Lallaba
9 Kanaafuu, kana hundumaatiif xiyyeeffannaa nan kenne; qajeelonnii fi ogeeyyiin, akkasumas hojiin isaanii harka Waaqa dhugaa keessa akka jiran+ nan hubadhe. Namoonni jaalalaa fi jibba bara isaanii dura ture hin beekan. 2 Qajeelonnii fi hamoonni,+ namoonni gaariin, namoonni qulqulluu taʼanii fi namoonni qulqulluu hin taane, akkasumas warri aarsaa dhiheessanii fi warri aarsaa hin dhiheessine hundi wanti dhuma irratti isaan irra gaʼu* tokko dha.+ Namni gaariinii fi namni cubbamaan tokko dha; namni kakaa kakatuu fi namni kakaa kakachuu irratti of eeggatus tokko dha. 3 Wanti aduu jalatti raawwatamuu fi nama dhiphisu kana dha: Wanti dhuma irratti hunduma isaanii irra gaʼu* tokko waan taʼeef,+ garaan namootaa wanta hamaadhaan kan guutame dha; bara jireenyaa isaaniitti maraatummaan garaa isaanii keessa jira; sana booda isaan ni duʼu!*
4 Sareen lubbuudhaan jiru leenca duʼe irra waan wayyuuf, namni warra lubbuudhaan jiran gidduutti argamu kam iyyuu abdii qaba.+ 5 Warri lubbuudhaan jiran akka duʼan beeku;+ warri duʼan garuu homaa hin beekan;+ yaadannoon isaanii hundi waan irraanfatameef,+ sana booda isaan gatii* argatan hin qaban. 6 Kana malees, jaalalli, jibbii fi hinaaffaan isaanii badeera; sana booda wanta aduu jalatti raawwatamu keessaa homaa qooda hin qaban.+
7 Waaqni dhugaan hojii keetti waan gammadeef,+ dhaqi, nyaata kee gammachuudhaan nyaadhu, daadhii wayinii kees garaa gammadeen dhugi.+ 8 Uffanni kee yeroo hundumaa adii haa taʼu;* mataa kees zayitii dibachuu hin dhiisin.+ 9 Bara jireenyaa kee isa gabaabaa isa inni aduu jalatti siif kenne hundumaatti, guutummaa umurii kee isa gatii hin qabne keessatti haadha manaa tee ishii jaallattuu wajjin gammadi;+ sababiin isaas, kun jireenya kee keessatti carraa* kee ti, hojii cimaa aduu jalatti itti dhamaateefis badhaasa kee ti.+ 10 Awwaala* isa itti deemtu keessa hojiin, karoorri, beekumsis taʼe ogummaan waan hin jirreef,+ wanta gochuu dandeessu kam iyyuu humna kee guutuudhaan raawwadhu.
11 Ani wanta kan biraas aduu jalatti nan arge; warri saffisan yeroo hundumaa dorgommii irratti hin moʼan, jajjaboonni yeroo hundumaa waraana irratti hin moʼan,+ ogeeyyiin yeroo hundumaa nyaata hin argatan, gamnoonni yeroo hundumaa qabeenya hin argatan,+ warri beekumsa qabanis yeroo hundumaa milkaaʼina hin argatan;+ sababiin isaas, yeroo fi wanti hin eegamne* hunduma isaanii irra ni gaʼa. 12 Namni guyyaa ofii hin beeku.+ Akkuma qurxummiin saaphana hamaadhaan, simbirroonis kiyyoodhaan qabamu, ilmaan namootaas yeroo rakkinaa* akkuma tasaa isaan irra gaʼuun ni qabamu.
13 Kana malees ani aduu jalatti ogummaa ilaalchisee kana nan hubadhe, innis na dinqisiise: 14 Magaalaa xinnoon dhiirota muraasa qabdu tokko jirti turte; mootii jabaan tokkos dhufee itti marsee naannoo ishiitti dallaa guddaa ijaare. 15 Namni hiyyeessi ogeessa taʼe tokko ishii keessa jira ture; innis ogummaa isaatiin magaalattii ni oolche. Taʼus namni hiyyeessa sana yaadate tokko illee hin turre.+ 16 Anis, ‘Jabina irra ogummaa wayya,+ taʼus ogummaan hiyyeessa sanaa ni tuffatame, namni dubbii isaa dhaggeeffates hin jiru’+ jedheen yaade.
17 Iyya nama gowwoota gidduutti bulchuu dhaggeeffachuu mannaa dubbii tasgabbaaʼaa nama ogeessa taʼee dhaggeeffachuu wayya.
18 Ogummaan meeshaawwan waraanaa irra wayya; namni cubbamaan tokko qofti garuu wanta gaarii hedduu balleessuu dandaʼa.+