattii* kamitti iyyuu yoo isaanitti marse yookiin dhaʼichi yookiin dhukkubni kan biraan akkamii iyyuu yoo uumame,+ 38 namni kam iyyuu yookiin sabni kee Israaʼel hundi (namni hundi madaa garaa isaa waan beekuuf)+ kadhannaa akkamii iyyuu dhiheessuuf, akkasumas fudhatama argachuuf wawwaannaa+ akkamii iyyuu dhiheessuuf harka isaanii gara mana kanaatti yommuu ol kaasan, 39 bakka jireenyaa kee+ samii keessaa dhagaʼiitii dhiifama godhi;+ tarkaanfiis fudhadhu; garaa isaa kan beeku si waan taʼeef (dhugumaan garaa nama hundumaa kan beeku si qofa dha)+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandiiwwan isaa hundumaatti isaaf deebisi;+ 40 kunis, biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa yeroo jiraatan hundumaatti akka si sodaataniifi.
41 “Kana malees, namni biyya ormaa saba kee Israaʼel keessaa hin taanee fi maqaa keetiin kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufe tokko+ 42 (isaan waaʼee maqaa kee isa guddaa,+ harka kee isa jabaa fi irree kee isa diriirfame waan dhagaʼaniif), dhufee gara mana kanaatti kadhannaa yoo dhiheesse, 43 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa+ dhagaʼi; sabni lafa irraa hundi akkuma saba kee Israaʼel maqaa kee akka beekanii fi akka si sodaataniif,+ akkasumas maqaan kee mana ani ijaare kana irratti akka waamamu akka beekaniif, wanta namni biyya ormaa sun si kadhate hunda isaaf godhi.
44 “Sabni kee diina isaanii waraanuuf karaa ati isaan ergite irra yoo deeman,+ isaanis gara kallattii magaalaa ati filatte+ kanaattii fi gara mana ani maqaa keetiif ijaare+ kanaatti Yihowaatti kadhannaa yoo dhiheessan,+ 45 ati samii keessaa kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni.
46 “Isaan si irratti cubbuu yoo hojjetan (silaa namni cubbuu hin hojjenne hin jiru),+ atis isaanitti baayʼee aartee diina tokkotti dabarsitee yoo isaan kennite, warri isaan boojiʼan sunis boojuudhaan gara biyya diinaa fagoos taʼe dhihootti yoo isaan geessan,+ 47 isaaniis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii gara qalbii isaaniitti yoo deebiʼanii+ fi gara keetti yoo garagalan,+ biyya namoota isaan boojiʼan sanaa keessa utuu jiraniis, ‘Cubbuu fi dogoggora raawwanneerra; hammina raawwanneerra’+ jedhanii fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 48 isaanis biyya diinonni isaanii boojuudhaan itti isaan fudhatan keessa utuu jiranii garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan gara keetti yoo deebiʼan,+ gara kallattii biyya isaanii isa ati abbootii isaaniitiif kennitettii fi magaalaa ati filatteetti, akkasumas gara mana ani maqaa keetiif ijaaretti kadhannaa yoo sitti dhiheessan,+ 49 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa+ kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni; 50 yakka isaan si irratti raawwatan hunda isaaniif dhiisuudhaan, saba kee warra si irratti cubbuu hojjetaniif dhiifama godhi. Ati warri isaan boojiʼan akka isaaniif gaddan ni goota; isaanis isaaniif ni gaddu+ 51 (isaan saba kee warra dhaala+ kee taʼan, warra ati Gibxii ishii iddoo ibiddaa* sibiila itti baqsan+ taate keessaa baaste+ dha). 52 Ijji kee wawwaannaa tajaajilaan kee fudhatama argachuuf dhiheessuu+ fi yommuu isaan si waammatan hundatti isaan dhagaʼuudhaan* wawwaannaa sabni kee Israaʼel fudhatama argachuuf dhiheessaniif kan baname haa taʼu.+ 53 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, yommuu abbootii keenya Gibxiidhaa baaste akkuma karaa tajaajilaa kee Musee dubbattee turtetti, saba lafa irraa hunda keessaa isaaniin addaan baastee dhaala kee godhatteetta.”+
54 Solomoon kadhannaa kanaa fi wawwaannaa fudhatama argachuuf dhiheessu kana hunda Yihowaadhaaf dhiheessee akkuma xumureen, iddoo aarsaa Yihowaa sana fulduraa bakka jilbeenfatee harka isaa gara samiitti itti ol kaasee ture irraa ni kaʼe.+ 55 Achiis sagalee guddaadhaan guutummaa gumii Israaʼel akkana jedhee eebbise: 56 “Yihowaan inni akkuma abdachiisetti saba isaa Israaʼeliif bakka boqonnaa kenne haa jajamu.+ Waadaa gaarii inni karaa tajaajilaa isaa Musee gale hunda keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne.+ 57 Yihowaan Waaqni keenya akkuma abbootii keenyaa wajjin ture nuu wajjinis haa taʼu.+ Inni nu hin gatin, nu hin dhiisinis.+ 58 Inni daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemnuuf, ajajawwan isaa, dambiiwwan isaa fi murtiiwwan isaa warra inni abbootiin keenya akka eeganiif isaan ajaje akka eegnuuf garaa keenya gara ofii isaatti haa deebisu.+ 59 Kadhannaan ani fudhatama argachuuf Yihowaatti dhiheesse kun halkanii fi guyyaa Waaqa keenya Yihowaa duratti haa yaadatamu; inni tajaajilaa isaatii fi saba isaa Israaʼeliif guyyaa guyyaadhaan murtii barbaachisaa taʼe haa kennu; 60 kunis sabni lafa irraa hundi Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa akka beekaniifi.+ Isa malee Waaqni kan biraan hin jiru!+ 61 Kanaafuu, akkuma harʼa gootan, dambiiwwan isaatiin deemuu fi ajajawwan isaa eeguudhaan garaan keessan Waaqa keenya Yihowaa duratti guutuu* haa taʼu.”+
62 Achiis mootichii fi guutummaan Israaʼel warri isaa wajjin turan Yihowaa duratti aarsaa guddaa dhiheessan.+ 63 Solomoon loon 22,000 fi hoolota 120,000 Yihowaadhaaf aarsaawwan gamtaa+ godhee ni dhiheesse. Akka kanaan mootichii fi Israaʼelonni hundi mana Yihowaa ni eebbisan.+ 64 Iddoon aarsaa sibiila diimaa+ inni Yihowaa dura jiru xinnoo taʼuu isaatiin kan kaʼe aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi cooma aarsaawwan gamtaa sana qabachuu waan hin dandeenyeef, guyyaa sanatti mootichi aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi cooma+ aarsaawwan gamtaa sana achitti dhiheessuuf, gidduu mooraa isa mana Yihowaa dura jiru ni qulqulleesse. 65 Yeroo sanatti Solomoon guutummaa Israaʼel, jechuunis gumii guddaa biyya Lebo Hamaatii* hanga Laga Gogaa* Gibxiitti+ argamu irraa dhufee wajjin Waaqa keenya Yihowaa duratti guyyaa 7f achiis guyyaa dabalataa 7f, walumatti guyyaa 14f ayyaanicha ni ayyaaneffate.+ 66 Guyyaa itti aanuttis* inni namoota sana ni geggeesse; isaanis mooticha ni eebbisan; gaarummaa Yihowaan tajaajilaa isaa Daawitittii fi saba isaa Israaʼelitti argisiise hundaan kan kaʼes ililchaa fi garaan isaanii gammadaa+ gara mana mana isaanii deeman.