Hisqiʼel
44 Innis karaa karra iddoo qulqulluu isa alaa isa gara bahaatti garagalee jiruun deebisee na fide;+ karrichis cufamee ture.+ 2 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Karri kun akkuma cufametti tura. Hin banamu, namni kam iyyuus ittiin ol hin seenu; Yihowaan Waaqni Israaʼel waan ittiin ol seeneef+ akkuma cufametti turuu qaba. 3 Haa taʼu malee, geggeessaan sun Yihowaa duratti daabboo nyaachuuf achi keessa ni taaʼa;+ sababiin isaas, inni geggeessaa dha. Inni karaa barandaa karrichaa ni seena, achiinis ni baʼa.”+
4 Achiis karaa karra isa kaabaatiin gara fuuldura mana qulqullummaatti na fide. Yommuun ilaalus ulfinni Yihowaa mana qulqullummaa Yihowaa guutee nan arge.+ Yeroo kanatti fuula kootiin lafatti nan gombifame.+ 5 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, dambiiwwanii fi seerawwan mana qulqullummaa Yihowaa ilaalchisee wantan sitti himu hundumaatiif xiyyeeffannaa kenni, akka gaariitti ilaali, of eeggannoodhaanis dhaggeeffadhu. Karaa gara mana qulqullummaatti ittiin seenamuuf, akkasumas karaa iddoo qulqulluu keessaa ittiin baʼamu hundumaatiif xiyyeeffannaa kenni.+ 6 Mana Israaʼel warra finciltoota taʼaniin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa mana Israaʼel, gochi jibbisiisaan isin raawwattan isin gaʼa. 7 Isin yommuu namoota biyya ormaa warra garaa isaanii fi foon isaanii dhaqna hin qabanne gara iddoo qulqulluu kootti fiddanitti isaan mana qulqullummaa koo ni xureessu. Kakuun koo gochawwan keessan warra jibbisiisoo taʼan hundumaatiin kan kaʼe cabee utuu jiruu, isin daabboo, coomaa fi dhiiga anaaf ni dhiheessitu. 8 Isin wantoota qulqulluu koo ilaalchisee itti gaafatamummaa qabdan hin raawwanne.+ Kanaa mannaa, hojiiwwan iddoo qulqulluu koo keessatti raawwataman akka hojjetaniif namoota kan biroo ni ramaddan.”’
9 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatuu fi garaa isaa fi foon isaa dhaqna hin qabanne gara iddoo qulqulluu kootti hin seenin.”’
10 “‘Haa taʼu malee, Leewwonni warri yommuu Israaʼelonni waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo* taʼan duukaa buʼuuf na irraa fagaatanii turanitti na irraa fagaatan+ sun miidhaa balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu ni baatu. 11 Isaan karrawwan mana qulqullummaa ol aantummaadhaan toʼachuu+ fi mana qulqullummaa koo keessatti tajaajiluuf, iddoo qulqulluu koo keessatti tajaajiltoota ni taʼu. Horii aarsaa guutummaatti gubamuu fi horii aarsaa sabichaa ni qalu; isaan tajaajiluufis sabicha dura ni dhaabbatu. 12 Isaan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan duratti sabicha waan tajaajilaniif, akkasumas gufuu mana Israaʼel cubbuutti kuffisu waan taʼaniif,+ ani kakaadhaan harka koo isaan irratti kaaseera; isaanis miidhaa balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu ni baatu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 13 ‘Isaan luboota koo taʼanii tajaajiluuf gara kootti hin dhihaatan; wantoota qulqulluu fi hundumaa caalaa qulqulluu taʼanittis hin dhihaatan; wantoota jibbisiisoo raawwataniin kan kaʼes qaanii isaanii ni baatu. 14 Haa taʼu malee, tajaajila achi keessatti raawwatamuu fi wanta achi keessatti hojjetamu hundumaa akka toʼataniif, itti gaafatamummaa mana qulqullummaa wajjin wal qabatu akka raawwatan nan godha.’+
15 “‘Leewwonni luboota taʼan, jechuunis ilmaan Saadoq+ warri yeroo Israaʼelonni na irraa fagaatanii turanitti+ itti gaafatamummaa iddoo qulqulluu koo irratti qaban raawwachaa turan garuu na tajaajiluuf na duratti ni dhihaatu; coomaa+ fi dhiiga+ naaf dhiheessuufis na dura ni dhaabbatu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 16 ‘Isaan iddoo qulqulluu kootti ni seenu, na tajaajiluuf gara maaddii kootti ni dhihaatu,+ itti gaafatamummaa na duratti qabanis ni raawwatu.+
17 “‘Isaan yommuu gara karrawwan mooraa isa keessaatti seenan uffata quncee talbaa irraa tolfame uffachuu qabu.+ Yommuu karrawwan mooraa isa keessaa keessatti yookiin iddoowwan achi keessatti argamanitti tajaajilan uffata rifeensa hoolaa irraa tolfame akkamii iyyuu uffachuu hin qaban. 18 Mataa isaaniitti marata mataa quncee talbaa irraa tolfame haa hidhatan; qumxaa quncee talbaa irraa tolfames haa uffatan.+ Uffata isaan dafqisiisu akkamii iyyuu uffachuu hin qaban. 19 Gara mooraa isa alaatti, jechuunis mooraa isa sabichi keessa jirutti baʼuu isaanii dura uffata ittiin tajaajilaa turan sana of irraa baasanii+ kutaawwan nyaataa warra qulqulluu taʼan* keessa kaaʼuu qabu.+ Achiis uffata isaaniitiin gara sabichaatti qulqullummaa akka hin dabarsineef* uffata kan biraa haa uffatan. 20 Mataa isaanii haaddachuus+ taʼe rifeensi mataa isaanii akka dheeratu gochuu hin qaban. Rifeensa mataa isaanii gabaabsanii haa muratan. 21 Luboonni yommuu gara mooraa isa keessaatti seenanitti daadhii wayinii dhuguu hin qaban.+ 22 Dubartii abbaan manaa irraa du’e yookiin dubartii abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte fuudhuu hin qaban;+ taʼus durba sanyii Israaʼel taate yookiin dubartii haadha manaa lubaa turtee fi abbaan manaa irraa duʼe fuudhuu ni dandaʼu.’+
23 “‘Isaan garaa garummaa wanta qulqulluu taʼee fi wanta kan biraa gidduu jiru saba koo haa barsiisan; garaa garummaa wanta xuraaʼaa taʼee fi wanta qulqulluu taʼe gidduu jirus isaan ni barsiisu.+ 24 Isaan dhimma seeraa irratti abbootii murtii taʼanii haa tajaajilan;+ murtii kan kennanis karaa heerawwan koo wajjin wal simuun taʼuu qaba.+ Ayyaanota koo hundumaa wajjin haala wal qabateen seerawwan koo fi dambiiwwan koo haa eegan,+ sanbatawwan koos haa qulqulleessan. 25 Reeffa namaa kamitti iyyuu dhihaachuu hin qaban; taʼuu baannaan, ni xuraaʼu. Haa taʼu malee, abbaa isaaniitiif, haadha isaaniitiif, ilma isaaniitiif, intala isaaniitiif, obboleessa isaaniitiif yookiin obboleettii isaanii ishii hin heerumneef of xureessuu ni dandaʼu.+ 26 Lubni tokko erga of qulqulleessee booda, isaan guyyaa sana irraa jalqabanii guyyoota torba isaaf haa lakkaaʼan. 27 Inni achi keessatti tajaajiluuf guyyaa gara iddoo qulqulluutti, gara mooraa isa keessaatti itti seenutti aarsaa cubbuu isaa dhiheessuu qaba’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
28 “‘Kun dhaala isaanii ni taʼa: Ani dhaala isaanii ti.+ Ani dhaala isaanii waanan taʼeef, Israaʼel keessatti dhaala akkamii iyyuu isaaniif hin kenninaa. 29 Isaan aarsaa midhaanii,+ aarsaa cubbuu fi aarsaa yakkaa+ ni nyaatu; Israaʼel keessatti wanti adda baafame kam iyyuu kan isaanii ni taʼa.+ 30 Firii jalqabaa hundumaa keessaa, akkasumas buusii keessan hundumaa keessaa inni filatamaan kan lubootaa ni taʼa.+ Oomisha keessan isa jalqabaa keessaa daakuu isa jalqabaa lubichaaf kennaa.+ Kun maatii keessaniif eebba argamsiisa.+ 31 Luboonni simbirroo yookiin horii duʼee argame yookiin bineensi ciccire akkamii iyyuu nyaachuu hin qaban.’+