Nahimiyaa
13 Guyyaa sanatti kitaabni Musee utuma sabichi dhagaʼuu ni dubbifame;+ yaanni namni Amoon yookiin namni Moʼaab+ yoom iyyuu gara gumii Waaqa dhugaatti galuu akka hin qabne ibsus barreeffamee argame;+ 2 sababiin isaas, isaan Israaʼelotaaf buddeenaa fi bishaan hin kennine; kanaa mannaa, akka isaan abaaruuf Balaʼaamiin itti bitanii turan.+ Waaqni keenya garuu abaarsicha gara eebbaatti jijjiire.+ 3 Isaanis Seericha akkuma dhagaʼaniin, namoota sanyii biyya ormaa* taʼan hundumaa Israaʼel irraa adda baasuu jalqaban.+
4 Kun taʼuu isaa dura, manneen kuusaa* mana* Waaqa dhugaa+ irratti itti gaafatamummaa kan qabu Eliyaashiib+ lubicha isa fira Xoobiyaa+ taʼe ture. 5 Innis kutaa mana kuusaa* guddaa taʼe tokko bakka kanaan dura isaan kennaa midhaanii, ixaana adii, miʼawwan, kurnoo midhaanii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii+ warra Leewwotaaf,+ faarfattootaa fi karra eegdotaaf akka kennamu ajajamee fi buusii lubootaaf godhame keessa kaaʼuuf itti fayyadaman sana isaaf ni qopheesse.+
6 Waggaa 32ffaa+ bara Arxeksis+ mootii Baabilonitti gara mootichaa dhaqee waanan tureef, ani yeroo kana hundumaatti Yerusaalem keessa hin turre; yeroo muraasa boodas mootichi heyyama akka naaf kennu nan gaafadhe. 7 Achiis yommuun gara Yerusaalem dhufu, mooraa mana Waaqa dhugaa keessatti Xoobiyaadhaaf+ kutaa mana kuusaa qopheessuudhaan wanta hamaa Eliyaashiib+ raawwate nan hubadhe. 8 Kun baayʼee waan na gaddisiiseef, miʼawwan manaa Xoobiyaa hundumaa kutaa mana kuusaa* sana keessaa baasee nan daddarbadhe. 9 Sana booda ajaja nan dabarse; isaanis kutaawwan mana kuusaa* sana ni qulqulleessan; anis miʼawwan mana Waaqa dhugaa+ kennaa midhaanii fi ixaana adii sanaa wajjin deebisee achi nan kaaʼe.+
10 Kana malees Leewwonni+ gaʼeen isaanii waan isaaniif hin kennamneef,+ Leewwonnii fi faarfattoonni warri hojicha hojjetan tokkoon tokkoon isaanii gara maasii maasii isaaniitti deemuu isaanii nan hubadhe.+ 11 Kanaafuu, “Manni Waaqa dhugaa kan dagatame maaliifi?”+ jedheen bulchitoota gad aanootti+ dheekkame. Achiis walitti isaan qabeen deebisee hojii isaanii irratti isaan ramade. 12 Guutummaan Yihudaas midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii keessaa kurnoo+ gara kutaawwan mana kuusaatti+ ni fide. 13 Achiis ani Shelemiyaa lubicha, Saadoq isa garagalchituu* taʼee fi Pedaayaa isa Leewwota keessaa tokko taʼe itti gaafatamtoota kutaawwan mana kuusaa akka taʼan nan godhe; Haanaan ilmi Zaakur, ilmi Maataaniyaa immoo isaan gargaara ture; sababiin isaas, namoonni kun amanamoo turan. Gaʼee obboloota isaanii isaaniif hiruun itti gaafatamummaa isaanii ture.
14 Yaa Waaqa koo, waaʼee kanaatiif na yaadadhu;+ wantoota ani jaalala amanamaadhaan kakaʼee mana Waaqa kootii fi tajaajila* achitti raawwatamuuf godhe haxooftee hin balleessin.+
15 Guyyoota sanatti ani namoota Yihudaa keessatti guyyaa Sanbataatti+ wayinii cuunfan, midhaan fidanii harree irratti feʼan, akkasumas daadhii wayinii, firii wayinii, harbuu fi feʼumsa akaakuu adda addaa guyyaa Sanbataatti gara Yerusaalemitti fidan nan arge.+ Kanaafuu, guyyaa sanatti miʼawwan akka hin gurgurre* isaan nan akeekkachiise. 16 Namoonni Xiiros warri magaalattii keessa jiraatan qurxummii fi shaqaxa gosa hundumaa fidanii, guyyaa Sanbataatti+ namoota Yihudaa warra Yerusaalem keessa jiraatanitti gurguru turan. 17 Kanaafuu, akkana jedheen guguddoota Yihudaatti dheekkame: “Guyyaa Sanbataa xureessuudhaan wanti hamaan isin gochaa jirtan kun maali dha? 18 Waaqni keenya nu irrattis taʼe magaalaa kana irratti badiisa kana hundumaa kan fide, abbootiin keessan akkana waan godhaniif hin turree? Ammas isin Sanbata xureessuudhaan aariin Israaʼel irratti bobaʼu akka dabalu gochaa jirtu.”+
19 Kanaafuu, guyyaa Sanbataa dura karrawwan Yerusaalem irratti gaaddisni buʼuu akkuma jalqabeen balbaloonni sun akka cufaman nan ajaje. Kana malees, Sanbanni hamma darbutti karrawwan sana banuu akka hin qabne isaanitti nan hime; akkasumas guyyaa Sanbataatti feʼumsi akka hin galleef tajaajiltoota koo keessaa tokko tokko karrawwan sana bira nan dhaabbachiise. 20 Kanaafuu, warri shaqaxa akaakuu adda addaa daldalanii fi gurguran yeroo tokko yookiin yeroo lama Yerusaalemii ala bulaniiru. 21 Achiis, “Dallicha fuuldura kan bultan maaliifi? Lammata yoo akkana gootan, humnaanan isin ariʼa” jedheen isaan akeekkachiise. Isaanis yeroo sanaa jalqabee guyyaa Sanbataatti dhufanii hin beekan.
22 Leewwonnis guyyaan Sanbataa qulqulluu taʼee akka eegamuuf,+ yeroo hundumaa akka of qulqulleessanii fi dhufanii karrawwan sana akka eegan isaanitti nan hime. Yaa Waaqa koo, kanas naaf yaadadhu; akka jaalala kee isa amanamaa isa hedduu taʼettis naaf gaddi.+
23 Kana malees yeroo sanatti Yihudoonni dubartoota Ashdoodota,+ Amoonotaa fi Moʼaabota+ taʼan fuudhan* akka jiran nan hubadhe.+ 24 Ilmaan isaanii keessaa walakkaan isaanii afaan Ashdoodotaa, walakkaan isaanii immoo afaan saboota adda addaa kan dubbatan taʼus, tokkoon isaanii iyyuu afaan Yihudootaa dubbachuu hin dandaʼan turan. 25 Kanaafuu, isaanitti nan dheekkame; isaan nan abaare; isaan keessaa tokko tokko nan rukute;+ rifeensa isaaniis nan cire; achiis akkana jedheen maqaa Waaqayyootiin isaan kakachiise: “Ijoollee durbaa keessan ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kenninaa; ijoollee durbaa isaanii keessaa tokko illees ijoollee dhiiraa keessaniif yookiin ofii keessaniif hin fudhatinaa.+ 26 Solomoon mootiin Israaʼel cubbuu kan hojjete sababii dubartoota kanaatiin hin turree? Saboota hedduu keessaa mootiin akka isaa hin turre;+ inni Waaqa isaa duratti jaallatamaa waan tureef,+ Waaqayyo guutummaa Israaʼel irratti mootii isa godhe. Haa taʼu malee, haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaa inni illee cubbuu akka hojjetu godhaniiru.+ 27 Isin dubartoota biyya ormaa fuutanii Waaqa keenyaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuudhaan hammina guddaa akkanaa raawwachuun keessan wanta dhagaʼamee hin beekne dha.”+
28 Ilmaan Yoyaadaa+ isa ilma Eliyaashiib+ isa luba ol aanaa taʼe keessaa tokko soddaa Saanbaalaax+ Hooronichaa ture. Kanaafuu, of biraa isa nan ariʼe.
29 Yaa Waaqa koo, isaan lubummaa, kakuu lubummaa+ fi Leewwota+ waan xureessaniif isaan hin irraanfatin.
30 Anis xuraaʼummaa biyya ormaa hundumaa irraa isaan nan qulqulleesse; lubootaa fi Leewwotaaf tokkoon tokkoon isaanii akka tajaajila isaaniitti hojii isaaniif nan kenne;+ 31 achiis qoraan yeroo murtaaʼetti dhihaatuu+ fi firiiwwan jalqabaa warra bilchaatan ilaalchisee qophii nan godhe.
Yaa Waaqa koo, wanta gaariidhaan na yaadadhu.+