Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
9 Israaʼelonni hundi akka hidda dhalootaa isaaniitti ni galmeeffaman; akkasumas Kitaaba Mootota Israaʼel keessatti ni barreeffaman. Yihudaan amanamaa waan hin taaneef, boojuudhaan gara Baabilonitti ni fudhatame.+ 2 Jiraattonni jalqabaa warri gara dhaala isaanii isa magaalota isaanii keessatti argamuutti deebiʼan Israaʼelota tokko tokko, luboota, Leewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa* turan.+ 3 Sanyiiwwan Yihudaa,+ sanyiiwwan Biiniyaam,+ sanyiiwwan Efreemii fi sanyiiwwan Minaasee tokko tokko Yerusaalem keessa jiraatan: 4 Sanyiiwwan Faares+ isa ilma Yihudaa taʼe keessaa, Uutaay ilma Amihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii turan. 5 Shiiloonota keessaa, ilma angafaa kan taʼe Asaayaa fi ilmaan isaa turan. 6 Ilmaan Zeeraa+ keessaa, Yewuʼelii fi obboloota isaanii 690 turan.
7 Sanyiiwwan Biiniyaam keessaa, Saaluu ilma Meshulaam, ilma Hodaawiyaa, ilma Hasnuʼaa, 8 Yibneyaa ilma Yerohaam, Eelaa ilma Uuzii, ilma Mikrii, akkasumas Meshulaam ilma Shefaatiyaa, ilma Rewuʼel, ilma Yibniyaa turan. 9 Obboloonni isaaniis akka hidda dhalootaa isaaniitti 956 turan. Namoonni kun hundi dura buutota manneen abbootii isaanii* turan.
10 Luboota keessaa, Yedaayaa, Yehoyaariib, Yaakiin,+ 11 Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Saadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahixuub isa geggeessaa mana* Waaqa dhugaa taʼe, 12 Adaayaa ilma Yerohaam, ilma Paashuur, ilma Maalkiyaa, Maaʼaasaay ilma Adiʼel, ilma Yaahzeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshilemiit, ilma Iimer, 13 akkasumas obboloota isaanii warra dura buutota manneen abbootii isaanii turan; isaanis warra mana Waaqa dhugaa keessatti tajaajiluuf of dhiheessan, namoota jajjaboo fi gaʼumsa qaban 1,760 turan.
14 Leewwota keessaa, sanyiiwwan Meraarii keessaa kanneen kana turan: Shemaayaa+ ilma Hashuub, ilma Azriqaam, ilma Hashaabiyaa, 15 akkasumas Baaqbaaqaar, Hereesh, Gaalaal, Maataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaaf, 16 Obaadiyaa ilma Shemaayaa, ilma Gaalaal, ilma Yedutuun, akkasumas Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa isa gandeen Netoofotaa+ keessa jiraachaa ture sanaa.
17 Karra eegdonni+ Shaalum, Aquub, Taalmoon, Ahimaan, akkasumas obboleessa isaanii Shaalum isa dura buʼaa taʼe turan; 18 inni hamma yeroo sanaatti karra mootichaa isa gara bahaa jiru bira ture.+ Kanneen kun karra eegdota buufatawwan Leewwotaa turan. 19 Shaalum ilmi Qoree, ilmi Ebiyaasaaf, ilmi Qoraa fi obboloonni isaa warri garee mana abbootii isaa taʼan, jechuunis Qoraatonni karra eegdota dunkaanichaa taʼuudhaan hojiiwwan tajaajilaa achitti raawwataman ol aantummaadhaan toʼatu turan; abbootiin isaanii immoo eegdota balbalichaa taʼuudhaan buufata Yihowaa ol aantummaadhaan toʼatu turan. 20 Sana dura geggeessaan isaanii Finahaas+ ilma Eleʼazaar+ ture; Yihowaanis isaa wajjin ture. 21 Zakkaariyaas+ ilmi Mesheleemiyaa karra eegduu balbala dunkaana walgaʼii ture.
22 Karra eegdota balbaloota sanaa akka taʼaniif kan filataman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 212 ture. Isaan akka hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffamanitti+ gandeen isaanii keessa jiraatu turan. Daawitii fi Saamuʼel inni mulʼata argu,+ namoota kana iddoo amanamummaa gaafatu irratti ni muudan. 23 Isaanii fi ilmaan isaanii tajaajila eegumsa karrawwan mana Yihowaa, jechuunis mana dunkaanichaa ol aantummaadhaan toʼatu turan.+ 24 Karra eegdonni karaa afuriin, jechuunis karaa bahaa, karaa dhihaa, karaa kaabaa fi karaa kibbaa jiru turan.+ 25 Obboloonni isaaniis guyyaa torbaaf isaanii wajjin tajaajiluuf yeroo yeroodhaan gandeen isaanii keessaa baʼanii dhufu turan. 26 Iddoo amanamummaa gaafatu irratti ajajjoonni* karra eegdota taʼan afur jiru turan. Isaan Leewwota turan; kutaawwan* sanaa fi manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa keessattis itti gaafatamummaa qabu turan.+ 27 Isaan halkan guutuu iddoo isaanii qabatanii mana Waaqa dhugaatti marsanii bulu turan; isaan hojii eegumsaa ni hojjetu, furtuu ni qabatu, akkasumas ganama ganama manicha ni banu turan.
28 Isaan keessaa tokko tokko miʼawwan tajaajilaaf oolan irratti itti gaafatamummaa qabu turan;+ miʼawwan sana yommuu galchanis taʼe yommuu baasan ni lakkaaʼu turan. 29 Isaan keessaa tokko tokko miʼawwan kaan, miʼawwan qulqulluu taʼan hunda,+ daakuu bullaaʼaa,+ daadhii wayinii,+ zayiticha,+ ixaana adii+ fi zayitii baalsaamii*+ akka toʼatan muudamanii turan. 30 Ilmaan lubootaa tokko tokko immoo zayitii baalsaamii dibataaf oolu walitti maku turan. 31 Leewwota keessaa Maataatiyaan inni ilma angafaa Shaalum Qoraatichaa taʼe, wantoota eeleedhaan tolfamanii+ wajjin haala wal qabateen iddoo amanamummaa gaafatu irratti muudamee ture. 32 Obboloota isaanii kan taʼan Qehaatota keessaa tokko tokko, yeroo hunda sanbata sanbata+ daabboo wal irra tuulamu*+ akka qopheessaniif itti gaafatamummaan isaaniif kennamee ture.
33 Faarfattoonni, dura buutonni manneen abbootii Leewwotaa warri kutaawwan* sana keessa taaʼanii fi hojiiwwan kaan irraa walaba taʼan kanneen kana turan; isaan halkanii fi guyyaa hojii isaanii irratti argamuuf itti gaafatamummaa qabu turan. 34 Kanneen kun dura buutota manneen abbootii Leewwotaa hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffaman turan. Isaan Yerusaalem keessa jiraatu turan.
35 Abbaa Gibeʼon kan taʼe Yeyiʼel Gibeʼon+ keessa jiraata ture. Maqaan haadha manaa isaa Maʼaakaa ture. 36 Ilmi isaa inni angafaa Abdoon, warri kaan immoo Zuur, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab, 37 Geedor, Ahiyoo, Zakkaariyaasii fi Miiqlot turan. 38 Miiqlot Shimeʼaam dhalche. Hundi isaaniis obboloota isaanii kaanii wajjin, obboloota isaaniitti dhihaatanii Yerusaalem keessa jiraatu turan. 39 Neer+ Qiishiin dhalche; Qiish Saaʼoliin+ dhalche; Saaʼol Yonaataaniin,+ Malkishuwaa,+ Abinaadaabii+ fi Eshbaʼaaliin dhalche. 40 Ilmi Yonaataan Meriib Baʼaal+ ture. Meriib Baʼaal Miikiyaasiin dhalche.+ 41 Ilmaan Miikiyaas, Pitoon, Meeleek, Taaheriʼaa fi Akaaz turan. 42 Akaaz Yaaraa dhalche; Yaaraan Alameetiin, Azmaawetii fi Zimrii dhalche. Zimriin Moozaa dhalche. 43 Moozaan Bineʼaa dhalche; Bineʼaan Refaayaa dhalche; Refaayaan Elʼaasaa dhalche; Elʼaasaan Azeeliin dhalche. 44 Azeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis Azriqaam, Bokeruu, Ishmaaʼel, Sheʼaariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan ture. Kanneen kun ilmaan Azeel turan.