Ermiyaas
5 Daandiiwwan Yerusaalem irra asii fi achi deemaa.
Asii fi achi ilaalaa, qalbeeffadhaas.
Nama haqa raawwatu,+
Nama amanamaa taʼuu barbaadu tokko argachuu yoo dandeessaniif,
Addabaabayiiwwan ishii keessa barbaadaa,
Anis ishiidhaaf dhiifama nan godha.
2 Isaan, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!” yoo jedhan iyyuu,
Sobaan kakatu.+
3 Yaa Yihowaa, ijji kee amanamummaa arguu barbaada mitii ree?+
Ati isaan ni rukutte, garuu kun isaan irratti jijjiirama hin fidne.*
Ati isaan ni balleessite, isaan garuu adaba fudhachuu didan.+
4 Ani garuu akkana jedheen yaade: “Dhugumaan namoonni kun rakkatoo dha.
Isaan daandii Yihowaa,
Murtii Waaqa isaaniis waan hin beekneef, gocha gowwummaa ni raawwatu.
5 Ani gara namoota beekamoo taʼanii dhaqee isaanii wajjin nan dubbadha,
Sababiin isaas, isaan daandii Yihowaa,
Murtii Waaqa isaaniis hubataniiru.+
Taʼus hundi isaanii waanjoo sana caccabsaniiru,
Hidhaa sanas kukkutaniiru.”
6 Leenci bosonaa kan isaan nyaatu,
Yeeyyiin gammoojjii kan isaan balleessu,
Qeerransis magaalota isaanii biratti riphee kan eeggatu kanaafi.
Namni achi keessaa gad baʼu kam iyyuu ni ciccirama.
Sababiin isaas, yakki isaanii hedduu dha;
Gochi gantummaa isaaniis hammana hin jedhamu.+
7 Maarree, gocha kee kanaaf akkamittan dhiifama siif gochuu dandaʼa?
Ilmaan kee na dhiisaniiru,
Isaan wanta Waaqa hin taaneen kakatu.+
Wanta isaan barbaachisu isaaniif nan guute,
Isaan garuu ejja raawwachuu isaanii itti fufan,
Gara mana sagaagaltuuttis ni yaaʼan.
8 Isaan akkuma fardeen ciccimoo kajeellaa keessa jiranii ti,
Tokkoon tokkoon isaanii haadha manaa nama kan biraatti ni himimsu.+
9 “Ani wantoota kanaaf isaan gaafachuu hin qabuu?
Saba akkanaa irratti haaloo baʼuu hin qabuu?”+ jedha Yihowaan.
10 “Maasiiwwan wayinii ishii irratti kaʼaa, balleessaas,
Garuu guutummaatti haxooftanii hin balleessinaa.+
Isaan kan Yihowaa waan hin taaneef,
Dameewwan ishii warra babalʼachaa jiran irraa ciraa.
11 Sababiin isaas, manni Israaʼelii fi manni Yihudaa,
Guutummaatti na gananiiru” jedha Yihowaan.+
Rakkinni nutti hin dhufu;
Goraadees taʼe beela hin arginu’ jedhu.+
13 Raajonni bubbeedhaan guutamaniiru,
Dubbichis* isaan keessa hin jiru.
Wantumti kun isaan irra haa gaʼu!”
14 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Namoonni kun akkana waan jedhaniif,
Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda nan godha,+
Sabni kun immoo qoraan ni taʼu,
Ibiddichis isaan ni guba.”+
15 “Yaa mana Israaʼel, kunoo ani fagoo irraa saba tokko gara keessanitti nan fida”+ jedha Yihowaan.
“Innis saba bara dheeraa jiraate dha.
16 Korojoon xiyyaa isaanii akkuma awwaala banamee ti;
Hundi isaanii loltoota jajjaboo dha.
17 Isaan oomisha kee fi nyaata kee ni nyaatu.+
Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee ni nyaatu.
Bushaayeewwanii fi horiiwwan kee ni nyaatu.
Mukeetii wayinii fi mukeetii harbuu kee ni nyaatu.
Magaalota kee warra dallaa dhagaa qaban warra ati itti amanamtus goraadeedhaan ni balleessu.”
18 Yihowaan akkana jedha: “Taʼus bara sanatti illee, ani guutummaatti haxaaʼee isin hin balleessu.+ 19 Yommuu isaan, ‘Waaqni keenya Yihowaan wantoota kana hundumaa kan nu irratti raawwate maaliifi?’ jedhanii gaafatan, ati immoo, ‘Isin biyya keessan keessatti waaqa ormaa tajaajiluuf akkuma na dhiistan, biyya kan keessan hin taane keessatti namoota biyya ormaa ni tajaajiltu’ jettee isaaniif deebista.”+
20 Kana mana Yaaqoob keessatti labsaa,
Yihudaa keessattis beeksisaa, akkana jedhaa:
21 “Isin gowwoonnii fi warri hubannaa* hin qabne kana dhagaʼaa:+
22 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin na hin sodaattanii?
Na duratti hollachuu hin qabdanii?
Galaanaaf daangaa godhee cirracha kan kaaʼe,
Sana irra darbuu akka hin dandeenyeefis dambii dhaabbataa kan isaaf kaaʼe ana dha.
Dambaliin isaa yoo jeeqame iyyuu, isa irra darbuu hin dandaʼu;
Yoo huurse iyyuu, isa irra darbee deemuu hin dandaʼu.+
23 Sabni kun garuu, garaa didaa fi fincilaa taʼe qaba;
Isaan na irraa goranii daandii mataa isaanii irra deemaniiru.+
24 Isaan garaa isaaniitti,
“Amma Waaqa keenya Yihowaa,
Isa waqtii isaatti bokkaa,
Bokkaa birraa fi bokkaa arfaasaa nuu kennu,
Isa torbeewwan makaraa warra murteeffaman nuuf eegu sana haa sodaannu” hin jedhan.+
25 Balleessaan keessan wantoonni kun akka hin dhufne godheera;
Cubbuun keessanis wanta gaarii isin dhabsiiseera.+
26 Sababiin isaas, namoonni hamoon saba koo gidduu jiru.
Isaan akkuma yeroo namni simbira qabatu riphee eeggatu godhutti, xiyyeeffannaadhaan ilaalu.
Kiyyoo nama ajjeesu ni kaaʼu.
Kan isaan qabatanis namoota dha.
27 Akkuma guuboo simbirroon keessa guuteetti,
Manneen isaanii gowwoomsaadhaan guutamaniiru.+
Isaan jajjaboo fi sooreyyii kan taʼan kanaafi.
28 Isaan gabbataniiru, qaamni isaanii lallaafaa dha;
Hamminaanis guutamaniiru.
Isaan milkaaʼina argachuu irratti waan xiyyeeffataniif,
Mucaa abbaa hin qabneef hin falman;+
Hiyyeeyyiis haqa ni dhowwatu.’”+
29 “Ani Wantoota kanaaf isaan gaafachuu hin qabuu?” jedha Yihowaan.
“Saba akkanaa irratti haaloo baʼuu hin qabuu?
30 Wanti nama sururuu fi nama suukanneessu biyyattii keessatti raawwatameera:
31 Raajonni raajii sobaa dubbatu,+
Luboonnis aangoo isaaniitiin warra kaan hacuucu.
Sabni koos kanatti ni gammada.+
Haa taʼu malee, yommuu dhumni dhufu maal gootu laata?”