Ermiyaas
7 Yihowaa biraa dubbiin akkana jedhu gara Ermiyaas ni dhufe: 2 “Karra mana Yihowaa keessa dhaabbadhuutii ergaa kana achitti labsi: ‘Isin namoonni Yihudaa warri Yihowaadhaaf sagaduuf karrawwan kanatti seentan hundi dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 3 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Daandiiwwan keessanii fi gochawwan keessan jijjiiraa; anis bakka kana jiraachuu keessan akka itti fuftan isiniif nan heyyama.+ 4 ‘Kun* mana qulqullummaa Yihowaa ti, mana qulqullummaa Yihowaa ti, mana qulqullummaa Yihowaa ti!’ jechuudhaan dubbii gowwoomsaatti hin amanaminaa.+ 5 Sababiin isaas, isin dhugumaan daandii keessanii fi gocha keessan yoo jijjiirtan, dhugumaan nama tokkoo fi michuu isaa gidduutti haqni akka raawwatamu yoo gootan,+ 6 namoota biyya ormaa, ijoollee warri jalaa duʼanii* fi dubartoota abbaan manaa irraa duʼe yoo cunqursuu baattan,+ iddoo kanatti dhiiga qulqulluu yoo dhangalaasuu baattan, akkasumas waaqolii kan biroo warra isin miidhan duukaa yoo buʼuu baattan,+ 7 ani immoo iddoo kana, biyya isan yeroo hundumaatiif* abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan akka itti fuftan isiniif nan heyyama.”’”
8 “Isin garuu dubbii gowwoomsaatti amanamtu;+ kun matumaa faayidaa hin argamsiisu. 9 Isin utuma hattanii,+ utuma ajjeestanii, utuma ejja raawwattanii, utuma sobaan kakattanii,+ utuma Baʼaaliif aarsaa* dhiheessitanii,+ utuma waaqolii hin beekne duukaa buutanii, 10 utuma wantoota jibbisiisoo kana hundumaa raawwattaniis, gara koo dhuftanii mana maqaan koo itti waamamu kana keessatti na dura dhaabbattanii, ‘Nuti ni oolla’ jechuu dandeessuu? 11 Manni maqaan koo itti waamamu kun ija keessan duratti holqa saamtotaa taʼee?+ Kunoo, anumti iyyuu kana argeera” jedha Yihowaan.
12 “‘Haa taʼu malee, amma gara iddoo koo isa Shiilootti+ argamu, isan jalqaba maqaan koo achi akka jiraatu godhe+ sanaa dhaqaatii hammina saba koo Israaʼeliin kan kaʼe wantan isa irratti raawwadhe ilaalaa.+ 13 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin garuu wantoota kana hundumaa raawwachuu keessan itti fuftan; ani irra deddeebiʼee* kanan isinitti dubbadhe taʼus, isin hin dhageenye.+ Irra deddeebiʼeen isin waame, isin garuu hin owwaanne.+ 14 Kanaafuu, mana maqaan koo itti waamamuu+ fi isin itti amanamtan kana irratti,+ iddoon isinii fi abbootii keessaniif kenne kana irrattis akkuman Shiiloo irratti godhe nan godha.+ 15 Akkuman obboloota keessan warra sanyii Efreem taʼan hundumaa gatetti, isiniinis ija koo duraa nan gata.’+
16 “Ati garuu, saba kanaaf hin kadhatin. Waanan si hin dhageenyeef,+ isaaniif jettee gara kootti hin iyyin yookiin kadhannaas taʼe wawwaannaa hin dhiheessin.+ 17 Wanta isaan magaalota Yihudaa keessattis taʼe daandiiwwan Yerusaalem irratti gochaa jiran hin argituu? 18 Mootuu Samiitiif* bixxillee aarsaadhaaf taʼu tolchuuf, ijoolleen dhiiraa qoraan funaanu, abbootiin ibidda qabsiisu, haadhotiin manaas bukoo bukeessu;+ na dheekkamsiisuufis waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii ni dhangalaasu.+ 19 ‘Garuu isaan kan miidhan* anaa ree? Isaan qaanii ofitti fiduuf kan miidhan ofuma isaanii mitii?’+ jedha Yihowaan. 20 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, dheekkamsi koo fi aariin koo bakka kanatti, namaa fi horii irratti, akkasumas mukeetii fi firii lafaa irratti ni dhangalaʼa;+ inni ni bobaʼa, hin dhaamus.’+
21 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Aarsaawwan keessan warra guutummaatti gubaman aarsaawwan keessan warra kaanitti makaa; foonicha ofii keessanii nyaadhaa.+ 22 Sababiin isaas, guyyaan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasetti, ani waaʼee aarsaawwan guutummaatti gubamaniis taʼe waaʼee aarsaawwan kaanii isaanitti hin dubbanne yookiin isaan hin ajajne.+ 23 Kanaa mannaa, ajaja kanan isaaniif kenne: “Sagalee kootiif ajajamaa, anis Waaqa keessan nan taʼa, isinis saba koo ni taatu.+ Gaarii akka isiniif taʼuuf, daandii ani ajaje kana hundumaa irra deemaa.”’+ 24 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra hin kennine;+ kanaa mannaa, didaa taʼanii garaa isaanii isa hamaa hordofuudhaan yaada* mataa isaaniitiin deeman;+ isaan fuulduratti deemuu mannaa duubatti deebiʼan; 25 guyyaa abbootiin keessan biyya Gibxiitii baʼan irraa jalqabee hamma harʼaatti akkana godhan.+ Kanaafuu, ani raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa guyyaa guyyaadhaan irra deddeebiʼee* gara keessanitti erguu koo ittan fufe.+ 26 Sabichi garuu na dhagaʼuu didan, gurras hin kennine.+ Kanaa mannaa, didaa taʼan,* abbootii isaanii caalaas hammina raawwatan!
27 “Ati dubbii kana hundumaa isaanitti ni dubbatta,+ isaan garuu si hin dhagaʼan; ati isaan ni waamta, isaan garuu hin owwaatan. 28 Atis, ‘Sabni kun saba sagalee Waaqa isaanii Yihowaatiif hin ajajamnee fi adaba fudhachuu didani dha. Amanamummaan badeera, isaan gidduutti hin kaafamu’*+ isaaniin jetta.
29 “Yihowaan dhaloota isa dheekkamsiise kana waan jibbeef, waan dhiiseefis, rifeensa kee* muriitii gati; tabbawwan duwwaa taʼan irrattis sagalee kee ol kaasiitii faaruu gaddaa faarfadhu. 30 ‘Sababiin isaas, sabni Yihudaa wanta na duratti hamaa taʼe raawwateera’ jedha Yihowaan. ‘Isaan manicha xureessuuf, mana maqaan koo itti waamamu keessatti waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan dhaabaniiru.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan gubuuf,+ iddoowwan ol kaʼoo Tofeet isa Sulula Ilma Hinoom*+ keessatti argamu ijaaraniiru; kunis wanta ani hin ajajnee fi matumaa garaa kootti illee hin yaanne* dha.’+
32 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, kunoo, yeroon Tofeet yookiin Sulula Ilma Hinoom* utuu hin taʼin, Sulula Qalmaa itti jedhamu ni dhufa. Isaanis hamma iddoon dhabamutti Tofeet keessatti warra duʼan ni awwaalu.+ 33 Reeffi namoota kanaas allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa; namni tokko illee sodaachisee isaan hin ariʼu.+ 34 Biyyattiin tuullaa diiggaa waan taatuuf,+ ani magaalota Yihudaa keessaa, daandiiwwan Yerusaalem irraas sagalee gammachuu fi sagalee ililchuu, sagalee misirrichaa fi sagalee misirrittii nan callisiisa.’”+