BOQONNAA 5
“Waaqayyoof Akka Bulchaa Keenyaatti Ajajamuu Qabna”
Ergamoonni Kiristiyaanota dhugaa hundaaf fakkeenya taʼaniiru
Hojii Ergamootaa 5:12–6:7rratti kan hundaaʼe
1-3. (a) Ergamoonni Saanhediriin duratti kan dhiheeffaman maaliifi? Kana ilaalchiseehoo gaaffii akkamiitu kaʼa? (b) Tarkaanfiin ergamoonni fudhatan xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi?
ABBOOTIIN murtii Saanhediriin aariidhaan gubachaa jiru! Ergamoonni Yesuus dhaddacha mana murtii olaanaa kana dura dhaabbatanii qoratamaa jiru. Maaliif? Yooseef Qayyaafaa inni luba olaanaa fi pireezidaantii Saanhediriin taʼe aarii guddaadhaan, “Maqaa kanaan akka hin barsiisne cimsinee isin ajajnee turre” isaaniin jedhe. Pireezidaantiin baayʼee aare kun maqaa Yesuus waamuullee hin barbaanne. Haa taʼu malee, Qayyaafaan itti fufuudhaan, “Yerusaalemiin barumsa keessaniin guuttaniittu; dhiiga namicha kanaas nu irratti fiduuf kutattaniittu” isaaniin jedhe. (HoE. 5:28) Ergaansaa ifadha: ‘Lallabuu dhiisaa kanaa achi ni adabamtu’ isaaniin jechaa ture!
2 Maarree Ergamoonni deebii akkamii kennan? Akka lallaban kan isaan ajaje Yesuus isa aangoon Waaqayyo biraa isaaf kennamedha. (Mat. 28:18-20) Haa taʼu malee, Ergamoonni sodaa namaatiin moʼamanii ni callisuu laata? Moo ija jabinaan lallabuu isaanii itti fufu? Karaa biraatiin, Waaqayyoof moo namaaf ajajamu laata? Pheexiros ergamaan shakkii tokko malee ergamoota hundumaa bakka buʼee ifatti dubbate.
3 Nutis Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, deebiin ergamoonni doorsisa Saanhediriinitti isaanirra gaʼeef kennan xiyyeeffannaa keenya kan harkisudha. Hojiin lallabaa nuunis ni ilaallata. Hojii Waaqayyo nuuf kenne kana yommuu raawwannutti nurras mormiin gaʼuu dandaʼa. (Mat. 10:22) Mormitoonni hojii keenya daangessuu ykn dhorkuuf yaaluu dandaʼu. Yeroo kanatti maal goona? Tarkaanfii ergamoonni yeroo Saanhediriin duratti dhihaatan fudhatanii fi wantoota achitti akka dhihaatan isaan taasisan qoruudhaan faayidaa argachuu dandeenya.a
“Maleekaan Yihowaa . . . Balbaloota Mana Hidhaa Bane” (Hojii Ergamootaa 5:12-21a)
4, 5. Qayyaafaa fi Saduuqonni ‘hinaaffaadhaan kan guutaman’ maaliifi?
4 Pheexirosii fi Yohaannis yeroo jalqabaatiif akka hin lallabne yommuu dhorkamanitti, “Waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu” jedhanii akka turan yaadadhu. (HoE. 4:20) Saanhediriin duratti erga dhihaatanii boodas, ergamoota kaanii wajjin taʼuudhaan mana qulqullummaa keessatti lallabuu isaanii itti fufanii turan. Ergamoonni kun warra dhukkubsatan fayyisuu fi jinniiwwan baasuu dabalatee dinqiiwwan gurguddaa raawwataniiru. Wantoota kana hunda gochaa kan turan, ‘daandii Solomoon isa baaxii qabu,’ isa kallattii baha mana qulqullummaatti argamuu fi Yihudoonni hedduun itti walitti qabaman jalatti ture. Namoonni gaaddidduun Pheexiros yoo isaanirra buʼullee ni fayyu turan! Namoonni karaa qaamaa fayyan hedduunsaanii affeerraa karaa hafuuraa akka fayyaniif isaaniif dhihaates fudhataniiru. Kanaan kan kaʼes, “dhiironnii fi dubartoonni Gooftaatti amanan hedduun isaanitti dabalamuu isaanii itti fufan.”—HoE. 5:12-15.
5 Qayyaafaanii fi Saduuqonni warri miseensota garee amantiisaa taʼan “hinaaffaadhaan guutamanii” ergamoota mana hidhaatti galchan. (HoE. 5:17, 18) Saduuqonni baayʼee kan aaran maaliifi? Ergamoonni, Yesuus akka duʼaa kaafame barsiisaa turan; Saduuqonni immoo duʼaa kaʼuutti hin amanan. Ergamoonni, namni tokko fayyuu kan dandaʼu yoo Yesuusitti amane qofa akka taʼe barsiisu; Saduuqonni garuu namoonni Yesuusiin akka Geggeessaa isaaniitti yoo fudhatan mootummaan Roomaa nu adaba jedhanii sodaatu. (Yoh. 11:48) Kanaaf Saduuqonni, ergamoonni akka callisan gochuuf kutachuun isaanii nama hin dinqisiisu!
6. Ariʼatama yeroo harʼaatti tajaajiltoota Yihowaarra gaʼaa jiru adda durummaadhaan kan kakaasu eenyudha? Kunoo nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?
6 Yeroo harʼaattis, adda durummaadhaan tajaajiltoota Yihowaa irratti ariʼatamni akka gaʼu kan kakaasan namoota amantii mormitoota taʼanidha. Namoonni akkasii hojii lallabaa keenya dhaabsisuuf abbootii taayitaa fi miidiyaatti fayyadamu. Maarree kun nu ajaaʼibsiisuu qabaa? Matumaa. Ergaan keenya amantii sobaa saaxila. Namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaa Kitaaba Qulqulluu fudhachuudhaan amantii fi gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabnerraa bilisa baʼu. (Yoh. 8:32) Maarree ergaan keenya yeroo baayʼee geggeessitoonni amantii hinaaffaadhaan kakaʼanii akka nu jibban gochuunsaa nama dinqisiisaa?
7, 8. Ajajni maleekaan sun ergamootaaf kenne dhiibbaa akkamii isaanirratti godhee taʼuu dandaʼa? Nutoo gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?
7 Ergamoonni mana hidhaa keessa taaʼanii murtoo isaanirratti dabarfamu yommuu eeggachaa turanitti, ‘Diinonni keenya nu ajjeesuu laata?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. (Mat. 24:9) Haa taʼu malee, halkanuma sana wanta hin eegamne tokkotu raawwatame! “Maleekaan Yihowaa . . . balbaloota mana hidhaa bane.”b (HoE. 5:19) Achiis maleekaan sun, “Mana qulqullummaa keessa dhaabbadhaatii ergaa waaʼee jireenya kanaa ibsu namootatti himuu keessan itti fufaa” jechuudhaan qajeelfama ifaa isaaniif kenne. (HoE. 5:20) Ajajni kun, ergamoonni wanta sirrii raawwachaa akka turan akka isaaniif mirkaneesse beekamaadha. Akkasumas, wanti maleekaan sun isaanitti dubbate wanti akkamiiyyuu yoo isaan mudate jabaatanii akka dhaabbatan isaan gargaaree taʼuu qaba. Ergamoonni amantii fi ija jabina guddaadhaan, “ganama barii mana qulqullummaa keessa seenanii barsiisuu jalqaban.”—HoE. 5:21.
8 Tokkoon tokkoon keenya haalli akkasii yoo nu mudate, ‘Amantii fi ija jabina lallabuu koo itti fufuuf na dandeessisu qabaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. “Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa . . . baʼuu” isa hojii baayʼee barbaachisaa taʼerratti yeroo hirmaannutti maleekonni akka nu gargaaranii fi qajeelfama akka nuuf kennan beekuun keenya baayʼee nu jabeessa.—HoE. 28:23; Mul. 14:6, 7.
“Nuti Namootaaf Ajajamuu Irra Waaqayyoof Akka Bulchaa Keenyaatti Ajajamuu Qabna” (Hojii Ergamootaa 5:21b-33)
9-11. Ergamoonni akka hin lallabneef Saanhediriinitti ajajni kan isaaniif kenname taʼus deebii akkamii kennan? Kunoo Kiristiyaanota dhugaadhaaf fakkeenya akkamii taʼa?
9 Qayyaafaa fi abbootiin murtii Saanhediriin kaan ergamoota adabuuf qophaaʼaniiru. Wanta mana hidhaatti uumame waan hin beekneef hidhamtoota sana akka fidaniif eegdota ergan. Eegdonni sun, balballi mana hidhaa qollofamee, ‘eegdonnis balbala dura dhaabbatanii argan.’ Taʼus, ergamoonni mana hidhaa keessa akka hin jirre yommuu baran hammam dinqisiifamanii akka turan tilmaamuu dandeessa. (HoE. 5:23) Utuma baayʼee hin turin dura buʼaan eegdota mana qulqullummaa sun, ergamoonni mana qulqullummaatti deebiʼanii hojiima mana hidhaa isaan galchisiise hojjechaa akka turan, jechuunis waaʼee Yesuus Kiristoos dhugaa baʼaa akka jiran hubate! Dura buʼaan eegdota mana qulqullummaa fi eegdonni isa faana jiran hidhamtoota sana qabanii gara Saanhediriinitti fiduudhaaf hatattamaan gara mana qulqullummaa dhaqan.
10 Akkuma boqonnaa kana gara jalqabaarratti ilaalle geggeessitoonni amantii aariidhaan finiinan ergamoonni lallabuu isaanii dhaabuu akka qaban isaanitti himanii turan. Maarree ergamoonni maal godhan? Pheexiros ergamoota kaan bakka buʼee ija jabinaan, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna” jedhe. (HoE. 5:29) Karaa kanaan ergamoonni Kiristiyaanota dhugaa hundaaf fakkeenya taʼaniiru. Bulchitoonni ilmaan namootaa aangoo isaaniitti fayyadamanii wanta Waaqayyo nu dhorke akka raawwannu, wanta inni nurraa barbaadummoo akka hin raawwanne yommuu nu dhorkanitti isaaniif hin ajajamnu. Kanaaf bara keenyattis, ‘abbootiin taayitaa iddoo ol aanaa qaban’ hojii misiraachoo lallabuu Waaqayyo nuuf kenne kana yoo nu dhorkanis lallabuu keenya hin dhiisnu. (Rom. 13:1) Kanaa mannaa, mala adda addaatti fayyadamnee waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuu keenya itti fufna.
11 Deebiin ergamoonni ija jabinaan kennan, abbootii murtii durumaanuu aaranii jiran caalaatti aarsuunsaa nama hin dinqisiisu. Kanaaf “isaan ajjeesuuf” kutatanii turan. (HoE. 5:33) Dhugaa Baatonni ija jabeeyyii fi hinaaffa qaban kun ajjeefamuun isaanii waan hin oolle fakkaata. Taʼus, karaa matumaa hin eegamne tokkoon gargaarsa argachuuf jedhu!
“Isaan Balleessuu hin Dandeessan” (Hojii Ergamootaa 5:34-42)
12, 13. (a) Gamaaliʼel namoota isaa wajjin jiraniif gorsa akkamii kenne? Isaanoo maal godhan? (b) Yeroo harʼaatti Yihowaan sabasaa kan gargaaru akkamitti? ‘Qajeelummaadhaaf jennee akka rakkannu’ yoo heyyame waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
12 Gamaaliʼel inni ‘barsiisaa Seeraa taʼee fi namoota hundumaa biratti kabajamaa taʼe’ dubbachuu jalqabe.c Namichi kun ergamoota ‘yeroo xinnoodhaaf akka gadi baasan ajajuunsaa’ namoonni isaa wajjin jiran baayʼee akka isa kabajan kan argisiisu taʼuu hin oolu. (HoE. 5:34) Gamaaliʼel garee mormitootaa kanaan dura kaʼanii fi yommuu geggeessitoonni isaanii duʼanitti yeruma sana badan akka fakkeenyaatti caqase. Achiis, manni murtichaa ergamoota, Yesuus isa geggeessaa isaanii taʼe dhiheenyatti duʼaan dhabaniif akka obsuu fi yeroo akka isaaniif kennu yaada dhiheesse. Akkana jedhe: “Namoota kana gadhiisaa malee homaa hin godhinaa. Sababiin isaas, yaadni kun yookiin hojiin kun namoota biraa yoo taʼe ni bada; Waaqayyo biraa yoo taʼe garuu isaan balleessuu hin dandeessan. Taʼuu baannaan, Waaqayyoo wajjin wal loluu dandeessu.” (HoE. 5:38, 39) Abbootiin murtiis gorsasaa ni dhagaʼan. Taʼus, erga isaan garafanii booda “maqaa Yesuusiin dubbachuu isaanii akka dhaaban ajajanii isaan gadhiisan.”—HoE. 5:40.
13 Yeroo harʼaattis Yihowaan, namoota akka Gamaaliʼel taʼanii fi sabasaatiif dubbatan kaasuu dandaʼa. (Fak. 21:1) Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee bulchitoonni aangoo guddaa qaban, abbootiin murtii ykn namoonni seera baasan tarkaanfii fedhasaa wajjin wal simu akka fudhatan kakaasuu dandaʼa. (Nah. 2:4-8) ‘Qajeelummaadhaaf jennee akka rakkannu’ yoo heyyame garuu waaʼee wantoota lamaa mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Phe. 3:14) Tokkoffaa, Waaqayyo jabina jabaannee dhaabbachuuf nu dandeessisu nuuf kenna. (1 Qor. 10:13) Lammaffaa, mormitoonni hojii Waaqayyoo ‘balleessuu hin dandaʼan.’—Isa. 54:17.
14, 15. (a) Ergamoonni yeroo garafamanitti maaltu isaanitti dhagaʼame? Maaliif? (b) Muuxannoo sabni Yihowaa rakkina isaanirra gaʼu gammachuudhaan akka dandamatan argisiisu dubbadhu.
14 Ergamoonni garafamuun isaanii gammachuu isaanii akka dhaban ykn ejjennoo isaanii akka laaffisan godheeraa? Matumaa! Kanaa mannaa, “gammadaa yaaʼii Saanhedriin duraa baʼan.” (HoE. 5:41) Kan ‘gammadan’ maaliifi? Dhukkubbii qaamaa reebamuu isaaniitiin isaanitti dhagaʼameen akka hin taane beekamaadha. Kanaa mannaa, kan isaan gammachiise ariʼatamni kan isaanirra gaʼe Yihowaadhaaf amanamoo waan taʼanii fi fakkeenya Yesuus waan hordofaniif akka taʼe beekuu isaaniiti.—Mat. 5:11, 12.
15 Akkuma obboloota keenya jaarraa jalqabaatti turanii misiraachichaaf jennee rakkinni yommuu nurra gaʼu gammachuudhaan jabaannee dhaabbanna. (1 Phe. 4:12-14) Kana jechuun garuu, miidhaan nurra gaʼuunsaa, ariʼatamuun ykn hidhamuun keenya nu gammachiisa jechuu miti. Kanaa mannaa, amanamoo taʼuu keenyatti baayʼee gammanna. Mee Heenriik Doorniik, isa waggoota heduudhaaf mootummoota gara jabeeyyii taʼanirraa rakkinni isarra gaʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Obboleessi kun Hagayya 1944tti abbootiin taayitaa, isaa fi obboleessa isaa mana hidhaa hojiin humnaa itti hojjetamutti erguuf murteessanii akka turan yaadata. Mormitoonni sun, “Wanta tokko akka raawwatan isaan amansiisuun matumaa hin dandaʼamu. Wareegamuunillee gammachuu isaaniif argamsiisa” jedhanii turan. Obboleessi Doorniik akkas jedheera: “Wareegamuun kan na hin gammachiisne taʼus, Yihowaadhaaf amanamaa taʼuudhaan rakkina narra gaʼu ija jabinaa fi ulfinaan dandaʼuun koo na gammachiisa.”—Yaq. 1:2-4.
16. Ergamoonni guutummaatti dhugaa baʼuuf kutatanii akka turan kan argisiisan akkamitti? Nutoo mala lallabaa ergamoonni itti fayyadaman kana kan hordofnu akkamitti?
16 Ergamoonni utuu yeroo hin gubin gara hojii lallabaa isaaniitti deebiʼan. Sodaa tokko malee, “Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessattii fi manaa gara manaatti, misiraachoo waaʼee Kiristoos Yesuus ibsu . . . lallabuu isaanii itti fufan.”d (HoE. 5:42) Labsitoonni hinaaffaa qaban kun guutummaatti dhugaa baʼuuf kutatanii turan. Akkuma Yesuus Kiristoos isaan ajaje, ergaa kana namootatti kan himan gara mana isaanii deemuudhaan akka taʼe hubadhu. (Mat. 10:7, 11-14) Yerusaalemiin barumsa isaaniitiin kan guutan haala kanaan akka taʼe hin shakkisiisu. Yeroo harʼaattis Dhugaa Baatonni Yihowaa mala lallabaa ergamoonni itti fayyadaman kana hordofuudhaan beekamu. Nutis mana tokkoon tokkoon nama naannoo tajaajilaa keenyatti argamuu dhaqnee lallabuudhaan, namni hundi carraa misiraachicha itti dhagaʼu akka argatuuf guutummaatti dhugaa baʼuuf fedhii akka qabnu argisiisna. Maarree Yihowaan tajaajila manaa gara manaatti raawwannu eebbiseeraa? Eeyyee eebbiseera! Guyyoota dhumaa kanatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ergaa Mootummichaa fudhachaa jiru. Hedduun isaaniimmoo jalqaba misiraachicha kan dhagaʼan Dhugaa Baatonni Yihowaa mana isaanii deemanii yeroo itti himanittidha.
Dhiirota “Dhimma Barbaachisaa Taʼe” Raawwachuuf Gaʼumsa Qaban (Hojii Ergamootaa 6:1-6)
17-19. Dhimma qoqqoodinsi akka uumamu gochuu dandaʼu akkamiitu kaʼe? Ergamoonni dhimma kanaaf furmaata kennuuf qajeelfama akkamii kennan?
17 Rakkinni dhokataa taʼee fi gumii reefuu hundeeffame kana balaadhaaf saaxilu achuma keessatti uumameera. Rakkinichi maal ture? Barattoota cuuphaman keessaa hedduun isaanii namoota Yerusaalemiin daawwachuu dhufanii fi gara manasaaniitti deebiʼuu isaanii dura waan baayʼee barachuu barbaadan turan. Barattoonni Yerusaalem keessa turan nyaataa fi wantoota barbaachisan kaan bituudhaaf fedhiidhaan buusii godhaniiru. (HoE. 2:44-46; 4:34-37) Yeroo kanatti dhimma xiyyeeffannaa barbaadu tokkotu uumame. Dubartoonni abbootiin manaa irraa duʼanii fi Afaan Giriikii dubbatan nyaata ‘guyyaa guyyaadhaan hiramu irratti dagatamanii’ turan. (HoE. 6:1) Dubartoonni abbootiin manaa isaanii irraa duʼanii fi Afaan Ibrootaa dubbatan garuu hin dagatamne. Kanaaf loogiin akka uumame hubachuu dandeenya. Kun rakkina cimaa gumii haaraa hundeeffame keessatti salphaatti wal qoqqoodinsa uumuu dandaʼudha.
18 Ergamoonni gumii babalʼachaa jiru keessatti qaama olaanaa taʼuudhaan tajaajilan, ‘nyaata hiruuf jecha, dubbii Waaqayyoo dhiisuun’ sirrii akka hin taane hubatanii turan. (HoE. 6:2) Kanaaf, rakkina kana furuuf dhiirota “hafuura qulqulluu fi ogummaadhaan guutaman” torbaa fi “dhimma barbaachisaa taʼe” kana irratti muudamuu dandaʼan akka isaaniif barbaadan barattoota ajajan. (HoE. 6:3) Hojichi nyaata hiruu qofa utuu hin taʼin, tarii maallaqa qabuu, miʼa bituu fi wantoota raawwatan of eeggannoodhaan galmeessuu waan dabalatuuf, dhiironni gaʼumsa qaban ni barbaadamu turan. Dhiironni filataman hundi maqaa Giriikii waan qabaniif dubartoota abbootiin manaa isaanii isaan irraa duʼanii fi mufatan kana biratti caalaatti fudhatama qabu. Ergamoonni haala namoota kanaa kadhannaadhaan erga qoranii booda “dhimma barbaachisaa taʼe” kana akka raawwataniif dhiirota torba muudan.e
19 Dhiironni torban muudaman kun itti gaafatamummaa nyaata hiruu qabaachuun isaanii misiraachicha labsuurraa bilisa isaan godhaa? Matumaa! Dhiirota filataman keessaa tokko Isxifaanos isa dhugaa baatuu ija jabeessaa fi nama hinaaffaa qabu taʼuu isaa mirkaneessedha. (HoE. 6:8-10) Filiphoos namoota torban filataman keessaa tokko yommuu taʼu, “lallabaa Wangeelaa” jedhameera. (HoE. 21:8) Dhiironni filataman kun labsitoota Mootummichaa hinaaffaa qaban taʼanii akka itti fufan ifadha.
20. Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaatti argaman mala ergamoonni itti fayyadaman kan hordofan akkamitti?
20 Sabni Yihowaa yeroo harʼaatti argamanis mala ergamoonni itti fayyadamaa turan hordofu. Dhiironni gumii keessatti itti gaafatamummaa akka fudhataniif dhiheeffaman ogummaa Waaqayyoo akka qabanii fi hafuurri qulqulluun isaanirratti hojjechaa akka jiru argisiisuu qabu. Qajeelfama qaama olaanaa jalatti, dhiironni ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu isaanirraa barbaadaman guutan, gumii keessatti jaarsolii ykn tajaajiltoota gumii taʼanii muudamu.f (1 Xim. 3:1-9, 12, 13) Dhiironni ulaagaalee isaanirraa barbaadaman guutan, hafuura qulqulluudhaan muudaman jechuu ni dandeenya. Dhiironni jabaatanii hojjetan kun, dhimmoota barbaachisoo hedduu raawwatu. Fakkeenyaaf, jaarsoliin maanguddoota amanamoo deggersi isaan barbaachisuuf gargaarsi akka godhamuuf haala mijeessuu dandaʼu. (Yaq. 1:27) Jaarsoliin tokko tokko, ijaarsa Galma Walgaʼii irratti, walgaʼiiwwan gurguddaa qindeessuurratti ykn Koree Hospitaalaa Wajjin Wal Qunnamsiisuu fi naannoosaaniitti argamuu wajjin hojjechuurratti gumaacha guddaa godhu. Tajaajiltoonni gumiimmoo, hojii tika gochuu ykn barsiisuu wajjin kallattiidhaan wal hin qabanne hedduu raawwatu. Dhiironni kun hundi, itti gaafatamummaa hedduu gumii fi jaarmiyicha keessatti qaban hojii misiraachoo Mootummichaa labsuu isa Waaqayyo isaaniif kennee wajjin wal faana deemsisuu qabu.—1 Qor. 9:16.
“Dubbiin Waaqayyoo Babalʼachuu Isaa Itti Fufe” (Hojii Ergamootaa 6:7)
21, 22. Wanti Yihowaan gumii Kiristiyaanaa haaraa hundeeffame akka eebbise argisiisu maalidha?
21 Gargaarsa Yihowaatiin gumiin Kiristiyaanaa haaraa hundeeffame ariʼatama alaa isa mudates taʼe rakkina gumichuma keessaa kaʼee fi wal qoqqoodinsa uumuu dandaʼurraa ooleera. Yaada armaan gadiirraa Yihowaan akka isaan eebbise hubachuu dandeenya: “Dubbiin Waaqayyoo babalʼachuu isaa itti fufe, lakkoofsi barattootaa Yerusaalemitti baayʼee dabalaa deeme; luboonni hedduunis amantoota taʼan.” (HoE. 6:7) Guddina kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti gabaafaman hedduu keessaa kun isa tokkodha. (HoE. 9:31; 12:24; 16:5; 19:20; 28:31) Yeroo harʼaattis misiraachicha lallabuu wajjin haala wal qabateen guddina biyya kan biratti argame ilaalchisee gabaasa yeroo dhageenyu hin jajjabaannuu?
22 Geggeessitoonni amantaa Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti turanii fi aariidhaan finiinan sun abdii hin kutanne. Ariʼatamni cimaan kaʼuuf jedha. Boqonnaa ittaanu irratti akkuma ilaallu, utuma baayʼee hin turin Isxifaanosirra ariʼatamni cimaan gaʼeera.
a Saanduqa, “Saanhediriin—Mana Murtii Olaanaa Yihudootaa” jedhu ilaali.
b Iddoowwan gara 20 taʼanii fi maleekonni kallattiidhaan kitaaba Hojii Ergamootaa keessatti itti caqasaman keessaa kun isa jalqabaati. Kana dura, boqonnaa 1:10rratti, maleekonni karaa al kallattii taʼeen, ‘namoota uffata aʼadii uffatan’ jedhamanii ibsamaniiru.
c Saanduqa “Gamaaliʼel—Nama Warra Rabbii Biratti Iddoo Guddaa Qabu” jedhu ilaali.
d Saanduqa “‘Manaa Gara Manaatti’ Lallabuu” jedhu ilaali.
e “Dhimma barbaachisaa taʼe” kana raawwachuun itti gaafatamummaa guddaa waan taʼeef dhiironni kun ulaagaalee jaarsoliirraa barbaadaman kan guutan taʼuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun dhiironni gumii Kiristiyaanaa keessatti ilaaltota olaanaa ykn jaarsolii taʼanii muudamuu kan jalqaban yoom akka taʼe adda baasee hin ibsu.
f Jaarraa jalqabaatti dhiironni gaʼumsa qaban, jaarsolii muuduuf mirga qabu turan. (HoE. 14:23; 1 Xim. 5:22; Tit. 1:5) Yeroo harʼaatti, Qaamni Olaanaan daawwattoota olaanaa aanaa muuda; daawwattoonni olaanaa aanaa immoo, jaarsolii gumii fi tajaajiltoota gumii muuduuf itti gaafatamummaa qabu.