GAAFFII 2
Uumamni Wal Xaxaa Hin Taane Jiraa?
Qaamni kee wantoota wal xaxoo taʼan keessaa tokko yommuu taʼu, seelota xixinnoo tiriiliyoona 100 taʼanirraa ijaarame. Kanneen keessaa seelonni lafee, seelonni dhiigaa fi seelonni sammuu muraasa isaaniiti.7 Qaama kee keessa seelota garaa garaa 200 ol taʼan jiru.8
Bocnii fi hojiin seelota kanaa garaa gara taʼus haala wal xaxaa taʼeen qindoomanii hojjetu. Intarneetiin saffisa guddaa qabuu fi kompiitara miliyoonaan lakkaaʼamu wal qunnamsiisullee seelota kanaa wajjin yommuu wal bira qabamu akka qocaati. Wanti namni hojjete kamiyyuu, wanta seelii wal xaxaa hin taane keessatti haala ajaaʼibsiisaa taʼeen raawwatamuu wajjin dorgomuu hin dandaʼu. Maarree seelonni qaama namaa ijaaran eessaa dhufan?
Saayintistoonni hedduun maal jedhu? Seelonni hundi niwukilasii kan qabanii fi kan hin qabne jedhamanii bakka lamatti qoodamu. Seeliin namaa, kan bineensaa fi biqiltootaa niwukilasii qaba. Kan baakteeriyaa garuu niwukilasii hin qabu. Seeliin niwukilasii qabu yuukaariyootiikii jedhama. Seeliin niwukilasii hin qabnemmoo pirookaariyootiikii jedhama. Seeliin Yuukaariyootiikii pirookaariyootiikii wajjin yommuu wal bira qabamu baayʼee wal xaxaa waan hin taaneef, namoonni hedduun seeliin bineensotaa fi biqiltootaa seelii baakteeriyaarraa jijjiiramee akka dhufe amanu.
Namoonni hedduun, seelonni pirookaariyootiikii wal xaxoo hin taane tokko tokko seelota kaan liqimsanii utuu hin bulleessin waggoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif akka turan barsiisu. Akkasumas uumamni yaaduu hin dandeenye seelonni liqimfaman kun jijjiirama guddaa akka godhan qofa utuu hin taʼin, boodas bakkuma liqimfaman sana akka turan akka isaan gargaare dubbatu.9a
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Kitaabni Qulqulluun jireenya lafarraa hunda kan uume Waaqayyo akka taʼe dubbata. Akkana jedha: “Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha; inni wantoota hundumaa tolche garuu Waaqayyo dha.” (Ibroota 3:4) Caqasni Kitaaba Qulqulluu kan biraanimmoo akkana jedha: “Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite. Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti. . . . Uumamawwan guguddaa fi xixinnaan lakkaaʼamuu hin dandeenyes isa keessa guutaniiru.”—Faarfannaa 104:24, 25.
Ragaan jiru maal argisiisa? Guddinni gama maayikiroo baayooloojiitiin argame, keessa seelota pirookaariyootiikii wal xaxoo hin taanee sirriitti ilaaluuf gargaareera. Saayintistoonni jijjiirama tirannaatti amanan seelonni jalqabaa seelota pirookaariyootiikii wajjin wal fakkatu jedhu.10
Barumsi jijjiirama tirannaa dhugaa utuu taʼee, akkaataa seeliin wal xaxaa hin taane jalqabaa itti argameef ragaa quubsaa dhiheessuu qaba ture. Gama biraatiin, jireenyi uumamaan argame taanaan, uumamni xinnoonillee wiixinee baayʼee dinqisiisaa taʼe qabaachuu qaba. Mee seelii pirookaariyootiikii haa ilaallu. Yommuu waaʼee seelii kanaa ilaaltutti, ‘Seeliin akkanaa akka tasaa argamuu dandaʼaa?’ jedhii of gaafadhu.
DALLAA SEELIIDHAAF EEGUMSA GODHU
Seelii pirookaariyootiikii tokko keessa galtee daawwachuuf qaamni kee tuqaa tokkorra harka dhibba hedduu xiqqaachuu qaba. Dallaan seelichaa inni dadachaʼu garuu akka hin seenne si dhorka. Dallaan kun dallaa xuubii fi simmintoorraa ijaarame wajjin wal fakkaata. Seelonni 10,000 taʼan membireeniin isaanii utuu walirra naqamee hammuma waraqaa furdata. Taʼus, membireeniin seelii dallaa xuubiirraa hojjetame caalaa wal xaxaadha. Akkamitti?
Akkuma dallaa warshaa tokkoo, membireeniin seeliis wantoota seelicha keessatti argaman wantoota miidhaa geessisanirraa eega. Taʼus, membireeniin kun duudaa miti. Kanaa mannaa, molekiyuloonni xixinnoon kanneen akka oksijiinii akka galanii fi akka baʼan gochuudhaan seelichi akka hafuura baafatu godha. Taʼus molekiyuloonni wal xaxoo taʼanii fi miidhaa geessisan heyyama seelichaatiin ala akka hin seenne ittisa. Molekiyuloonni barbaachisoo taʼanimmoo seelicha keessaa akka hin baane eega. Garuu, membireeniin seelii, kana kan raawwatu akkamitti?
Mee ammas waaʼee warshaa tokkoo yaadi. Warshichi waardiyyoota oomisha gara warshichaatti seenus taʼe achii baʼu toʼatan qabaachuu dandaʼa. Membireeniin seeliis molekiyuloota pirootinii addaa akka balbalaa fi waardiyyaatti tajaajilan qaba.
Pirootinoota kana keessaa tokko tokko (1) uraa molekiyuloonni isaaniif heyyamame qofti akka galanii fi akka baʼan godhu qabu. Pirootinoonni kaanimmoo karaa tokkoon banaa (2) karaa kaaniinimmoo cufaadha. Pirootinoonni kun boca wantoota keessa darbuuf dhufan sanaa wajjin wal fakkaatu (3) qabu. Wanti kun karaa tokkoon erga galee booda balballi pirootinii inni gama biraatiin jiru yommuu banamu baʼa (4). Sochiin kun hundi seelota wal xaxoo hin taane jedhaman keessattis ni raawwatama.
KEESSA WARSHICHAA
Amma waardiyyoonni waan sii heyyamaniif seelicha keessa seentee akka jirtutti yaadi. Seeliin pirookaariyootiikii dhangalaʼaa nyaata madaalamaa, ashaboo fi albuudota garaa garaa of keessaa qaba. Seelichi albuudota kanatti fayyadamee wantoota barbaadu oomisha. Taʼus, hojiin kun sirnaan geggeeffama. Akkuma warshaa akka gaariitti hojjetu tokkoo, seelichi wal nyaatinsi keemikaalawaa kumaan lakkaaʼamu duraa duubaan yeroo isaaf ramadameetti akka raawwatamu godha.
Seeliin tokko pirootinoota hojjechuudhaan yeroo dheeraa dabarsa. Kana kan godhu akkamitti? Jalqaba, seelichi aminoo asiidota garaa garaa 20 pirootinii hojjechuuf buʼuura taʼan hojjeta. Wantoonni ijaarsaaf buʼuura taʼan kun gara raayiboozoomotaatti (5) geeffamu; raayiboozoomiin, ‘maashinii atomaatikii aminoo asiidota tartiibaan wal qabsiisuudhaan pirootinii argamsiisuu wajjin wal fakkaata.’ Akkuma hojiin warshaa tokkoo sagantaa kompiitaraatiin geggeeffamu, wantoonni seelota keessatti raawwataman hedduunis “sagantaa kompiitaraa” ykn koodii DNA (6) jedhamuun geggeeffamu. Raayiboozoomiin pirootinoota gosa akkamii ijaaruu akka qabuu fi akkamitti (7) ijaaruu akka qabu DNA irraa qajeelfama fudhata.
Pirootiniin erga ijaaramee booda wanta baayʼee nama dinqisiisutu raawwatama! Tokkoon tokkoon pirootinii erga dadachaʼee booda boca addaa daayimeenshinii sadii qabu (8) uuma. Hojii pirootinii kan murteessu boca kanadha.b Akkaata kutaaleen mootoraa itti wal keessa galfaman mee yaadi. Motarichi sirriitti akka hojjetuuf kutaaleen hundi bakka bakka isaanitti sirriitti galfamuu qabu. Pirootiniin tokkos sirriitti hin ijaaramne ykn boca barbaachisutti hin dadachaane taanaan, hojiisaa raawwachuu hin dandaʼu, seelichis miidhamuu dandaʼa.
Pirootinichi iddoo itti hojjetamee kaʼee bakka barbaachisu kan deemu akkamitti? Pirootiniin seelii keessatti oomishame hundi, teessoo eessa deemuun akka isa barbaachisu ibsu qaba. Daqiiqaa tokko keessatti pirootinoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman oomishamanii bakka barbaachisanitti kan geeffaman yeroo taʼu, hundisaanii bakka itti ramadaman qofa dhaqu.
Wantoota kanaaf xiyyeeffannaa kennuun kan barbaachise maaliifi? Molekiyuloonni wal xaxoon uumamawwan wal xaxoo hin taane keessa jiran kophaasaanii hin baayʼatan. Seelichaa ala jiru taanaan ni diigamu. Seelicha keessattimmoo gargaarsa molekiyuloota wal xaxoo taʼan kaaniitiin baayʼatu. Fakkeenyaaf, molekiyuulii addaa anniisaa kennuu fi adenesiin tiraayifosfeet (ATP) jedhamu oomishuuf inzaayimoonni barbaachisoodha, inzaaymoota ijaaruufimmoo anniisaan ATP barbaachisaadha. Akkasumas, inzaayimoota ijaaruuf DNAn (kutaa 3ffaan waaʼee kanaa ibsa) barbaachisaadha, DNA ijaaruufimmoo inzaayimootatu barbaachisa. Kana malees, pirootinoonni kaan seelii tokko qofaan oomishamuu kan dandaʼan taʼanis, seeliin tokko garuu pirootinoota hedduudhaan oomishama.c
Maayikiroo baayooloojiistii kan taʼan Raaduu Pooppaan seenaa uumamaa Kitaabni Qulqulluun dubbatutti hin amanan. Taʼus, bara 2004tti akkas jedhanii turan: “Iddoo qorannaa toʼannaa cimaan godhamuuf keessatti wanta jireenya qabu uumuu erga dadhabnee jireenyi akkamitti akkasumaan argamuu dandaʼa?”13 “Seeliin tokko hojiisaa itti fufuuf wantoonni barbaachisan wal xaxoo waan taʼaniif, hundisaanii akka tasaa yeroo tokko argaman jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha.”14
Maarree maal sitti fakkaata? Namoonni jijjiirama tirannaa deggeran jireenyi kan argame utuu Uumaan hin jiraatinidha jedhanii namoota amansiisuuf yaalu. Taʼus, saayintistoonni waaʼee uumamaa caalaatti beekaa yommuu deeman, jireenyi akka tasaa akka hin argamne hubachaa dhufaniiru. Saayintistoonni jijjiirama tirannaatti amanan tokko tokko dhugaa jiru amanuu mannaa jijjiiramni tirannaa fi akkaataan jireenyi itti argame wantoota garaa garaa lama akka taʼanitti ilaalu. Taʼus, kun nama amansiisaa?
Barumsi jijjiirama tirannaa, ‘Jireenyi taʼeewwan baroota dheeraadhaaf akka tasaa raawwatamanirraa argame’ jedha. Akkasumas, wantoonni garaa garaa akka tasaa raawwataman uumamawwan jiraatoo garaa garaa wal xaxoo taʼan akka argamsiisan ibsa. Garuu, jijjiiramni tirannaa ragaa hin qabu erga taʼee, yaadawwan barumsa kana buʼureeffatan kaanhoo xumurrisaanii maalidha? Akkuma gamoo dheeraan buʼuura hin qabne tokko jiguun isaa hin oolle, jijjiiramni tirannaa madda jireenyaa ibsuu hin dandeenyes kufuun isaa hin oolu.
Akkaataa seeliin wal xaxaa hin taane tokko itti caaseffamee fi itti hojjetu erga ilaaltee booda jireenyi taʼeewwan akka tasaarraa akka argamemoo qaamni isa tolche akka jiru hubatte? Ammayyuu mirkanaaʼaa miti taanaan, sagantaa akkaataa seelonni itti hojjetan toʼatu gadi fageenyaan akka qortu si affeerra.
a Ragaan qorannaa haalli akkasii uumamuu akka dandaʼu argisiisu hin argamne.
b Wantoota pirootinoonni hojjetan keessaa tokko inzaayimiidha. Inzaayimiin wal nyaatinsa keemikaalawaa saffisaan raawwachuuf haala adda taʼeen dadachaʼa. Inzaayimoonni dhibbaan lakkaaʼaman wal faana taʼuudhaan wantoota seelichi raawwatu toʼatu.