Ermiyaas
52 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 2 Inni akkuma Yehoyaaqiim godhe hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 3 Wantoonni kun Yerusaalemii fi Yihudaa irra kan gaʼan dheekkamsa Yihowaatiin kan kaʼe ture; hamma inni of duraa isaan gatuttis wantoonni kun isaan irra ni gaʼan.+ Zedeeqiyaanis mootii Baabilon irratti fincila kaase.+ 4 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilon guutummaa raayyaa waraanaa isaa wajjin Yerusaalemiin waraanuuf dhufe. Isaanis guutummaa magaalattiitti ni marsan; naannoo ishiitti marsaniis dallaa ijaaran.+ 5 Magaalattiinis hamma waggaa 11ffaa Zedeeqiyaa Mootichaatti marfamtee turte.
6 Jiʼa arfaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa saglaffaatti+ magaalattii keessatti beelli ni hammaate; namoonni biyyattiis wanta nyaatan hin qaban turan.+ 7 Dhuma irrattis dallaan magaalattii ni diigame; Kaladoonni magaalattiitti marsanii utuu jiranii loltoonni hundi halkaniin karra dallaa lamaan gidduu isa iddoo biqiltuu mootichaatti dhihoo jiru keessa baʼanii baqatan; achiis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼanii deemuu isaanii itti fufan.+ 8 Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu Zedeeqiyaa+ Mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan. 9 Achiis mooticha qabanii gara mootii Baabilon isa biyya Hamaat keessatti Riblaatti argamutti fidan; innis isa irratti ni murteesse. 10 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼe; bulchitoota Yihudaa hundumaas Riblaatti ni gorraʼe. 11 Achiis mootiin Baabilon ija Zedeeqiyaa ni jaamse;+ hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide; hamma guyyaa duʼa isaattis mana hidhaa keessa isa turse.
12 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 13 Innis mana Yihowaa, mana* mootichaa fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana guddaa hunda ni gube. 14 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turanis dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+
15 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota hiyyeeyyii fi namoota magaalattii keessatti hafan kaan boojiʼee fudhate. Kana malees, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi ogeeyyii harkaa dandeettii qaban kaan boojiʼee fudhate.+ 16 Haa taʼu malee, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoonni biyyattii baayʼee hiyyeeyyiin taʼan tokko tokko maasii wayinii keessatti akka tajaajilanii fi hojii dirqamaa akka hojjetaniif achumatti isaan dhiise.+
17 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sana hundumaas gara Baabilonitti ni geessan.+ 18 Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, saaniiwwan golboo,+ xoofoowwanii+ fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan. 19 Ajajaan waardiyyootaa sunis miʼawwan bishaanii,+ qodaawwan ibiddaa, saaniiwwan golboo, miʼawwan daaraa, baattuuwwan ibsaa,+ xoofoowwanii fi saaniiwwan golboo warra warqii fi meetii qulqulluu irraa tolfaman+ ni fudhate. 20 Sibiilli diimaan utubaawwan lamaan, Galaanichi, qotiyyoowwan sibiila diimaa 12n+ warri Galaanicha jalatti argamanii fi gaariiwwan Solomoon mana Yihowaatiif hojjechiise ittiin hojjetame hundi baayʼee waan taʼeef madaalamuu hin dandaʼu ture.
21 Utubaawwan kun tokkoon tokkoon isaanii ol dheerinni isaanii dhundhuma* 18 yeroo taʼu, utubaan tokko naannoon isaa wadaroo safaraatiin dhundhuma 12 taʼa ture;+ furdinni isaa immoo hamma balʼina quba harkaa* arfanii yeroo taʼu, keessi isaa qaawwa ture. 22 Gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee tokkoo dhundhuma shan ture;+ saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Utubaan inni lammaffaanii fi romaanonni sunis akkuma kanaa turan. 23 Cinaawwan isaa irratti romaanonni 96 jiru turan; walumaa galatti romaanonni 100 saaphanichatti marsanii jiru turan.+
24 Kana malees ajajaan waardiyyootaa sun, Seraayaa+ isa dura buʼaa lubootaa taʼe, Sefaaniyaa+ isa luba lammaffaa taʼe, akkasumas karra eegdota sadan ni fudhate.+ 25 Kana malees, inni magaalattii keessaa abbaa taayitaa mana mootummaa itti gaafatamaa loltootaa taʼe tokko, michoota mootichaa warra magaalattii keessatti argaman torba, barreessaa ajajaa raayyaa waraanaa isa namoota biyyattii duulaaf walitti qabu, akkasumas namoota biyyattii warra magaalattii keessatti argaman kaan 60 ni fudhate. 26 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe isaan fuudhee gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti isaan fide. 27 Mootiin Baabilonis Riblaa+ isa biyya Hamaat keessatti argamutti rukutee isaan ajjeese. Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.+
28 Namoonni Nebukadnezaar* boojiʼee fudhate hammana turan: waggaa torbaffaatti Yihudoota 3,023.+
29 Nebukadnezaar* mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti,+ namoonni* 832 Yerusaalem keessaa ni fudhataman.
30 Nebukadnezaar* mootii taʼee waggaa 23ffaa isaatti, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe Yihudoota 745 ni fudhate.+
Walumaa galatti namoonni* 4,600 boojuudhaan ni fudhataman.
31 Achiis Yehoyaakiin+ mootiin Yihudaa boojiʼamee waggaa 37ffaatti, jiʼa 12ffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 25ffaatti, Eewil Merodaak mootiin Baabilon waggaa mootii itti taʼetti Yehoyaakiin isa mootii Yihudaa taʼe mana hidhaatii ni gadhiise.*+ 32 Innis gaarummaadhaan isatti dubbate; teessoo isaas teessoowwan mootota warra isaa wajjin Baabilon keessa turan kaan irra ol ni godhe. 33 Kanaafuu, Yehoyaakiin uffata mana hidhaa of irraa ni baase; guutummaa bara jireenyaa isaattis yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa ni nyaata ture. 34 Bara jireenyaa isaa hundumaatti guyyaa guyyaadhaan mootii Baabilon biraa yeroo hundumaa hamma guyyaa duʼa isaatti sooranni isaaf ni kennama ture.