BOQONNAA 35
Araada Qoricha Sammuu Hadoochurraa Bilisa Baʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
QORICHA sammuu hadoochu fudhachuun araada sitti taʼeeraa? Araadni kee kun sammuu kees taʼe qaama kee akka miidhu beekta. Tarii araada kee kana dhiisuuf kan yaalte taʼus sitti deebiʼa taʼa. Taanaan abdii hin kutatin. Namoonni baayʼeen araada kanarraa bilisa baʼuu dandaʼaniiru, atis ni dandeessa. Fakkeenyaaf, namoonni akkaataa guddinaa baayʼee garaagara taʼe qaban sadi araada isaaaniirraa akkamitti akka bilisa baʼan ilaali.
MAQAA Maartaa
AKKAATAA GUDDINAA KOO Haati koo utuu gaaʼela hin dhaabbatin na deesse; kanaafuu, anii fi obboleettiin koo abbaa malee guddanne. Umurii koo waggaa 12 kaasee adaadaa koo ishii shubbisuu jaallattu wajjin gara mana sirbaa deemuun jalqabe. Nama wajjin dafee waanan walii galuuf utuma baayʼee hin turin namoota barsiifata gadhee qabanitti dhihaachuun jalqabe. Waggaa 13 yeroon taʼu qoricha sammuu hadoochu fudhachuun jalqabe. Kookeeyiniis fudhachuu nan jalqabe. Jalqabarratti qoricha sammuu hadoochu fudhachuun na gammachiisa ture. Yeroo muraasa booda garuu of wallaaluu waanan jalqabeef wanti hundi na sodaachise. Erga narraa galee booda of ajjeesuun barbaada. Araada koo dhiisuu nan barbaada, garuu humnan dhabe.
BILISA KANAN BAʼE AKKAMITTI? Waaʼee Waaqayyoo yaaduun jalqabe, yeroo muraasaaf waldaa deemeera. Taʼus caalaattin abdii kutadhe. Waggaa 18 yeroon taʼu jaalallee koo wajjin jiraachuun jalqabe, mucaa dhiiraa tokkos ni godhanne. Mucaa godhachuun koo akkaataa jireenyaa koo jijjiiruuf caalaatti na kakaase. Hiriyaan koo durii tokko ollaa keenyatti galte. Achiis dhuftee na gaafatte. Anis wanta natti dhagaʼamu hundan ishiitti hime. Ishiinis Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taate natti himtee ishii wajjin Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu na affeerte. Anis affeerraa ishii nan fudhadhe.
Akkaataan jireenyaa koo Waaqayyoon akka hin gammachiisnee fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuus taʼe sijaaraa xuuxuu dhiisuu akkan qabun baradhe. Qoricha sammuu hadoochu fudhachuu dhiisuun garuu baayʼee natti ulfaate. Yihowaan barsiifata gadhee kanarraa bilisa baʼuuf akka na gargaaru irra deddeebiʼeen kadhadhe. Isa gammachiisuu barbaadeen ture. (Fakkeenya 27:11) Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi gumiirratti argamuu ergan jalqabee jiʼa jaʼa booda qoricha sammuu hadoochu fudhachuu nan dhiise. Amma jireenya kaayyoo qabun jiraadha. Akka kanaan duraa yeroo hunda hin dhiphadhu. Kiristiyaana gaarii tokko wajjin wal barree gaaʼela dhaabbanne. Mucaa koo qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin guddiseera. Yihowaan kadhannaa koo dhagaʼee waan na gargaareef baayʼeen isa galateeffadha.
MAQAA Maarisiyoo
AKKAATAA GUDDINAA KOO Qarqara magaalaa Saantoo Andiree ishii Saaʼoo Pooloo, Biraaziil keessatti argamtuttin guddadhe. Sijaaraa xuuxuu, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu fi saamicha kanan jalqabe ijoollummaa kootti ture. Hiriyoonni koo hedduun konkolaataa hatuu fi qoricha sammuu hadoochu gurguruurratti hirmaatu. Isaan keessaa inni tokko dargaggoota naannoo keenya jiraniif qoricha sammuu hadoochu tola kenna ture. Isaanis erga araadaan qabamanii booda irraa bituu jalqabu.
Poolisoonni yeroo hunda naannoo keenya nanaannaʼu; anis yeroo garaagaraatti yakka hojjedhee, yeroo tokkommoo qoricha sammuu hadoochu akkan gurguru shakkamee hidhameera. Yeroo baayʼee miʼoota hatamanii fi qawwee mana koo dhokseera.
Namoonni na sodaatu turan. Ijji koo nama sodaachisa ture. Fuulli koo ifee hin beeku. Fuulli koo nama nama ajjeesu fakkaata ture. Bakkan deemu hundatti jeequmsa waanan uumuuf Tufaawuu (obomboleettii jechuudha) jedhanii na waamu turan. Dhugaatii garmaleen dhuga, akkasumas jireenya gadhiisiin jiraadha ture. Hiriyoonni koo hedduun duʼaniiru ykn mana hidhaa jiru. Anis baayʼee dhiphachuu kootiin kan kaʼe wadaroo mukarratti hidhee of hudhuuf yaaleen ture.
BILISA KANAN BAʼE AKKAMITTI? Waaqayyo akka na gargaarun kadhadhe. Yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argeen Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe, namoota ulaagaalee isaatiin jiraachuuf carraaqaniif akka yaaduu fi akka isaan gargaaru nan baradhe. (Faarfannaa 83:18; 1 Pheexiros 5:6, 7) Jijjiirama hedduu gochuun na barbaachiseera. Wantoota baayʼee natti ulfaatan keessaa tokko seequu barachuudha.
Yihowaan akka na gargaaru irra deddeebiʼee kadhadheera, gorsa Kitaaba Qulqulluus hojiirran oolche. Fakkeenyaaf, walitti dhufeenyan hiriyoota koo durii wajjin qabu nan dhaabe, mana dhugaatii deemuus nan dhiise. Akkasumas namoota ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hordofanitti dhihaachuun jalqabe. Waldhaansoo cimaa gochuu kan na gaafate taʼus hatuu fi jeequmsa uumuu dhiiseera. Qoricha sammuu hadoochurraa ergan bilisa baʼee amma waggaa kudhanii ol taʼeera.
MAQAA Kireeg
AKKAATAA GUDDINAA KOO Lafa qonnaa Kibba Awustiraaliyaatti argamu tokko keessattin guddadhe. Abbaan koo dhugduu ture; yeroon waggaa saddeet turetti haadha koo wajjin gargar baʼan. Achiis haati koo nama kan biraatti heerumte; hamma umuriin koo waggaa 17 taʼutti ishii wajjinan jiraadhe. Yeroo sanatti rifeensa hoolotaa muruu baradheen ture; kanaafuu, garee namoota hojii akkasii hojjetan wajjin jiraachuun jalqabe; isaan hojiidhaaf bakka garaagaraa deemu turan. Qoricha sammuu hadoochu garaagaraa fudhachuu fi dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun jalqabe. Rifeensa koo nan dheeresse. Achiis callee keessa makeen dhaʼadha ture. Namatti nan hinaafa, namoota nan arrabsa, akkasumas nan dheekkaman ture. Yeroo tokkoo ol hidhameera.
Magaalaa xinnoo Lixa Awustiraaliyaatti argamtu deemeen jaalallee koo hoteela keessa hojjettu wajjin jiraachuu jalqabe. Lamaan keenyayyuu sijaaraa xuuxna, akkasumas dhugaatii alkoolii ni dhugna turre; bakka itti maariwaanaa oomishnus qabna turre.
BILISA KANAN BAʼE AKKAMITTI? Dhugaa Baatonni Yihowaa mana keenya isa dulloomaa kan dhufan maariwaanaa keenya akkuma walitti qabnee xumurreen ture. Wanta isaan jedhan calluma jedhee hin fudhanne. Kanaa mannaa, wanti Kitaabni Qulqulluun jedhu dhugaa taʼuu isaa ofuma kootiin qoreen mirkaneeffadhe. Achiis suutuma suuta rakkoowwan koo hunda nan injifadhe.
Maariwaanaa dhiisuu akkan qabu yeruma sanan beeke. Kunimmoo wanta kan biraa gochuus na gaafata. Maariwaanaa oomishuuf carraaqqii guddaa godhee waanan tureef jalqabarratti namaaf kennuu yaadeen ture. Haa taʼu malee, kana gochuun furmaata gaarii waan hin taaneef barbadeessuufan murteesse. Qoricha sammuu hadoochuu fi dhugaatii alkoolii dhiisuuf kadhannaan baayʼee na gargaareera. Waaqayyo waldhaansoo kanarratti akkan injifadhuuf hafuura isaa akka naaf kennun kadhadhe. Walitti dhufeenyan namoota barsiifata gadhee akkan qabaadhu na jajjabeessan wajjin qabus addaanan kute. Barumsa Kitaaba Qulqulluu barachaa fi hojiirra oolchaa yeroon deemu miira tasgabbii dadhabina koo tokko tokko sirreessuuf na dandeessisun argadhe. Jaalalleen koos Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan barsiifataa fi akkaataa jireenyaa ishii jijjiirte. Achiis gaaʼela dhaabbanne. Fayya buleeyyii taanee jiraachuu erga jalqabnee waggaa 21 taʼeera; gammachuudhaan ijoollee lama guddisaa jirra. Akkaataa jireenyaa koo jijjiiruuf Yihowaan utuu na gargaaruu baatee jireenyi koo maal akka fakkaatu yeroon yaadu nan rifadha.
CAQASA IJOO
“Yihowaan cimina koo fi jabina koo ti.”—Isaayyaas 12:2.
GORSA GAARII
Hamma siif dandaʼametti namoota, iddoowwanii fi wantoota araada kee si yaadachiisanirraa fagaadhu. Qorannoon akka argisiisutti wantoota akkasii ilaaluun kee qofti araada kee sitti kakaasuu dandaʼa.
KANA BEEKTAA?
Qoricha sammuu hadoochu fudhachuun akkaataa sammuun kee itti hojjetu jijjiiruu dandaʼa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Araadni koo yoo natti deebiʼe akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Namni tokko araada qoricha sammuu hadoochurraa bilisa baʼuu yoo barbaade akkaataa jireenyaa isaarratti jijjiirama guddaa gochuu kan qabu maaliifi?
● Waaʼee Waaqayyoo barachuun kan isa gargaaru akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 253rra jiru]
“Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu warra olaanoo taʼan hordofuudhaan jireenya gammachiisaa fi kaayyoo qabu jiraachaan jira.”—Maartaa
[Fakkii fuula 256rra jiru]
Araada injifachuun akkuma mana gubachaa jiru keessaa baqachuuti; wanti dhiistu jira, garuu lubbuu kee oolfatta