Hojii Ergamootaa
15 Yeroo kanatti namoonni tokko tokko Yihudaadhaa gad buʼanii, “Akka Seera Museetti yoo dhaqna qabattan malee+ fayyuu hin dandeessan” jedhanii obboloota barsiisuu jalqaban. 2 Kanaafuu, Phaawulosii fi Barnaabaas namoota sanaa wajjin mormii fi falmii guddaa erga godhanii booda, Phaawulosii fi Barnaabaas, akkasumas namoonni kan biroon tokko tokko dhimma* kana ergamootaa fi jaarsolii Yerusaalemitti argamanitti akka dhiheessan+ qophiin ni godhame.
3 Kanaafuu, namoonni kun gumichi hamma tokko erga isaan geggeessee booda, saboonni kaan jijjiiramuu isaanii balʼinaan isaanitti himaa Fiinqee fi Samaariyaa keessa darban; obboloota hundas baayʼee gammachiisan. 4 Yommuu Yerusaalem gaʼanittis gumichi, ergamoonnii fi jaarsoliin gaarummaadhaan isaan simatan; isaanis wantoota hedduu Waaqayyo karaa isaanii raawwate isaanitti himan. 5 Miseensota garee amantii Fariisotaa keessaa warri amantoota taʼan tokko tokko garuu teessuma isaanii irraa kaʼanii, “Dhaqna isaan qabuu fi Seera Musee akka eegan isaan ajajuun barbaachisaa dha” jedhan.+
6 Kanaafuu, ergamoonnii fi jaarsoliin dhimma kana qoruuf walitti qabaman. 7 Marii cimaan* erga godhamee booda, Pheexiros kaʼee akkana isaaniin jedhe: “Yaa obbolootaa, saboonni kaan dubbii misiraachichaa afaan koo irraa akka dhagaʼanii fi akka amananiif Waaqayyo yeroo dheeraa dura isin gidduudhaa na filachuu isaa akka gaariitti beektu.+ 8 Waaqayyo inni garaa namaa beeku,+ akkuma nuuf godhe isaaniifis hafuura qulqulluu kennuudhaan+ dhugaa baʼeera. 9 Kana malees, inni nuu fi isaan gidduutti garaa garummaa hin goone;+ kanaa mannaa, amantii isaaniitiin garaa isaanii qulqulleesseera.+ 10 Maarree, isin waanjoo abbootiin keenyas taʼe nuti baachuu hin dandeenye+ gateettii barattootaa irra kaaʼuudhaan+ maaliif Waaqayyoon qortu? 11 Nuti karaa gaarummaa guddaa Gooftaa keenya Yesuusiin akka fayyine ni amanna;+ isaanis kana ni amanu.”+
12 Yeroo kanatti namoonni sun hundi callisanii, Barnaabaasii fi Phaawulos mallattoo fi dinqii hedduu Waaqayyo karaa isaanii saboota kaan gidduutti raawwate yommuu dubbatan dhaggeeffachuu jalqaban. 13 Erga isaan dubbii isaanii xumuranii booda, Yaaqoob akkana jedhee deebise: “Yaa obbolootaa, na dhaggeeffadhaa. 14 Waaqayyo saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf, yeroo jalqabaatiif akkamitti xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti akka naannesse+ Simiʼoon+ akka gaariitti ibseera. 15 Wanti Raajonni dubbatanii fi akkana jedhamee barreeffames kanaa wajjin wal sima: 16 ‘Wantoota kana booda ani deebiʼee dunkaana* Daawit isa jige lammata ol nan kaasa; diiggaa isaa deebisee nan ijaara, iddoottis nan deebisa; 17 kanas kanan godhu, namoonni hafan namoota saboota hundumaa keessaa dhufan, jechuunis warra maqaa kootiin waamamanii wajjin taʼanii garaa guutuudhaan Yihowaa* akka barbaaddataniifi, jechuudhaan Yihowaan* inni wantoota kana raawwate dubbateera;+ 18 wantoonni kunis bara duriitii jalqabee ni beekamu.’+ 19 Kanaafuu, akka ilaalcha* kootti namoota saboota kaan keessaa gara Waaqayyootti deebiʼan utuu rakkisuu baannee gaarii dha;+ 20 kanaa mannaa, wantoota waaqolii tolfamoodhaan xuraaʼan irraa,+ halalummaa* irraa,+ foon horii hudhamee* duʼee irraa, akkasumas dhiiga irraa akka fagaatan+ isaaniif haa barreessinu. 21 Bara duriitii jalqabee Museen namoota magaalaa hunda keessatti dubbii isaa lallaban qaba ture; sababiin isaas, kitaabonni isaa namoonni akka dhaggeeffataniif yeroo hunda sanbata sanbata mana sagadaa keessatti ni dubbifamu.”+
22 Achiis ergamoonnii fi jaarsoliin guutummaa gumichaa wajjin taʼuudhaan, namoota isaan gidduudhaa filataman Phaawulosii fi Barnaabaasii wajjin gara Anxokiyaatti erguuf murteessan; akka kanaan Yihudaa isa Barsaabaas jedhamuu fi Siilaas+ warra obboloota gidduutti itti gaafatamummaa qaban achitti ergan. 23 Xalayaa akkana jedhus barreessanii karaa isaanii ergan:
“Obboloota keessan ergamootaa fi jaarsolii irraa, obboloota keenya saboota kaan keessaa dhuftanii fi Anxokiyaa,+ Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jirtaniif: Nagaan isiniif haa taʼu! 24 Namoonni tokko tokko utuu nuti ajaja tokko illee isaaniif hin kennin nu gidduudhaa baʼanii,+ dubbii isaaniitiin isin* rakkisanii amantii irraa isin garagalchuuf yaalii gochuu isaanii dhageenyeerra; 25 kanaafuu, namoota filannee obboloota keenya jaallatamoo Barnaabaasii fi Phaawulosii wajjin gara keessanitti erguuf sagalee tokkoon murteessineerra; 26 isaan maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif lubbuu isaanii kennaniiru.+ 27 Dubbii kana afaaniinis akka isinitti himaniif Yihudaa fi Siilaasiin gara keessanitti ergineerra.+ 28 Sababiin isaas, wantoota barbaachisoo taʼan kanaan alatti baʼaa dabalataa akka isinitti hin feene, hafuurri qulqulluu+ fi nuti murteessineerra: 29 wantoota waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼan irraa,+ dhiiga irraa,+ foon horii hudhamee* duʼee irraa,+ akkasumas halalummaa* irraa fagaadhaa.+ Wantoota kana irraa guutummaatti yoo fagaattan gaarii isiniif taʼa. Nagaa wajjin!”
30 Kanaafuu, namoonni kun kaʼanii gara Anxokiyaatti gad buʼan; namoota achitti argaman hunda walitti qabanii xalayaa sana isaanitti kennan. 31 Isaanis xalayicha erga dubbisanii booda, jajjabina argatanitti baayʼee gammadan. 32 Yihudaa fi Siilaas raajota waan turaniif, haasaa hedduu dhiheessanii obboloota jajjabeessan.+ 33 Yeroo muraasa erga achitti dabarsanii booda, obboloonni nagaadhaan gara warra isaan erganitti isaan geggeessan. 34* —— 35 Phaawulosii fi Barnaabaas garuu namoota kaan hedduu wajjin misiraachoo dubbii Yihowaa* barsiisaa fi lallabaa Anxokiyaa keessa turan.
36 Guyyoota muraasa booda Phaawulos Barnaabaasiin, “Mee amma obboloonni magaalota dubbii Yihowaa* itti lallabne hunda keessa jiran, haala akkamii keessatti akka argaman ilaaluuf deebinee isaan haa daawwannu” jedhe.+ 37 Barnaabaas, Yohaannis inni Maarqos jedhamu isaanii wajjin akka deemu murteessee ture.+ 38 Phaawulos garuu Maarqos Phamfiliyaatti isaan biraa waan deebiʼeef, hojichaafis isaanii wajjin waan hin deemneef, isaanii wajjin akka deemu hin barbaanne.+ 39 Yeroo kanatti falmii guddaan isaan gidduutti waan kaʼeef gargar baʼan; Barnaabaas+ Maarqosiin fudhatee dooniidhaan gara Qophros dhaqe. 40 Phaawulos immoo Siilaasiin filate; achiis obboloonni gaarummaa Yihowaa* isa guddaatti imaanaadhaan erga isa kennanii booda ni deeme.+ 41 Gumiiwwan jajjabeessaa Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa darbee deeme.