Ermiyaas
24 Nebukadnezaar* mootiin Baabilon, Yikooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim+ mootii Yihudaa, bulchitoota Yihudaa, ogeeyyii harkaa fi warra hojii sibiilaa hojjetanii* wajjin boojiʼee Yerusaalem irraa gara Baabilonitti+ erga fudhatee booda, Yihowaan guuboowwan firii harbuu qabatanii fi mana qulqullummaa Yihowaa dura kaaʼaman lama natti argisiise. 2 Guuboon inni tokko firiiwwan harbuu baayʼee gaggaarii akka firiiwwan harbuu warra jalqaba bilchaatanii taʼan kan qabate ture; guuboon inni kan biraan garuu firiiwwan harbuu baayʼee mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye kan qabate ture.
3 Achiis Yihowaan, “Ermiyaas, maaltu sitti mulʼata?” jedhee na gaafate. Anis, “Firiiwwan harbuutu natti mulʼata; firiiwwan harbuu gaggaarii taʼan sun baayʼee gaggaarii dha; firiiwwan harbuu baayʼee mancaʼan sun garuu, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼe nyaatamuu kan hin dandeenye dha”+ jedheen deebise.
4 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 5 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Boojiʼamtoota Yihudaa warra ani iddoo kanaa baasee gara biyya Kaladootaatti erge sana akkuma firiiwwan harbuu gaggaarii taʼan kanaatti ija gaariidhaan nan ilaala. 6 Wanta gaarii isaaniif gochuuf ija koo isaan irra nan kaaʼa; gara biyya kanaatti akka deebiʼanis nan godha.+ Isaan nan ijaara malee hin diigu; isaan nan dhaaba malee hin buqqisu.+ 7 Garaa ani Yihowaa taʼuu koo beekuu barbaadu isaaniif nan kenna.+ Garaa isaanii guutuudhaan gara kootti waan deebiʼaniif,+ isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+
8 “‘Haa taʼu malee, firiiwwan harbuu mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye+ sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ani Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaa, bulchitoota isaa, namoota Yerusaalem warra biyya kana keessatti hafanii fi warra biyya Gibxii keessa jiraatan akkuma kanaatti nan ilaala.+ 9 Mootummoonni lafaa hundis badiisa ani isaan irratti fidu yommuu argan akka sodaatan nan godha;+ bakkan itti isaan bittinneessu hundumaa keessattis+ warra arrabsaman, warra itti mammaakamu, warra itti qoosamuu fi warra abaaraman akka taʼan nan godha.+ 10 Biyyan isaanii fi abbootii isaaniitiif kenne irraa hamma badanittis goraadee,+ beelaa fi golfaa* isaanitti nan erga.”’”+