Kana Beektaa?
Lakkoofsi uummataa inni Yesus Betlihemitti akka dhalatu sababii ta’e maalidha?
Wangeelli Luqaas, Awugusxos Mootichi guutummaa bulchiinsa Roomaatti namoonni akka lakkaa’aman yommuu seera baase, “namni hundinuu adduma addaan of caafsisuudhaaf gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe” jedha. (Luqaas 2:1-3) Yoseef inni Yesusiin guddise, nama Betlihem waan tureef, inniifi Maariyaam seera ba’e kanaaf abboomamuuf jecha gara Betlihem dhaquunsaanii Yesus achitti akka dhalatu sababii ta’eera. Akka kanaan namoota galmeessuun, gibira sassaabuufi namoota loltuu ta’an filachuuf gargaara ture.
Warri Roomaa Dh.K.D. bara 30tti yommuu Gibxiin mo’an, warri Gibxii waggoota hedduudhaaf lakkoofsa uummataa geggeessaa turan. Warri Roomaa, seera kana warra Gibxiirraa fudhatanii guutummaa bulchiinsasaanii keessatti hojiirra oolchanii akka turan hayyoonni ni amanu.
Labsiin namni biyya Roomaa inni Dh.K.B. bara 104tti Gibxiin bulchaa ture baase, lakkoofsi uummataa akkasii godhamuusaa argisiisa. Labsiin kun yeroo ammaatti godambaa Biriitish keessatti kan argamu si’a ta’u, akkas jedha: “Abbaan taayitaa Gibxii Gaayos Viibiyas Maaksiimas (akkas jedha): Yeroon manaa gara manaa dhaqanii namoota itti lakkaa’an waan ga’eef, namoonni sababii akkamiitiiniyyuu naannoosaanii irraa fagaatanii jiraatan, gara biyyasaaniitti deebi’anii akka lakkaa’amaniifi dhimmanii lafasaanii akka misoomsan dirqisiisuun barbaachisaadha.”
Maariyaam yommuu kaadhima Yoseef turtetti, Yoseef caaffata ittiin ishee hiiku kennuufii kan yaade maaliifi?
Akka Wangeelli Maatewos jedhutti, Yoseef, Maariyaam isatti heerumuushee dura “[isaaf] kaadhimatamtee” utuu jirtuu akka ulfoofte hubate. Yoseef, Maariyaam “hafuura qulqulluudhaan” akka ulfoofte waan hin beekneef, isaaf amanamtuu akka hin taane yaaduudhaan ishee hiikuu barbaade.—Maatewos 1:18-20.
Yihudoota biratti namoonni wal kaadhimatan lamaan akka wal fuudhanitti ilaalamu. Haata’u malee, namoonni kun hanga gaa’ela raawwatanitti akka abbaa manaafi haadha manaatti waliin hin jiraatan. Kaadhima walii ta’uun akka waadaa cimaatti waan ilaalamuuf, dhiirri tokko yaadasaa yoo jijjiire ykn sababii ga’aa ta’een utuu ishee hin fuudhin yoo hafe, intalli kaadhimamte sun hanga caaffata ittiin hiikamte argattutti nama garabiraatti heerumuu hin dandeessu. Dhiirri tokko kaadhimasaa utuu hin fuudhin yoo du’e, isheen akka dubartii abbaan manaa irraa du’eetti ilaalamti. Utuu kaadhimamtee jirtuu yoo ejjite garuu, akka ejjituutti waan ilaalamtuuf ni ajjeefamti.—Keessa Deebii 22:23, 24.
Yoseef kana yoo godhe, namoonni Maariyaamitti akka ga’isan hin yaadin hin oolu. Dhimma kana warra aboo qabanitti dhiheessuuf dirqamni akka isarra jiru yoo beekes, eegumsa isheedhaa gochuudhaan ishee qaanessuurraa fagaateera. Kanaan kan ka’es, dhoksaatti ishee hiikuuf murteesse. Kana malees, dubartiin mucaa qabdu tokko, caaffata ittiin hiikamte qabaachuunshee, kanaan dura heerumtee akka turte argisiisa.
[Fakkii fuula 30rra jiru]
LABSII LAKKOOFSA UUMMATAA NAMNI ROOMAA INNI GIBXIIN BULCHAA TURE DH.K.B. BARA 104TTI BAASE
[Madda]
© The British Library Board, all rights reserved (P.904)