Saamuʼel Tokkoffaa
11 Achiis Nahaash mootiin Amoonotaa+ dhufee Yaabeesh+ ishii Giiliyaaditti argamtutti marse. Namoonni Yaabeesh hundis Nahaashiin, “Nuu wajjin kakuu gali;* nutis si tajaajilla” jedhan. 2 Nahaashis, “Ani isinii wajjin kakuu kanan galu, ijji mirgaa hunduma keessanii yoo isin keessaa baafame qofa dha. Kanas kanan godhu Israaʼelota hundumaa salphisuuf jedheeni” isaaniin jedhe. 3 Jaarsoliin Yaabeeshis deebisanii, “Gara naannoo Israaʼel hundumaatti ergamtoota ergachuu akka dandeenyuuf guyyaa torba nuuf kenni. Sana booda namni nu oolchu yoo dhabame, nuti harka keenya sitti ni kennina” isaan jedhan. 4 Ergamtoonni sunis gara magaalaa Gibeʼaa+ bakka Saaʼol itti jiraatu dhufanii utuma namoonni dhagaʼanii ergaa kana ni dubbatan; namoonni sun hundis sagalee isaanii ol kaasanii booʼan.
5 Saaʼol garuu horii isaa oofee dirreedhaa dhufaa ture; innis, “Namoonni kun maal taʼan? Maaliif booʼu?” jedhe. Isaanis wanta namoonni Yaabeesh jedhan isatti himan. 6 Saaʼol yommuu wanta kana dhagaʼu hafuurri Waaqayyoo humna isaaf ni kenne;+ innis aariidhaan ni gubate. 7 Kanaafuu, qotiyyoo cimdii fuudhee kukkutee gara naannoowwan Israaʼel hundumaatti akka geessaniif ergamtootatti kenne; “Namni Saaʼolii fi Saamuʼel duukaa hin buune loon isaa akkuma kana ni kukkutamu!” akka jedhanis ergamtoota sana ajaje. Namoonni sunis Yihowaa waan sodaataniif, tokko taʼanii* gad baʼan. 8 Innis Beezeqitti isaan ni lakkaaʼe; isaanis Israaʼelota 300,000 fi namoota Yihudaa 30,000 turan. 9 Namoonni sunis yeroo kanatti ergamtoota Yaabeeshii dhufan sanaan akkana jedhan: “Isin namoota Yaabeesh warra Giiliyaad keessa jiranitti, ‘Boru yommuu aduun hoʼitu, isin ni oolchina’ jedhaatii itti himaa.” Ergamtoonni sunis dhufanii namoota Yaabeeshitti himan; isaanis baayʼee gammadan. 10 Kanaafuu, namoonni Yaabeesh Amoorotaan, “Boru harka keenya isinitti ni kennina; isinis wanta gaarii isinitti fakkaate hundumaa nu irratti raawwachuu dandeessu” jedhan.+
11 Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota sana garee sadiitti ni hire; isaanis halkan gara barii* buufata sana gidduu seenanii hanga aduun hoʼitutti Amoonota+ rukutan. Warri oolanis namni lama illee waliin taʼuu hamma hin dandeenyetti ni bibittinnaaʼan. 12 Achiis namoonni sun Saamuʼeliin, “Namoonni, ‘Saaʼoltu nu irratti mootii taʼuuf jedhaa?’ jedhan eenyu faʼi?+ Namoota sana dabarsii nutti kenni; nutis isaan ni ajjeesna” jedhan. 13 Saaʼol garuu, “Harʼa guyyaa Yihowaan Israaʼeliin itti oolche waan taʼeef, namni tokko illee guyyaa kanatti ajjeefamuu hin qabu” jedhe.+
14 Sana booda Saamuʼel namoota sanaan, “Kottaa gara Gilgaal+ dhaqnee Saaʼol mootii taʼuu isaa irra deebinee labsina” jedhe.+ 15 Kanaafuu, namoonni sun hundi gara Gilgaal dhaqanii, achitti Yihowaa duratti Saaʼoliin mootii godhan. Achittis Yihowaa duratti aarsaawwan gamtaa ni dhiheessan;+ Saaʼolii fi namoonni Israaʼel hundis baayʼee gammadan.+