BOQONNAA SADII
‘Warra Amanan Hundaaf Abbaa Taʼeera’
1, 2. Bara Nohii kaasee biyyi lafaa kan jijjiirame akkamitti? Kunoo Abraamirratti dhiibbaa akkamii geessise?
ABRAAM akka tasaa ol jedhee yommuu ilaalu, ijisaa gamoo mana sagadaa bifa piraamidiitiin hojjetameefi magaalaa Ur keessa jirurra buʼe.a Baaxii gamoo kanarraa wacni namoota hedduu kan dhagaʼamu siʼa taʼu, aarri yommuu ol baʼus ni argama. Luboonni waaqa addeessaa aarsaa dhiheessaa jiru. Abraam mataasaa raasee, nyaara guuruudhaan yommuu achi irraa garagalu sitti haa mulʼatu. Karaa namoonni itti baayʼatanirra gara manasaatti yommuu adeemu, Ur waaqayyolii tolfamoodhaan guutamuushee yaadee taʼuu hin oolu. Bara Nohii kaasee biyya lafaa yeroo sana ture keessatti waaqeffannaan sobaa garmalee babalʼatee ture.
2 Nohi kan duʼe Abraam dhalachuusaa waggaa lama dura ture. Nohiifi maatiinsaa Bishaan Badiisaa guddaa sana booda yommuu markaba keessaa baʼan, abbaan amantii kun Waaqayyoof aarsaa kan dhiheesse siʼa taʼu, Yihowaanis sabbata waaqaa isatti mulʼiseera. (Uma. 8:20; 9:12-14) Yeroo sanatti biyya lafaarra kan jiru amantii dhugaa tokko qofa ture. Amma waggoonni hedduun erga darbanii booda namoonni kan baayʼatan taʼus, namoonni Yihowaa waaqeffatan garuu muraasadha. Namoonni bakka hundaa jiran waaqayyolii sobaa waaqeffatu. Abbaa Abraam kan taʼe Taaraanillee tarii waaqayyolii tolfamoo hojjechuudhaan waaqeffannaa akkasiirratti hirmaateera.—Iya. 24:2.
Abraam amantii qabaachuurratti fakkeenya guddaa kan taʼe akkamitti?
3. Abraam umriinsaa dabalaa yommuu adeemuu, nama akkamii taʼuusaatu mulʼachaa deeme? Nuhoo kanarraa maal baranna?
3 Abraam sababii amantiisaatiin namoota naannoosaa jiran hedduurraa adda ture. Kanaaf, Phaawulos yeroo booda hafuuraan geggeeffamee, Abrahaam ‘warra amanan hundaaf abbaa taʼeera’ jechuunsaa sirrii ture. (Roomaa 4:11 dubbisi.) Mee Abraam amantii akkasii qabaachuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Akkas gochuun keenya barumsa amantii keenya guddifachuuf nu gargaaru hedduu nuu argamsiisa.
Bishaan Badiisaa Booda Yihowaa Tajaajiluu
4, 5. Abraam waaʼee Yihowaa eenyurraa baratee taʼuu dandaʼa? Akkas jechuu kan dandeenyu maaliifi?
4 Abraam waaʼee Yihowaa barachuu kan dandaʼe akkamitti? Bara sanatti tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan lafarra akka turan beekna. Seem namoota akkasii keessaa tokkodha. Seem ilmaan Nohi sadan keessaa angafa taʼuu baatus siʼa baayʼee jalqabarratti caqasama. Kun kan taʼe amantii cimaa waan qabuuf akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama.b Bishaan badiisaa gaʼee yeroo muraasa booda, Nohi Yihowaan ‘Waaqa Seem’ akka taʼe dubbateera. (Uma. 9:26) Seem Yihowaadhaafis waaqeffannaa dhugaatiif kabaja akka qabu argisiiseera.
5 Abraam Seemiin beeka turee? Eeyyee beeka jechuun ni dandaʼama. Mee Abraam yommuu mucaa xinnoo ture yaadi. Abraam akaakayyuu umrii dheeraa qabuufi waggaa dhibba afuriif seenaa ilmaan namootaa hubannaadhaan ilaale qabaachuusaatti baayʼee gammadee taʼuu qaba. Seem hammeenya Bishaan Badiisaa dura ture, Bishaan Badiisaa isa lafa qulqulleesse, yommuu namoonni lafarratti baayʼachaa deeman mootummaa jalqaba hundeeffame, akkasumas haala rakkisaa yeroo Naamrud bakka Gamoo Baabelitti fincila kaase argeera. Seem inni nama amanamaa taʼe fincila kana keessatti waan hin hirmaanneef, yommuu Yihowaan qooqa namoota gamoo sana ijaaranii waliin make, inniifi maatiinsaa afaan ilmaan namootaa isa jalqabaa Nohi dubbachaa ture dubbachuusaanii itti fufaniiru. Maatiin kun Abraamiinis kan dabalatudha. Kanaaf Abraam ijoollummaadhaa kaasee Seemiif kabaja guddaa qaba ture. Kana malees, Abraam waggoota hedduudhaaf bara Seem jiraatetti jiraateera. Kanaaf Abraam waaʼee Yihowaa Seemirraa baratee taʼuu dandaʼa.
6. (a) Abraam Bishaan Badiisaarraa barumsa guddaa argachuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Abraamiifi Saaraayi jireenya akkamii jiraatu turan?
6 Kanas taʼe sana Abraam seenaa waaʼee Bishaan Badiisaa dubbaturraa barumsa guddaa argateera. Akkuma Nohi Waaqayyoo wajjin deddeebiʼuuf yaalii godheera. Abraam waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuurraa kan fagaate, tariimmoo miseensota maatiisaa Ur keessa jiraatanirraallee adda kan taʼe kanaafidha. Haataʼu malee, haadha manaa gaarii argatee ture. Saaraayi ishee bareedinaan qofa utuu hin taʼin, amantii Yihowaarratti qabduunis adda taate fuudheera.c Hiriyoonni gaaʼelaa kun ijoollee qabaachuu baatanillee, waliin Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa akka isaaniif argamsiise beekamaadha. Mucaa obboleessasaa Looxiin isa abbaafi haadha hin qabnes guddisaniiru.
7. Duuka buutonni Yesus fakkeenya Abraam hordofuun kan isaan barbaachisu maaliifi?
7 Abraam waaqayyolii tolfamoo Ur waaqeffachuuf jecha matumaa Yihowaa hin dhiisne. Inniifi Saaraayi namoota naannoosaanii waaqayyolii tolfamoo waaqeffatanirraa adda taʼanii jiraachuuf fedhii qabu turan. Nuyis amantii cimaa qabaachuu yoo barbaanne, ilaalcha akkasii qabaachuu qabna. Akkasumas adda taanee jiraachuuf fedhii qabaachuu qabna. Yesus duuka buutonnisaa ‘kan biyya lafaa’ waan hin taaneef biyyi lafaa akka isaan jibbu dubbateera. (Yohannis 15:19 dubbisi.) Yihowaa tajaajiluuf murteessuu keetiin kan kaʼe, miseensonni maatiikee ykn namoonni naannookee jiran akka si jibban yoo sitti dhagaʼame kophaakee akka hin taane yaadadhu. Namoonni akkuma Abraamiifi Saaraayi Waaqayyoo wajjin deddeebiʼan hedduun si wajjin jiru.
‘Biyyakee Keessaa Baʼi’
8, 9. (a) Abraam haalli hin irraanfatamne akkamii isa mudatee ture? (b) Ergaan Yihowaan Abraamitti hime maal ture?
8 Abraam guyyaa tokko haalli adda taʼe isa mudate. Yihowaan ergaa tokko isatti hime. Macaafni Qulqulluun ergaan kun maal akka taʼe balʼinaan ibsuu baatus, “Waaqayyo ulfina gooftummaa isaatiin” Abraam isa abbaa amantii taʼetti akka mulʼate dubbata. (Hojii Ergamootaa 7:2, 3 dubbisi.) Abraam tarii ulfina Gooftaa uumama cufaa hamma tokko karaa ergamaa bakka buʼaa Waaqayyoo taʼe tokkoo argee taʼuu dandaʼa. Abraam Waaqa jiraataa taʼeefi waaqayyolii tolfamoo lubbuu hin qabneefi namoonni barasaatti turan waaqeffatan gidduu garaagarummaa guddaan jiraachuunsaa isa ajaaʼibsiisee taʼuu akka dandaʼu hubachuu dandeenya.
9 Ergaan Yihowaan Abraamitti hime maal ture? “Biyya kee keessaa lammii kee keessaas baʼiitii, gara biyya ani si argisiisuu dhaqi!” jedheen. Yihowaan Abraamiin biyya ani sitti argisiisu dhaqi jedhe malee eessa akka dhaqu itti hin himne. Taʼus, Abraam jalqaba biyyasaafi firootasaa dhiisee deemuu qaba ture. Aadaa Baha Giddu Galeessaa durii keessatti maatiin iddoo guddaa qaba ture. Namni tokko firootasaa dhiisee fagaatee deemuunsaa akka abaarametti kan ilaalamu taʼuusaarrayyuu, namoota tokko tokkoofimmoo duʼa caalaa kan ulfaatu ture.
10. Abraamiifi Saaraayi manasaanii Ur keessa jiru dhiisanii deemuun aarsaa kaffaluu isaan gaafatee ture kan jennu maaliifi?
10 Abraam Ur ishee jireenyaaf mijooftuu taate dhiisee deemuun aarsaa kaffaluu isa gaafatee taʼuu qaba. Ur tarii magaalaa guddoo namni itti baayʼatuufi dureettii turte. (Saanduqa “Magaalaa Abraamiifi Saaraayi Dhiisanii Baʼan” jedhu ilaali.) Qorannaan gama arkiʼooloojiitiin godhame, Ur durii keessa manneen gaggaariin kutaa miseensota maatiitiifi hojjettootaaf taʼu kudha lama ykn isaa ol qaban akka turaniifi dallaasaanii keessa dhagaan akka afame ibseera. Magaalaan kun bishaan dhugaatiifi qulqullina eeguuf taʼu kan qabdu siʼa taʼu, kunis jireenya qananii achi keessa jiruuf gumaacha godheera. Abraamiifi Saaraayi dulloomaa kan jiran siʼa taʼu, Abraam waggaa 70 Saaraayimmoo gara waggaa 60 taʼuu hin oolan. Abraam akkuma abbaan manaa gaarii taʼe tokko haadha manaasaa kunuunsuu barbaadu, Saaraayiin gammachiisuufi kunuunsuu akka barbaadu beekamaadha. Abraamiifi Saaraayi itti gaafatamummaa isaanii kenname ilaalchisee, wanta gaaffii isaanitti taʼuufi isaan yaaddessu yeroo dheeraadhaaf waliin mariʼatanii taʼuu dandaʼa. Abraam yommuu Saaraayi itti gaafatamummaa ulfaataa kana fudhattu baayʼee gammadee taʼuu qaba. Isheenis akkumasaa jireenya qananii manashee keessa jiru hunda dhiistee deemuuf fedhii qabdi turte.
11, 12. (a) Abraamiifi Saaraayi Uriin dhiisanii deemuusaanii dura murtoofi qophii akkamii godhanii turan? (b) Guyyaan isaan ganamaan karaa itti jalqaban maal kan fakkaatu taʼuu dandaʼa?
11 Abraamiifi Saaraayi erga murtoo godhanii booda hojii hedduutu isaan eeggata ture. Miʼasaanii sassaabbachuufi deemsaaf akka taʼutti qixeeffachuu qabu. Adeemsa biyya hin beeknetti godhan kanaaf maal fudhatanii maal dhiisu laata? Hunda caalaammoo, namoonni jireenyasaanii keessatti iddoo guddaa qaban jiru. Taaraa maanguddicha maal godhu laata? Of duukaa fuudhanii deemanii isa kunuunsuuf murteessan. Seenaansaa Taaraan Ur keessaa maaticha fuudhee akka baʼe waan ibsuuf, Taaraan isaanii wajjin deemuuf garaa guutuudhaan walii galee taʼuu dandaʼa. Taaraan yeroo kanatti waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu dhiisee taʼuu akka qabu hin shakkisiisu. Ilmi obboleessa Abraam Looxis isaanii wajjin adeemeera.—Uma. 11:31.
12 Dhumarrattis, yeroon isaan ganamaan karaa jalqaban ni gaʼe. Imaltoonni kun dallaafi bishaan magaalaa Ur marsee jiruun alatti yommuu walitti qabaman sitti haa mulʼatu. Gaalonniifi harroonni feʼamaniiru; saawwan sassaabamaniiru; maatichiifi hojjettoonnisaanii walitti qabamanii, ajaja isaanii kennamu eeggachaa jiru.d Tarii hundisaanii gara Abraamitti garagalanii adeemsaaf mallattoo akka isaanii kennu eegaa jiru taʼa. Dhumarrattis yeroon itti karaa jalqaban kan gaʼe siʼa taʼu, barabaraaf Uriin dhiisanii deeman.
13. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran, ilaalcha Abraamiifi Saaraayi wajjin wal fakkaatu akka qaban kan argisiisan akkamitti?
13 Yeroo harʼaattis, tajaajiltoonni Yihowaa hedduun bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemuuf murteessaniiru. Warri kaanimmoo tajaajilasaanii balʼifachuuf qooqa haaraa barataniiru. Yookiin bifa tajaajilaa kanaan dura irratti hirmaatanii hin beekne ykn isaaniif mijaaʼaa hin taane yaaluuf murteessaniiru. Murtoon akkasii aarsaa gochuu, jechuunis hamma tokko jireenya qananii jiraannu dhiisuuf fedhii qabaachuu gaafata. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran, fakkeenya Abraamiifi Saaraayi hordofuudhaan fedhii akkasii qabaachuunsaanii guddaa kan isaan galateeffachiisudha. Amantii akkasii yoo qabaanne, Yihowaan yeroo hunda wanta nuyi kennineef caalaa akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan namoota amantii qaban matumaa utuu hin kiisiin hin hafu. (Ibr. 6:10; 11:6) Maarree Abraamiin kiiseeraa?
Laga Efraaxiis Ceʼuu
14, 15. Adeemsi Urii gara Kaaraanitti godhame maal fakkaata ture? Abraam yeroo gabaabaadhaaf magaalaa Kaaraan keessa turuuf kan murteesse maaliif taʼuu dandaʼa?
14 Imaltoonni kun suutuma suuta deemuusaanii itti fufan. Abraamiifi Saaraayi takka takka horii yaabbatanii, takka takkammoo miillaan waliin haasaʼaa yommuu deeman, akkasumas sagaleen sibiila morma beeladootaarra jiru yommuu walitti rurrukutamuufi haasaasaanii gidduudhaan yommuu dhagaʼamu mee yaadi. Suutuma suuta namoonni karaa deemuudhaan muuxannoo hin qabnellee dunkaana dhaabuufi buqqisuu dabalatee Taaraa maanguddicha suuta jedhanii gaala ykn harreerra kaaʼuu baratan. Namoonni kun Laga Efraaxiis hordofuudhaan gara kaaba dhihaatti deemuusaanii itti fufan. Haala kanaan guyyoonniifi torban hedduun kan darban siʼa taʼu, isaanis dirreefi gaara utuu hin jedhin deemuusaanii itti fufan.
15 Dhumarratti kiilomeetira 960 erga deemanii booda, godoowwan magaalaa Kaaraan ishee dureettii taateefi bakka karaan daldalaa kallattii Bahaatii gara Dhihaatti geessu keessa qaxxaamururratti argamtu gaʼan. Maatichi iddoo kana buufachuudhaan yeroo gabaabaadhaaf achi jiraate. Tarii Taaraan baayʼee waan dadhabeef kana caalaa deemuu hin dandeenye taʼa.
16, 17. (a) Abraam waadaa Yihowaan isaaf gale kamtu isa gammachiisee ture? (b) Yihowaan yeroo Abraam Kaaraan turetti kan isa eebbise akkamitti?
16 Yeroo booda, Taaraan waggaa 205 jiraatee duʼe. (Uma. 11:32) Abraam yeroo gaddi guddaan isarra gaʼe kanattis Yihowaan waan isatti dubbateef jajjabina guddaa argateera. Yeroo kanatti qajeelfama Uritti isaa kennee ture kan irra deebiʼe siʼa taʼu, abdii dabalataas isaaf kenneera. Abraam “saba guddaa” akka taʼuufi sabni lafarraa hundinuu karaasaa akka eebbifamu isatti hime. (Uumama 12:2, 3 dubbisi.) Abraam yeroo kanatti waadaa Waaqayyo isaaf gale kanatti gammaduudhaan deemuusaa itti fufuun barbaachisaa akka taʼe hubateera.
17 Haataʼu malee, Abraam yommuu Kaaraan turetti Yihowaan waan isa eebbiseef, yeroo kanatti qabeenya hedduu fudhatee deemu horatee ture. Seenaansaa, “qabeenya Looxii wajjin qabanii fi hojjettoota biyya Kaaraanitti kan isaanii godhatan hundumaa” caqasa. (Uma. 12:5) Abraam saba taʼuuf qabeenyaafi hojjettoota hedduu, jechuunis maatii balʼaa qabaachuu qaba ture. Yihowaan yeroo hunda tajaajiltootasaatiif qabeenya hedduu kennuu baatus, wanta fedhasaa raawwachuuf isaan barbaachisu hunda isaanii kenna. Kanaaf, Abraam jajjabina argatee biyya hin beekne sanatti deemuusaa itti fufe.
18. (a) Seenaa saba Waaqayyoo keessatti walitti dhufeenyi Abraam Waaqayyoo wajjin qabu sadarkaa guddaarra kan gaʼe yoomi? (b) Waggoota hedduu booda jiʼa Niisaan guyyaa 14ffaatti wantoonni gara biraan akkamii raawwatamaniiru? (Saanduqa “Guyyaa Seenaa Macaafa Qulqulluu Keessatti Iddoo Guddaa Qabu” jedhu ilaali.)
18 Daandiin Kaaraanii kaasee hanga Karkemiishitti, jechuunis bakka imaltoonni yeroo baayʼee Laga Efraaxiis ceʼanitti jiru guyyaa hedduu fudhata. Seenaa saba Waaqayyoo keessatti, walitti dhufeenyi Abraam Waaqayyoo wajjin qabu sadarkaa guddaarra kan gaʼe iddoo kanatti taʼuu hin oolu. Abraam laga kana kan ceʼe Dh.K.D. bara 1943, jiʼa yeroo booda Niisaan jedhamee moggaafame guyyaa 14ffaatti akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (Bau. 12:40-43) Biyyi Yihowaan Abraamitti argisiisuuf waadaa gale gara kibbaatti argama. Waadaan Waaqayyo Abraamiif gale raawwatamuu kan jalqabe guyyaa kanatti ture.
19. Abdiin Yihowaan Abraamiif kenne maal kan dabalatudha? Kunoo Abraam maal akka yaadatu isa godhee taʼuu dandaʼa?
19 Abraam gara kibbaatti deemuudhaan muka guddaa Mooree jedhamuufi Sheekem maddii jiru bira buufate. Yihowaan ammas iddoo kanatti Abraamitti dubbate. Yeroo kanatti sanyiin Abraam biyyicha akka dhaalu abdii isaaf kenne. Abraam yeroo kanatti raajii Yihowaan “sanyii” ilmaan namootaa oolchu ilaalchisee Eeden keessatti dubbate yaadatee turee laata? (Uma. 3:15; 12:7) Taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, kaayyoo Yihowaa isa guddaa keessatti gaʼee akkamii akka qabu wanta baayʼee hin beeku.
20. Abraam mirga Yihowaan isaa kenneef dinqisiifannaa akka qabu kan argisiise akkamitti?
20 Abraam mirga Yihowaan isaaf kenne guddaa dinqisiifateera. Jalqaba muka guddaa Mooree jedhamu biratti, achiis Betʼelitti iddoo aarsaa kan ijaare siʼa taʼu, Kanaʼaanonni biyya sana keessa waan turaniif kana of eeggannoodhaan akka raawwate beekamaadha. Waaʼee sanyiisaa gara fuulduraa yaaduufi galateeffannaa garaadhaa madde dhiheessuuf taʼuu dandaʼa maqaa Yihowaa waameera. Kanaʼaanota ollaasaa jiraniifis lallabee taʼuu dandaʼa. (Uumama 12:7, 8 dubbisi.) Dhugaadha, Abraam rakkinni guddaan jireenyasaa keessatti amantiisaa qoru isa eeggachaa ture. Abraam manaafi jireenya qananii Ur keessatti dhiisee baʼe yaaduu dhiisuunsaa sirriidha. Abdii Yihowaan isaa kennerratti xiyyeeffachuusaa itti fufeera. Abraamiin ilaalchisee Ibroota 11:10rratti, “Mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture” jedhameera.
21. Beekumsi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo qabnu kan Abraamii wajjin wal bira qabamee ilaalamuu kan dandaʼu akkamitti? Atoo maal gochuuf murteessiteetta?
21 Nuyi warri yeroo harʼaa Yihowaa tajaajillu, waaʼee mandara fakkeenyaan ibsame kanaa, jechuunis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Abraam caalaa beekna. Mootummaan kun yeroo ammaa samiirraa bulchaa akka jiru, dhiheenyatti sirna biyya lafaa kana akka balleessuufi Sanyiin Abraam Yesus Kiristos inni yeroo dheeraadhaaf eegamaa ture mootii Mootummaa kanaa akka taʼe beekna. Yeroo sana Abrahaam duʼaa kaʼuudhaan Yihowaan kaayyoosaa akkamitti akka galmaan gaʼe guutummaatti hubachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, nuufis kana arguun mirga guddaadha. Atoo Yihowaan abdii kenne hunda yommuu raawwatu arguu barbaaddaa? Taanaan, wanta Abraam hojjete hunda hojjechuuf hamma sii dandaʼame carraaqqii gochuukee itti fufi. Fedhiikee aarsaa gochuu, abboomamuufi mirga Yihowaan sii kenneef dinqisiifannaa akka qabdu argisiisuuf kadhannaa garaadhaa madde dhiheessi. Amantii Abraam isa ‘warra amanan hundaaf abbaa taʼe’ hordofuuf carraaqqii yommuu gootu, Abraam siifis abbaakee taʼuu dandaʼa.
a Waggoota hedduu booda Waaqayyo maqaa Abraam jedhu, maqaa Abrahaam jedhuufi hiika “Abbaa saba baayʼee” jedhu qabutti jijjiire.—Uma. 17:5.
b Haaluma wal fakkaatuun, Abraam angafa taʼuu baatus, ilmaan Taaraa keessaa jalqabarratti caqasameera.
c Waaqayyo yeroo booda, maqaa Saaraayi jedhu, maqaa Saaraa jedhuufi hiika “Giiftii” jedhu qabutti jijjiireera.—Uma. 17:15.
d Hayyoonni tokko tokko gaalli bara Abraamitti horii manaa taʼuufi dhiisuusaa ilaalchisee gaaffii kaasu. Taʼus ragaan shakkiisaanii kanaaf dhiheessan quubsaa miti. Macaafni Qulqulluun qabeenyi Abraam gaalotas akka dabalatu irra deddeebiʼee ibsa.—Uma. 12:16; 24:35.