Sefaaniyaa
2 Labsichi hojii irra ooluu isaa dura,
Guyyichi akka galabaatti darbuu isaa dura,
Dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu isin irratti dhufuu isaa dura,+
Guyyaan dheekkamsa Yihowaa isin irratti dhufuu isaa dura,
3 Isin garraamonni* lafa irraa hundi,
Isin warri labsiiwwan* isaa warra qajeeloo eegdan, Yihowaa barbaaddadhaa.+
Qajeelummaa barbaaddadhaa, garraamummaas* barbaaddadhaa.
Tarii guyyaa dheekkamsa Yihowaatti ni golgamtu taʼa.+
4 Sababiin isaas, Gaazaan magaalaa dhiifamte ni taati;
Ashqaloon ni onti.+
Jiraattonni Ashdood guyyaa saafaa oofamanii fudhatamu,
Eqroon ni buqqifamti.+
5 “Saba Kereetotaa warra galaana qarqara jiraataniif wayyoo!+
Yihowaan isin balaaleffateera.
Biyya Filisxeemotaa kan taate yaa Kanaʼaan ani sin balleessa,
Kanaafuu, jiraattota kee keessaa tokko illee hin hafu.
6 Qarqarri galaanaa sunis iddoo dheedichaa ni taʼa,
Tiksitootaaf boolla bishaanii, hoolotaafis goorannoo dhagaa ni qabaata.
7 Inni naannoo warri mana Yihudaa keessaa hafan keessa jiraatan ni taʼa;+
Isaan achitti ni sooratu.
Manneen Ashqaloon keessa galgala ni ciisu.
Sababiin isaas, Waaqni isaanii Yihowaan xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti ni deebisa,*
Warra isaan keessaa boojiʼamanis isaaniif ni deebisa.”+
8 “Ani arrabsoo Moʼaabii+ fi Amoonota+
Warra saba koo arrabsanii fi lafa isaanii fudhachuuf of tuulummaadhaan isaan doorsisanii dhagaʼeera.”+
9 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha,
Moʼaab akka Sodoom,+
Amoonis akka Gomoraa ni taʼu,+
Iddoo doobbiin itti biqiluu fi boolla soogiddaa ni taʼu, yeroo hundumaatiifis ona ni taʼu.+
Warri uummata koo keessaa hafan isaan ni saamu,
Warri saba koo keessaa hafan isaan ni dhaalu.
10 Of tuulummaa isaaniitiin kan kaʼe kun isaan irra ni gaʼa,+
Isaan saba Yihowaa Gooftaa raayyaa arrabsaniiru, isaan irratti ol of qabaniiru.
11 Yihowaan sodaachisaa isaanitti ni taʼa;
Sababiin isaas, inni waaqolii lafa irraa hundumaa ni balleessa,*
Odolawwan sabootaa hundis
Tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii irraa isaaf ni sagadu.*+
12 Isin warri Itoophiyaas goraadee kootiin ni ajjeefamtu.+
13 Inni harka isaa kallattii kaabaatti diriirsee Asooriin ni balleessa,
Nanawwees ni gogsa,+ akkuma lafa onaas ni godha.
14 Tuutni bineensotaa, jechuunis bineensonni akaakuu hundumaa* ishii keessa ni ciciisu.
Allaattiin bishaanii fi dhaddeen utubaawwan ishii warra jigan gidduu ni bulu.
Sagaleen faarfannaa karaa foddaa ni dhagaʼama.
Inni maqaaniiwwan muka gaattiraa waan saaxiluuf,
Gubanii balbalaa biratti badiisni ni gaʼa.
15 Kun magaalaa of tuultuu tasgabbiidhaan taaʼaa jirtu,
Ishii garaa ishiitti, ‘Ana malee kan biraan hin jiru’ jettu sana dha.
Ishiin wanta nama sodaachisu,
Iddoo bineensonni bosonaa ciciisanis taateetti!
Namni ishii biraan darbu hundi ishiitti ni siiqsa, harka isaa aboottatees ishii irratti ni raasa.”+