Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
25 Kana malees Daawitii fi ajajjoonni gareewwan tajaajilaa, baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii raajii dubbachuudhaan akka tajaajilaniif ilmaan Asaaf, ilmaan Hemaanii fi ilmaan Yedutuun+ keessaa tokko tokko adda ni baasan. Maqaan namoota tajaajila kanaaf itti gaafatamummaa qabanii kanaa gaditti tarreeffameera: 2 ilmaan Asaaf keessaa: Zaakur, Yoseef, Naataaniyaa fi Asharʼelaa yeroo taʼan, isaan ilmaan Asaaf warra qajeelfama Asaaf jala jiranii fi qajeelfama mootichaa jala taʼanii raajii dubbatan turan. 3 Kan Yedutuun,+ ilmaan Yedutuun kan taʼan, Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaayaa, Shimeʼii, Hashaabiyaa fi Maataatiyaa+ yeroo taʼan, isaan jaʼa turan; isaan qajeelfama abbaa isaanii Yedutuun jala taʼanii Yihowaa galateeffachaa fi jajachaa+ baganaatti fayyadamanii raajii dubbatu turan. 4 Kan Hemaan,+ ilmaan Hemaan kan taʼan, Buqqiiyaa, Maataaniyaa, Uuziʼel, Shebuʼel, Yerimoot, Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliyaataa, Gidaaltii, Romaamti Eezer, Yoshbeqaashaa, Maalootii, Hotiirii fi Maahaaziyoot turan. 5 Kanneen kun hundi ilmaan Hemaan isa ulfina isaatiif jecha* dhimmoota Waaqa dhugaa wajjin wal qabatan irratti mootichaaf mulʼata argu sanaa turan; Waaqni dhugaanis Hemaaniif ijoollee dhiiraa 14 fi ijoollee durbaa 3 ni kenne. 6 Kanneen kun hundi qajeelfama abbaa isaanii jala taʼanii tajaajila mana Waaqa dhugaatiif siimbaalii, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaatti+ fayyadamanii mana Yihowaatti faarfatu turan.
Qajeelfama mootichaa jala kan turan, Asaaf, Yedutuunii fi Hemaan turan.
7 Isaanii fi obboloonni isaanii warri Yihowaa faarfachuuf leenjii argatan, jechuunis warri gama kanaan dandeettii guddaa qaban walumaa galatti lakkoofsi isaanii 288 ture. 8 Kanaafuu, inni xinnaanii fi inni guddaan, akkasumas inni dandeettii guddaa qabuu fi inni barachaa jiru hojiiwwan isaanii hihirachuuf carraa buufatan.+
9 Carraan inni jalqabaa Yoseef+ isa ilma Asaaf taʼeef ni baʼe; inni lammaffaan Gedaaliyaadhaaf+ (inni, obboloonni isaa fi ilmaan isaa 12 turan) ni baʼe; 10 inni sadaffaan Zaakuriif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 11 inni arfaffaan Yizriidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 12 inni shanaffaan Nataaniyaadhaaf,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 13 inni jaʼaffaan Buqqiiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 14 inni torbaffaan Yeshaariʼelaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 15 inni saddeettaffaan Yeshaayaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 16 inni saglaffaan Maataaniyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 17 inni kurnaffaan Shimeʼiidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 18 inni 11ffaan Azaareliif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 19 inni 12ffaan Hashaabiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 20 inni 13ffaan Shubaaʼeliif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 21 inni 14ffaan Maataatiyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 22 inni 15ffaan Yeremootiif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 23 inni 16ffaan Hanaaniyaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 24 inni 17ffaan Yoshbeqaashaadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 25 inni 18ffaan Hanaaniidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 26 inni 19ffaan Maalootiidhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 27 inni 20ffaan Eliyaataadhaaf, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 28 inni 21ffaan Hotiiriif, ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 29 inni 22ffaan Gidaaltiidhaaf,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 30 inni 23ffaan Maahaaziyootiif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan; 31 inni 24ffaan Romaamti Eezeriif,+ ilmaan isaa fi obboloota isaatiif ni baʼe; isaanis namoota 12 turan.