Saamuʼel Lammaffaa
9 Achiis Daawit, “Namni mana Saaʼol keessaa hafee fi ani Yonaataaniif jedhee jaalala amanamaa itti argisiisuu dandaʼu jiraa laata?” jedhe.+ 2 Yeroo kanatti namichi tajaajilaa mana Saaʼol taʼee fi Ziibaa+ jedhamu tokko jira ture. Kanaafuu, isaan gara Daawititti isa waaman; mootichis, “Ati Ziibaa dhaa?” jedhee isa gaafate. Innis, “Eeyyee, ani tajaajilaa kee Ziibaa dha” jedhee isaaf deebise. 3 Mootichis itti fufee, “Namni mana Saaʼol keessaa hafee fi ani jaalala Waaqayyoo isa amanamaa itti argisiisuu dandaʼu jiraa?” jedhee isa gaafate. Ziibaanis, “Amma iyyuu ilmi Yonaataan tokko jira; inni miilli isaa lamaan naafa dha”+ jedhee mootichaaf deebise. 4 Mootichis, “Eessa jira?” jedhee isa gaafate. Ziibaanis, “Mana Maakiir+ ilma Amiʼel isa Loo Debaaritti argamu keessa jira” jedhee mootichaaf deebise.
5 Daawit Mootichis yeruma sana nama ergee mana Maakiir ilma Amiʼel isa Loo Debaaritti argamu keessaa isa fichisiise. 6 Mefibosheet ilmi Yonaataan ilmi Saaʼol yommuu gara Daawititti seenu, yeruma sana adda isaatiin lafatti gombifamee sagade. Achiis Daawit, “Mefibosheet!” jedhee isa waame; innis, “Oo, gooftaa koo” jedhee isaaf deebise. 7 Yeroo kanatti Daawit, “Hin sodaatin; ani abbaa kee Yonaataaniif jedhee jaalala amanamaa sitti nan argisiisa;+ lafa akaakayyuu kee Saaʼol hundumaa siifan deebisa; atis yeroo hundumaa maaddii koo irraa ni nyaatta”*+ isaan jedhe.
8 Yeroo kanatti Mefibosheet sagadee, “Ana nama akka saree duʼee+ taʼeef xiyyeeffannaa* kan kennitu, ani tajaajilaan kee maali dha?” jedhe. 9 Yeroo kanatti mootichi Ziibaa tajaajilaa Saaʼolitti ergee isa waamsisee akkana isaan jedhe: “Wanta kan Saaʼol taʼee fi wanta kan maatii isaa taʼe hundumaa ilma ilma gooftaa keetiitiif kenneera.+ 10 Ati, ilmaan kee fi tajaajiltoonni kee laficha isaaf ni qottu; oomisha isaas walitti ni qabdu; kunis namoota maatii ilma ilma gooftaa keetii taʼan hundumaatiif nyaata ni taʼa. Mefibosheet ilmi ilma gooftaa keetii garuu yeroo hundumaa maaddii koo irraa ni nyaata.”+
Ziibaan ilmaan 15 fi tajaajiltoota 20 qaba ture.+ 11 Ziibaanis mootichaan, “Tajaajilaan kee wanta gooftaan koo mootichi tajaajilaan isaa akka godhu ajaje hundumaa ni raawwata” jedhe. Kanaafuu, Mefibosheet akkuma ilmaan mootichaa keessaa isa tokkootti maaddii Daawit* irraa ni nyaata ture. 12 Mefibosheet mucaa xinnaa Miikaa+ jedhamu tokko qaba ture; warri mana Ziibaa keessa jiraatan hundis tajaajiltoota Mefibosheet ni taʼan. 13 Mefibosheet yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa waan nyaatuuf,+ Yerusaalem keessa jiraata ture; inni miilli isaa lamaan naafa ture.+