Leewwota
18 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhiitii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.+ 3 Isin akka isaan biyya Gibxii isa isin keessa jiraachaa turtan keessatti raawwatan sanaatti hin raawwatinaa; akkasumas isin wanta isaan biyya Kanaʼaan isa ani itti isin galchu keessatti raawwatan sana hin raawwatinaa.+ Akka dambiiwwan isaaniittis hin deddeebiʼinaa. 4 Heerawwan koo raawwadhaa; dambiiwwan koo hordofaa, ittiinis deddeebiʼaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha. 5 Dambiiwwan koo fi heerawwan koo eegaa; namni akkana godhu kam iyyuu isaaniin ni jiraata.+ Ani Yihowaa dha.
6 “‘Isin keessaa eenyu iyyuu fira dhihoo isaa wajjin saalqunnamtii raawwachuuf* itti hin dhihaatin.+ Ani Yihowaa dha. 7 Abbaa kee wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; haadha tee wajjinis saalqunnamtii hin raawwatin. Ishiin haadha tee waan taateef ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.
8 “‘Haadha manaa abbaa keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.+ Kun abbaa kee salphinaaf saaxiluu dha.*
9 “‘Intala abbaa keetiis taate intala haadha teetii, mana keessatti kan dhalattes taate alaa kan dhalatte, obboleettii tee wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.+
10 “‘Intala ilma keetii yookiin intala intala teetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; sababiin isaas, isaan qullaa ofii keetii ti.
11 “‘Intala haadha manaa abbaa keetii ishii sanyii abbaa keetii taatee wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; sababiin isaas, ishiin obboleettii tee ti.
12 “‘Obboleettii abbaa keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin. Ishiin fira dhiigaa abbaa keetii ti.+
13 “‘Obboleettii haadha teetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; sababiin isaas, ishiin fira dhiigaa haadha teetii ti.
14 “‘Haadha manaa obboleessa abbaa keetii wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan salphinaaf isa hin saaxilin.* Ishiin adaadaa tee ti.+
15 “‘Haadha manaa ilma keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.+ Ishiin haadha manaa ilma keetii waan taateef ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.
16 “‘Haadha manaa obboleessa keetii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin;+ sababiin isaas, kun obboleessa kee salphinaaf saaxiluu dha.*
17 “‘Dubartii takkaa fi intala ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.+ Saalqunnamtii wajjin raawwachuufis intala ilma ishii fi intala intala ishii hin fudhatin. Isaan ishiidhaaf fira dhihoo ti; kun gocha qaanessaa taʼe* dha.
18 “‘Haati manaa tee utuma lubbuudhaan jirtuu, obboleettii ishii akka haadha manaa lammaffaatti+ fudhattee ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwatin.
19 “‘Dubartiin takka utuma xuraaʼummaa laguu irra jirtuu ishii wajjin saalqunnamtii raawwachuuf itti hin dhihaatin.+
20 “‘Haadha manaa nama kan biraa* wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan of hin xureessin.+
21 “‘Ijoollee kee keessaa eenyu illee Moleekiif akka dhihaatu* hin godhin.+ Akkana gochuudhaan maqaa Waaqa keetii hin xureessin.+ Ani Yihowaa dha.
22 “‘Akkuma dubartii wajjin ciistutti, dhiiraa wajjin hin ciisin.+ Kun gocha jibbisiisaa taʼe dha.
23 “‘Dhiirri tokko horii wajjin saalqunnamtii raawwachuudhaan of hin xureessin; dubartiin takkas horii wajjin saalqunnamtii raawwachuuf of hin dhiheessin.+ Kun wanta uumamaa ala taʼe dha.
24 “‘Saboonni warri ani isin duraa ariʼu sun wantoota kana hundumaatiin waan of xureessaniif, isin wantoota kana keessaa isa tokkoon illee of hin xureessinaa.+ 25 Kanaan kan kaʼes, biyyattiin xuroofteetti; anis sababii balleessaa ishiitiin ishii nan adaba; biyyattiinis namoota ishii keessa jiraatan ni tufti.+ 26 Haa taʼu malee, isin dambiiwwanii fi heerawwan koo eegaa;+ lammiin biyyattiis taʼe namni biyya ormaa isin gidduu jiraatu wantoota jibbisiisoo taʼan kana keessaa isa kam iyyuu raawwachuu hin qabu.+ 27 Sababiin isaas, namoonni isin dura biyyattii keessa jiraachaa turan wantoota jibbisiisoo taʼan kana hundumaa raawwataniiru;+ kunoo, amma biyyattiin xuroofteetti. 28 Isin garuu biyyattii waan hin xureessineef, akkuma saboota isin dura achi jiraatan tuftutti isin hin tuftu. 29 Namni kam iyyuu wantoota jibbisiisoo taʼan kana keessaa isa tokko illee yoo raawwate, warri* wantoota kana raawwatan hundi saba isaanii gidduudhaa haa balleeffaman.* 30 Isin wantoota kanaan akka of hin xureessineef, barsiifatawwan jibbisiisoo isin dura raawwatamaa turan kana keessaa isa kam iyyuu raawwachuu irraa fagaachuudhaan dirqama ani isin irraa eegu raawwadhaa.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.’”