Lallaba
2 Achiis garaa kootti, “Mee kaʼeen gammachuu qora, wanti gaariin akkamii akka argamus nan ilaala” jedheen yaade. Garuu kunoo, kunis wanta gatii hin qabne dha.
2 “Kolfuun, maraatummaa dha!
Gammachuunis faayidaa maalii qaba?” nan jedhe.
3 Ogummaa koo utuu hin dhabin, wanta gaarii daadhii wayiniitti gammaduudhaan+ argamu beekuuf nan murteesse; samii jalatti wanta gaarii ilmaan namootaa bara jireenyaa isaanii isa gabaabaatti gochuu dandaʼan beekuuf gocha gowwummaa illee nan raawwadhe. 4 Hojiiwwan guguddoo nan raawwadhe.+ Manneen nan ijaarradhe;+ mukeetii wayinii nan dhaabbadhe.+ 5 Iddoowwan biqiltuu fi iddoowwan bashannanaa nan qopheeffadhe; achi keessattis mukeetii firii godhatan adda addaa nan dhaabe. 6 Mukeetii bosonaa biqilaa jiran jalʼisiidhaan obaasuufis bishaan kuufamaa nan qopheeffadhe. 7 Tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa nan baayʼifadhe;+ tajaajiltoota mana koo keessatti dhalatanis* qaban ture. Kana malees, warra na dura Yerusaalem keessa turan hundumaa caalaa horii, jechuunis loonii fi bushaayee hedduu nan argadhe.+ 8 Meetii fi warqii warra qabeenya moototaa fi koonyaawwanii taʼan* nan kuufadhe.+ Weellistoota dhiiraa fi durbaa walitti nan qabadhe; akkasumas dubartii* dhiiraaf gammachuu guddaa argamsiistu, eeyyee, dubartoota* hedduu walitti nan qabadhe. 9 Kanaafuu, guddaa nan taʼe; nama na dura Yerusaalem keessa ture kam irra iyyuu nan caale.+ Ogummaan koos anuma biratti hafe.
10 Wantan hawwe* kam iyyuu of hin dhowwanne.+ Gammachuu akkamii iyyuu garaa koo hin dhowwanne; hojii koo isan jabaadhee hojjedhe hundumaatiin kan kaʼe garaan koo gammadee ture; hojii koo isan jabaadhee hojjedhe hundumaatiif kun badhaasa* koo ture.+ 11 Haa taʼu malee, hojiiwwan harki koo hojjetee fi hojiiwwan koo warra ani itti dhamaʼee raawwadhe+ hundumaa irratti yommuun xiinxalu, wanti hundi gatii kan hin qabne, akkasumas akkuma bubbee duukaa fiiguu taʼuu isaa nan hubadhe;+ aduu jalatti wanti faayidaa dhugaa qabu tokko illee hin jiru.+
12 Achiis xiyyeeffannaa koo gara ogummaatti, gara maraatummaattii fi gara gowwummaatti nan naannesse.+ (Sababiin isaas, namni mooticha booda dhufu maal gochuu dandaʼa? Wantuma sana dura raawwatame qofa raawwachuu dandaʼa.) 13 Akkuma ifni dukkana caalaa faayidaa qabu, ogummaanis gowwummaa caalaa faayidaa akka qabu+ nan arge.
14 Namni ogeessi daandii isaa sirriitti ilaala;*+ gowwaan garuu dukkana keessa deema.+ Kana malees, wanti dhuma irratti hunduma isaanii irra gaʼu* tokkuma akka taʼe nan hubadhe.+ 15 Achiis garaa kootti, “Wanti gowwaa irra gaʼu ana irras ni gaʼa” nan jedhe.+ Maarree, akka malee ogeessa taʼuudhaan buʼaa maaliin argadhe? Kanaafuu, garaa kootti, “Kunis wanta gatii hin qabne dha” jedheen yaade. 16 Sababiin isaas, namni ogeessis taʼe namni gowwaan bara baraaf hin yaadatamu.+ Guyyoota dhufanitti namni hundi ni irraanfatama. Namni ogeessis akkuma namni gowwaan duʼutti ni duʼa.+
17 Kanaafuu, wanti samii jalatti raawwatamaa jiru kan nama dhiphisu waan natti fakkaateef, jireenya nan jibbe;+ wanti hundi gatii kan hin qabne dha;+ akkuma bubbee duukaa fiiguu tis.+ 18 Ani nama na booda dhufuuf dhiisee waanan darbuuf,+ wantan samii jalatti baayʼee itti dadhabee argadhe hundumaa nan jibbe.+ 19 Inni ogeessa yookiin gowwaa akka taʼu eenyutu beeka?+ Taʼus inni wantoota ani carraaqqii guddaa fi ogummaadhaan samii jalatti argadhe hundumaa ni fudhata. Kunis wanta gatii hin qabne dha. 20 Kanaafuu, hojii cimaa ani samii jalatti itti dhamaʼe hundumaa ilaalchisee garaa kootti abdii kutachuun jalqabe. 21 Sababiin isaas, namni tokko ogummaa, beekumsaa fi dandeettiidhaan geggeeffamee jabaatee hojjeta; taʼus gaʼee isaa* nama hojicha hin hojjenneef dabarsee kenna.+ Kunis wanta gatii hin qabnee fi baayʼee nama gaddisiisu* dha.
22 Namni tokko wanta aduu jalatti jabaatee hojjetuu fi fedhii jabaatee akka hojjetu isa kakaasu* hundumaa irraa dhugumaan buʼaa akkamii argata?+ 23 Sababiin isaas, inni umurii isaa guutuu hojiin isaa gaddaa fi abdii kutachuu isatti fida;+ halkan illee garaan isaa boqonnaa hin argatu.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha.
24 Nyaachuu, dhuguu fi hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammachuu argachuu* caalaa wanti namaaf gaarii taʼe tokko illee hin jiru.+ Wanti kunis harka Waaqa dhugaa irraa kan argamu taʼuu isaa hubadheera;+ 25 sababiin isaas, namni ana caalaa nyaatuu fi dhugu hin jiru.+
26 Inni nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu ni kenna;+ isa cubbamaa taʼeef garuu nama Waaqa dhugaa gammachiisuuf akka kennu gochuuf hojii sassaabuu fi hojii akkanumaan walitti qabuu ni kenna.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu tis.