Warra Efesooniif
3 Kanaan kan kaʼes ani Phaawulos, inni isin warra saboota kaan keessaa dhuftaniif jedhee Kiristoos Yesuusiif hidhamee jiru,+ 2 gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan isiniif jecha itti gaafatamummaadhaan natti kennamuu isaa+ dhuguma dhageessaniittu, 3 akkuman kanaan dura gabaabaatti isiniif barreesse, iccitii qulqulluun mulʼataan natti beeksifameera. 4 Kanaafuu, yommuu kana dubbistan iccitii qulqulluu+ Kiristoos ilaalchisee beekumsa ani qabu hubachuu dandeessu. 5 Iccitiin kun akka amma karaa hafuuraa ergamoota qulqulluu fi raajotatti mulʼate, ilmaan namootaa warra dhaloota darban keessa turanitti hin mulʼanne;+ 6 kunis, namoonni saboota kaan keessaa dhufan Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan karaa misiraachichaa, isaa wajjin akka dhaalanii fi miseensa qaama tokkoo+ akka taʼan, akkasumas nuu wajjin waadaa Waaqayyo gale irratti akka hirmaatan kan ibsu dha. 7 Anis, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa hojii humna isaa tola anaaf kennamee wajjin haala wal simuun iccitii qulqulluu kanaaf tajaajilaa taʼeera.+
8 Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan ana isa qulqulloota hunda irraa gad taʼeef+ kennameera;+ kunis kan taʼe, misiraachoo waaʼee eebba Kiristoos isa hangana hin jedhamne sanaa saboota kaaniif akkan labsuufi; 9 akkasumas Waaqayyo inni waan hundumaa uume iccitii qulqulluu+ baroota darban hundatti dhoksee ture kana akkamitti akka hojii irra oolchu namoota hunda akkan hubachiisuufi. 10 Kunis kan taʼe, ogummaan Waaqayyoo inni bifawwan adda addaa hedduu qabu, amma mootummootaa fi abbootii taayitaa iddoowwan samii keessa jiranitti karaa gumichaa+ ifa akka taʼuufi.+ 11 Kun, Kiristoos Yesuus Gooftaa keenya ilaalchisee kaayyoo bara baraa inni qabuu wajjin kan wal simu dha;+ 12 nutis amantii isa irratti qabnuun bilisummaadhaan dubbachuu fi gufuu tokko malee Waaqayyotti dhihaachuu dandeenya.+ 13 Kanaafuu, kun isiniif ulfina waan taʼeef, rakkina sababii keessaniif na irra gaʼeen akka abdii hin kutanne isinan kadhadha.+
14 Kanaan kan kaʼes, ani Abbaadhaaf nan jilbeenfadha; 15 maatiin samii keessa jiruu fi lafa irra jiru hundi maqaa isaa isa irraa argate. 16 Inni keessa namummaa keessaniin+ jaboo akka taataniif ulfina isaa isa guddaadhaan, karaa hafuura isaa humna akka isiniif kennu, 17 akkasumas Kiristoos karaa amantii keessanii jaalalaan garaa keessan keessa akka jiraatu nan kadhadha.+ Hidda kan gad fageeffattanii+ fi buʼuura sana irra kan dhaabamtan taʼaa;+ 18 kunis balʼinni isaa, dheerinni isaa, ol fageenyi isaa fi gad fageenyi isaa hammam akka taʼe qulqulloota hundumaa wajjin guutummaatti hubachuu akka dandeessaniif, 19 akkasumas jaalala Kiristoos+ isa beekumsa irra baayʼee caalu akka beektaniifi; kunis wanta gaarii Waaqayyo kennu hundumaan akka guutamtan godha.
20 Isa humna isaa isa nu keessatti hojjetuu+ wajjin haala wal simuun, wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu hundumaa irra hedduu caalchisee gochuu dandaʼu+ sanaaf, 21 karaa gumichaa fi karaa Kiristoos Yesuus dhaloota hundumaa biratti baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.