Leewwota
2 “‘Namni* tokko Yihowaadhaaf aarsaa midhaanii+ kan dhiheessu yoo taʼe, aarsaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu; isa irrattis zayitii haa dhangalaasu; ixaana adiis irra haa kaaʼu.+ 2 Achiis gara ilmaan Aaron warra luboota taʼanitti ni fida; lubichis daakuu bullaaʼaa hammaarraa* tokkoo fi zayitii, ixaana isaa isa adii hundumaas fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan,+ jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti haa dhiheessu. 3 Wanti aarsaa midhaanii irraa hafe kam iyyuu kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ti;+ kunis wanta aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan irraa hafe waan taʼeef hundumaa caalaa qulqulluu dha.+
4 “‘Ati aarsaa midhaanii iddoo ibiddaa* keessatti tolfame kan dhiheessitu yoo taʼe, aarsaan sun maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan jiidhe yookiin maxinoo haphii daakuu bullaaʼaa irraa tolfamee fi zayitii dibame haa taʼu.+
5 “‘Aarsaan kee aarsaa midhaanii eeleedhaan tolfame yoo taʼe,+ maxinoo daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame irraa tolfame haa taʼu. 6 Maxinoo sana caccabsiitii zayitii irratti dhangalaasi.+ Kunis aarsaa midhaanii ti.
7 “‘Aarsaan kee aarsaa midhaanii distii keessatti qophaaʼe yoo taʼe, aarsaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa kan tolfame haa taʼu. 8 Aarsaa midhaanii wantoota kana irraa qophaaʼe gara Yihowaatti ni fidda; innis lubootaaf ni dhihaata; isaanis gara iddoo aarsaatti isa ni fidu. 9 Lubichis aarsaa midhaanii sana keessaa muraasa isaa fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu+ gochuudhaan, jechuunis aarsaa ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti ni aarsa.+ 10 Wanti aarsaa midhaanii irraa hafe kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ti; kunis aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan keessaa hundumaa caalaa qulqulluu dha.+
11 “‘Bukoo raacitii qabu yookiin damma aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu gootanii aarsuu waan hin qabneef, aarsaan midhaanii Yihowaadhaaf dhiheessitan kam iyyuu raacitii qabaachuu hin qabu.+
12 “‘Wantoota kana akka aarsaa firiiwwan jalqabaatti+ Yihowaadhaaf dhiheessuu ni dandeessu; haa taʼu malee, isaan aarsaa urgaan isaa gammachiisu* taʼanii gara iddoo aarsaatti dhiheeffamuu hin qaban.
13 “‘Aarsaan midhaanii dhiheessitu hundi soogiddaan kan makame haa taʼu; soogiddi kakuu Waaqa keetii aarsaa midhaanii kee keessaa akka dhabamu hin godhin. Aarsaa kee hundumaa wajjin soogidda ni dhiheessita.+
14 “‘Firiiwwan jalqaba gaʼan aarsaa midhaanii gootee Yihowaadhaaf yommuu dhiheessitu, midhaan haaraa* ibiddaan waadamee fi hororame, aarsaa midhaanii firiiwwan jalqabaa godhii dhiheessi.+ 15 Isa irratti zayitii dhangalaasi; ixaana adiis irra kaaʼi. Kun aarsaa midhaanii ti. 16 Lubichis midhaan hororamee fi zayiticha keessaa muraasa, ixaana isaa isa adii hundumaas fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan,+ jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu godhee haa aarsu.