Saamuʼel Lammaffaa
4 Ish Bosheet+ ilmi Saaʼol Abneer Kebroonitti duʼuu+ isaa yommuu dhagaʼu, akka malee ni sodaate;* Israaʼelonni hundis ni jeeqaman. 2 Namoonni tuutawwan weerartootaa ilmi Saaʼol geggeessu keessatti itti gaafatamummaa qaban lama jiru turan; maqaan isa tokkoo Baʼaanaa, maqaan isa kan biraa immoo Reekaab jedhama ture. Isaanis ilmaan Rimoon Beʼeerotichaa isa gosa Biiniyaam ture sanaa ti. (Beʼeerotis+ kutaa gosa Biiniyaam akka taʼetti ilaalama ture. 3 Beʼeerotonni gara Gitaayimitti+ ni baqatan; isaanis hamma guyyaa harʼaatti namoota biyya ormaa taʼanii achi jiraachaa jiru.)
4 Yonaataan+ ilmi Saaʼol ilma miilli isaa naafa taʼe tokko qaba ture.+ Inni yommuu oduun Saaʼolii fi Yonaataan duʼuu isaanii ibsu Yezriʼelii+ dhufetti umuriin isaa waggaa shan ture; guddiftuun isaas isa fudhattee ni baqatte; garuu, utuu ishiin naasuudhaan baqachaa jirtuu inni kufee naafate. Maqaan isaa Mefibosheet+ jedhama ture.
5 Ilmaan Rimoon Beʼeerotichaa kan taʼan Reekaabii fi Baʼaanaan, Ish Bosheet guyyaa saafaa utuu boqochaa jiruu gara mana isaatti ni seenan. 6 Isaan qamadii kan fudhatan fakkaatanii manichatti seenanii garaa isaa waraanan; sana booda Reekaabii fi obboleessi isaa Baʼaanaan+ ni miliqan. 7 Yommuu gara manichaa seenanis inni kutaa ciisichaa isaa keessa siree isaa irra ciisee ture; isaanis rukutanii erga isa ajjeesanii booda mataa isaa isa irraa ni muran. Achiis mataa isaa fudhatanii halkan guutuu daandii gara Arabaatti geessu irra deemaa bulan. 8 Mataa Ish Bosheet+ gara Daawit isa Kebroonitti argamuu fidanii mootichaan, “Mataan Ish Bosheet ilma Saaʼol diina+ kee isa lubbuu kee balleessuuf barbaadaa+ ture sanaa kunoo ti. Guyyaa harʼaatti Yihowaan gooftaa keenya mootichaaf jedhee Saaʼolii fi sanyiiwwan isaa irratti haaloo baʼeera” jedhan.
9 Haa taʼu malee Daawit, ilmaan Rimoon Beʼeerotichaa kan taʼan Reekaabii fi obboleessa isaa Baʼaanaadhaaf akkana jedhee deebise: “Yihowaa isa jiraataa isa dhiphina hundumaa irraa na oolcheen*+ nan kakadha, 10 yeroo namichi tokko misiraachoo kan naaf fide itti fakkaatee, ‘Kunoo Saaʼol duʼeera’ jedhee natti himetti,+ qabeen Siqlaagitti isa ajjeese.+ Badhaasni ergamaan sun ana irraa argate kana ture! 11 Maarree namoonni hamoon nama qulqulluu mana isaa keessatti siree isaa irra ciisee jiru ajjeesan wanti kana irra caalu isaan hin eeggatuu? Ani isin dhiiga isaatiif akka itti gaafatamtan gochuu+ fi lafa irraa isin balleessuu hin qabuu?” 12 Achiis Daawit akka isaan ajjeesaniif dargaggoota sana ni ajaje.+ Isaanis harka isaanii fi miila isaanii kutanii bishaan kuufamaa Kebroon biratti isaan fannisan.+ Mataa Ish Bosheet garuu fuudhanii iddoo awwaalchaa Abneer isa Kebroon keessatti argamutti awwaalan.