Wangeela Maatewos
1 Kitaaba seenaa* Yesuus Kiristoos,* ilma Daawit,+ ilma Abrahaam:+
2 Abrahaam Yisihaaqiin+ dhalche;
Yisihaaq Yaaqoobiin+ dhalche;
Yaaqoob Yihudaa+ fi obboloota isaa dhalche;
3 Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraa+ dhalche;
Faares Hesrooniin+ dhalche;
Hesroon Raamiin+ dhalche;
4 Raam Aminaadaabiin dhalche;
Aminaadaab Naʼaasooniin+ dhalche;
Naʼaasoon Salmooniin dhalche;
5 Salmoon Rahaab+ irraa Boʼaaziin dhalche;
Boʼaaz Ruut+ irraa Yoobeediin dhalche;
Yoobeed Isseyiin+ dhalche;
6 Issey Daawit+ Mooticha dhalche.
Daawit haadha manaa Uuriyaa irraa Solomooniin+ dhalche;
7 Solomoon Rooboʼaamiin+ dhalche;
Rooboʼaam Abiyaa dhalche;
Abiyaan Aasaa+ dhalche;
8 Aasaan Yoshaafaaxiin+ dhalche;
Yoshaafaax Yooraamiin+ dhalche;
Yooraam Ooziyaa dhalche;
9 Ooziyaan Yootaamiin+ dhalche;
Yootaam Akaaziin+ dhalche;
Akaaz Hisqiyaasiin+ dhalche;
10 Hisqiyaas Minaasee+ dhalche;
Minaaseen Amooniin+ dhalche;
Amoon Yosiyaasiin+ dhalche;
11 Yosiyaas+ bara boojuudhaan gara Baabilonitti geeffamanitti+ Yikooniyaa+ fi obboloota isaa dhalche.
12 Boojuudhaan gara Baabilonitti erga geeffamanii booda Yikooniyaan Saalaatiʼeliin dhalche;
Saalaatiʼel Zarubaabeliin+ dhalche;
13 Zarubaabel Abiyuudiin dhalche;
Abiyuud Eliyaaqiimiin dhalche;
Eliyaaqiim Azooriin dhalche;
14 Azoor Saadoqiin dhalche;
Saadoq Akiimiin dhalche;
Akiim Eliyuudiin dhalche;
15 Eliyuud Eleʼazaariin dhalche;
Eleʼazaar Maataaniin dhalche;
Maataan Yaaqoobiin dhalche;
16 Yaaqoob Yoseefiin dhalche; Yoseef kun abbaa manaa Maariyaam ture; Maariyaam immoo ishii Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana deesse dha.+
17 Kanaafuu, dhaloonni hundi Abrahaamii hanga Daawititti dhaloota 14, Daawitii hanga boojuu Baabilonitti dhaloota 14, boojuu Baabilonii hanga Kiristoositti dhaloota 14 turan.
18 Yesuus Kiristoos kan dhalate akka kanaan ture. Haati isaa Maariyaam utuu Yoseefiif kaadhimatamtee jirtuu, waliin jiraachuu jalqabuu isaanii dura hafuura qulqulluudhaan*+ ulfooftee argamte. 19 Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii* Yoseef nama qajeelaa waan tureef, uummata duratti ishii salphisuu hin barbaanne; kanaafuu, dhoksaatti ishii hiikuu yaade.+ 20 Taʼus, kana gochuuf yaadee utuu jiruu, kunoo, maleekaan Yihowaa* abjuudhaan isatti mulʼatee akkana isaan jedhe: “Yaa Yoseef ilma Daawit, ishiin kan ulfoofte hafuura qulqulluudhaan waan taʼeef,+ haadha manaa tee Maariyaamiin gara mana keetti fudhachuu hin sodaatin. 21 Ishiin ilma ni deessi; atis maqaa isaa Yesuus* jettee moggaasta;+ inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisa.”+ 22 Kun hundi kan taʼe, wanti Yihowaan* karaa raajii isaa akkana jedhee dubbate akka raawwatamuufi: 23 “Kunoo, durbi ulfooftee ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel+ jedhanii moggaasu”; hiikni isaas, “Waaqayyo Nuu Wajjin Jira”+ jechuu dha.
24 Achiis Yoseef hirribaa dammaqee akkuma maleekaan Yihowaa* isa ajaje godhe; haadha manaa isaas gara mana isaatti fudhate. 25 Garuu hanga ishiin ilma ishii deessutti+ ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwanne; maqaa isaas Yesuus jedhee moggaase.+