Qorontos Tokkoffaa
12 Yaa obboloota koo, waaʼee kennaawwan hafuuraa+ utuu hin beekin akka haftan hin barbaadu. 2 Isin amantoota taʼuu keessan dura, dhiibbaa waaqolii tolfamoon warri dubbachuu hin dandeenye+ isin irra geessisaniin garuma isaan barbaadanitti oofamtanii geeffamaa akka turtan beektu. 3 Namni kam iyyuu hafuura Waaqayyootiin, “Yesuus abaaramaa dha!” jedhee akka hin dubbanne, akkasumas namni kam iyyuu hafuura qulqulluudhaan yoo taʼe malee, “Yesuus Gooftaa dha!” jechuu akka hin dandeenye akka beektan nan barbaada.+
4 Kennaawwan garaa garaa jiru, hafuurri garuu tokkuma;+ 5 tajaajilli garaa garaa jira,+ Gooftaan garuu tokkuma; 6 hojiin garaa garaa jira, Waaqni inni namoonni hundi wantoota kana hundumaa hojjechuu akka dandaʼan gargaaru garuu tokko dha.+ 7 Haa taʼu malee, hafuurri inni kaayyoo faayidaa qabuuf kennamu tokkoon tokkoon namaa irratti ifatti mulʼata.+ 8 Isa tokkoof karaa hafuura sanaa kennaa ogummaadhaan dubbachuutu kennama; isa tokkoof immoo hafuuruma sanaan dandeettii beekumsaan dubbachuutu kennama; 9 isa tokkoof hafuuruma sanaan amantiitu kennama;+ isa tokkoof immoo hafuuruma tokkicha sanaan kennaa fayyisuutu kennama;+ 10 isa tokkoof dinqii hojjechuu,+ isa tokkoof raajii dubbachuu, isa tokkoof wanta geggeessaa hafuuraatiin dubbatame hubachuu,+ isa tokkoof qooqa biraadhaan dubbachuu,+ isa tokkoof immoo qooqa biraa hiikuutu kennama.+ 11 Haa taʼu malee, akkuma barbaadetti nama hundumaatiif dhuunfaatti kennuudhaan hojiiwwan kana hunda kan hojjetu hafuuruma sana dha.
12 Akkuma qaamni utuu tokko taʼee jiruu kutaa qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa sun hundis hedduu yoo taʼan iyyuu qaama tokko+ taʼan, Kiristoosis akkasuma. 13 Sababiin isaas, Yihudoonnis taʼe Giriikonni, warri garbummaa jala jiranis taʼe warri bilisooman, hundumti keenya qaama tokko taʼuuf hafuura tokkoon cuuphamneerra; hundi keenya akka dhugnuufis hafuurri tokko nuuf kennameera.
14 Qaamni kutaa tokko irraa utuu hin taʼin, kutaa hedduu irraa ijaarame.+ 15 Miilli, “Ani harka waan hin taaneef, kutaa qaamaa miti” yoo jedhe, kana jechuun isaa kutaa qaamaa akka hin taane isa hin godhu. 16 Gurris, “Ani ija waan hin taaneef, kutaa qaamaa miti” yoo jedhe, kana jechuun isaa kutaa qaamaa akka hin taane isa hin godhu. 17 Guutummaan qaamaa ija utuu taʼee, dhagaʼuun eessa jira ture? Guutummaan qaamaa gurra utuu taʼee, fuunfachuun eessa jira ture? 18 Amma garuu Waaqayyo akkuma barbaadetti kutaa qaamaa hundumaaf iddoo iddoo isaanii isaaniif kenneera.
19 Kutaan qaamaa hundi wal fakkaata utuu taʼee, qaamni eessa jira ture? 20 Haa taʼu malee, kutaawwan qaamaa hedduu yoo taʼan iyyuu, qaamni tokko dha. 21 Ijji harkaan, “Ati na hin barbaachistu” yookiin mataan miilaan, “Ati na hin barbaachistu” jechuu hin dandaʼu. 22 Faallaa kanaatiin, kutaawwan qaamaa dadhaboo fakkaatan barbaachisoo dha; 23 kana malees, kutaawwan qaamaa ulfina akka hin qabne yaannuuf ulfina guddaa kennina;+ kanaafuu, kutaawwan qaamaa keenya itti qaanofnu ulfina guddaa qabu; 24 kutaawwan qaamaa keenya warri miidhagoo taʼan garuu wanti tokko iyyuu isaan hin barbaachisu. Taʼus, Waaqayyo kutaawwan qaamaa ulfinni itti hirʼatuuf ulfina guddaa kennuudhaan qaama walitti qindeesseera; 25 kanas kan godhe, kutaawwan qaamaa akka waliif yaadaniif malee,+ qaama gidduu wal qoqqooduun akka jiraatuuf miti. 26 Kutaan qaamaa tokko yoo dhiphate, kutaawwan qaamaa kaan hundi isaa wajjin ni dhiphatu;+ yookiin kutaan qaamaa tokko yoo ulfina argate, kutaawwan qaamaa kaan hundi isaa wajjin ni gammadu.+
27 Egaa isin qaama Kiristoosi;+ tokkoon tokkoon keessan dhuunfaatti kutaa qaama isaa ti.+ 28 Waaqayyo gumii keessatti namoota garaa garaa, jalqaba ergamoota,+ lammaffaa raajota,+ sadaffaa barsiisota,+ achiis warra dinqii hojjetan,+ warra dandeettii fayyisuu qaban,+ warra namoota kaan tajaajilan, warra dandeettii geggeessuu qaban,+ akkasumas warra dandeettii qooqa biraadhaan dubbachuu qaban+ kenneera. 29 Hundi isaanii ergamootaa? Hundi isaanii raajotaa? Hundi isaanii barsiisotaa? Hundi isaanii dinqii hojjetuu? 30 Hundi isaanii kennaa dandeettii fayyisuu qabuu? Hundi isaanii qooqa biraadhaan dubbatuu?+ Hundi isaanii ni hiikuu?+ 31 Haa taʼu malee, kennaawwan hunda irra caalan argachuuf carraaquu* keessan itti fufaa.+ Ani daandii isa hunda irra caalu isinitti nan argisiisa.+