BOQONNAA KUDHA LAMA
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kan Dandeessu Akkamitti?
1, 2. Namoota michoota Yihowaa turan keessaa tokko tokko eenyu faʼi?
MICHUU kee akka taʼu kan barbaaddu nama akkamii ti? Nama jaallattu, nama itti dhihaattuu fi nama sitti dhihaatu, akkasumas nama gaarii fi amalawwan ati dinqisiifattu qabu dha.
2 Yihowaan namoonni tokko tokko michuu isaa akka taʼan ni filata. Fakkeenyaaf, Abrahaam michoota Yihowaa keessaa tokko ture. (Isaayaas 41:8, hiika bara 1899; Yaaqoob 2:23) Yihowaan Daawitiinis ni jaallata ture. Daawit ‘nama akka garaa isaa’ akka taʼe dubbateera. (Hojii Ergamootaa 13:22) Daaniʼel raajichis Yihowaa biratti “guddaa jaallatamaa” ture.—Daaniʼel 9:23.
3. Abrahaam, Daawitii fi Daaniʼel michoota Yihowaa kan taʼan maaliifi?
3 Abrahaam, Daawitii fi Daaniʼel michoota Yihowaa taʼuu kan dandaʼan akkamitti? Yihowaan Abrahaamiin, ‘Ati anaaf abboomamteetta’ jedhee ture. (Uumama 22:18) Yihowaan warra gad of qabuudhaan isaaf ajajamaniif michuu ni taʼa. Sabni tokko illee michuu isaa taʼuu ni dandaʼa. Yihowaan saba Israaʼeliin, “Anaaf dhagaʼaa, ani Waaqayyo keessan isiniif nan taʼa, isin immoo saba koo in taatu” jedheera. (Ermiyaas 7:23) Kanaaf, atis dhugumaan michuu Yihowaa taʼuu yoo barbaadde isaaf ajajamuu qabda.
YIHOWAAN MICHOOTA ISAA NI EEGA
4, 5. Yihowaan michoota isaa kan eegu akkamitti?
4 Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan ‘warra garaa isaanii guutuu isa amanatan gargaaruuf’ karaa akka barbaadu dubbata. (2 Seenaa 16:9) Yihowaan Faarfannaa 32:8 irratti, “Waan gochuun siif taʼu sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif taʼu sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin toʼadha” jechuudhaan michoota isaatiif waadaa galeera.
5 Diinni humna guddaa qabu tokko michoota Waaqayyoo akka hin taane nu dhowwuu barbaada. Yihowaan garuu eegumsa nuu gochuu barbaada. (Faarfannaa 55:22 dubbisi.) Michoota Yihowaa waan taaneef garaa guutuudhaan isa tajaajilla. Haala rakkisaa keessatti illee isaaf amanamoo taʼuu dandeenya. Akkasumas amanannaa akka faarfatichaa qabna. Faarfatichi, “[Yihowaan] mirga koo waan jiruufis ani hin shishu” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 16:8; 63:8) Seexanni michoota Yihowaa akka hin taane nu dhowwuuf kan yaalu akkamitti?
MORMII SEEXANAA
6. Seexanni namoota ilaalchisee maal jedhe?
6 Boqonnaa 11 irratti Seexanni Yihowaa irratti mormii akka kaase, Yihowaan sobduu dha akka jedhe, akkasumas Addaamii fi Hewwaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofuma isaaniitii akka murteessan heyyamuu dhiisuun isaa sirrii akka hin taane akka dubbate baranneerra. Kitaabni Iyoob Seexanni namoota michoota Waaqayyoo taʼuu barbaadan irrattis mormii akka kaase ibsa. Seexanni, namoonni Yihowaa kan tajaajilan waan Isa jaallataniif utuu hin taʼin, waan Isa irraa faayidaa argataniif akka taʼe dubbateera. Akkasumas, nama kam iyyuu Waaqayyoon akka mormu gochuu akka dandaʼu dubbateera. Mee wanta Iyoob irraa barannuu fi Yihowaan akkamitti eegumsa akka isaaf godhe haa ilaallu.
7, 8. (a) Yihowaan Iyoobiin akkamitti ilaala ture? (b) Seexanni waaʼee Iyoob maal jedhe?
7 Iyoob eenyu ture? Nama gaarii waggaa 3,600 dura jiraate dha. Yihowaan bara sanatti namni akka isaa lafa irra akka hin turre dubbateera. Iyoob nama Waaqayyoof ulfina guddaa kennuu fi wanta hamaa jibbu ture. (Iyoob 1:8) Eeyyee, Iyoob dhuguma michuu Yihowaa ture.
8 Seexanni, Iyoob Waaqayyoon kan tajaajilu faayidaa ofii isaatiif jedhee akka taʼe dubbatee ture. Seexanni Yihowaadhaan akkana jedhee ture: “Ati isaa fi mana isaatti wanta inni qabu hundumaattis naannessitee dallaa hin ijaarree ree? Hojii harka isaatii in eebbifteef; qabeenyi isaas biyyicha keessatti in baayʼate. Mee, harka kee ol fuudhiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti! Inni iyyuu mulʼinatti si arrabsa.”—Iyoob 1:10, 11.
9. Yihowaan Seexanni maal akka godhu isaaf heyyame?
9 Seexanni, Iyoob Yihowaa kan tajaajilu faayidaa Isa irraa argatuuf jedhee qofa akka taʼe dubbateera. Kana malees, Iyoob Yihowaa tajaajiluu isaa akka dhiisu gochuu akka dandaʼu dubbate. Yihowaan yaada Seexanaa fudhachuu baatus, Iyoob michuu Yihowaa kan taʼe waan Isa jaallatuuf taʼuuf dhiisuu isaa akka qoru isaaf heyyameera.
SEEXANNI IYOOB IRRA MIIDHAA GEESSISE
10. Seexanni Iyoob irra miidhaa akkamii geessise? Iyoob hoo maal godhe?
10 Jalqaba, Seexanni horiin Iyoob akka hatamanii fi akka dhuman godhe. Achiis hojjettoota Iyoob keessaa hedduu isaanii ajjeesise. Iyoob wanta qabu hunda dhabe. Dhuma irrattis, Seexanni qilleensa jabaadhaan ijoollee isaa kurnan jalaa ajjeese. Iyoob garuu Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufeera. “Kana hundumaa keessaa Iyoob hin yakkine, ‘Dabaa hojjette’ jedhees Waaqayyoon hin hadheessine.”—Iyoob 1:12-19, 22.
11. (a) Seexanni miidhaa dabalataa akkamii Iyoob irra geessise? (b) Iyoob maal godhe?
11 Seexanni abdii hin kutanne. Waaqayyoon, “Lafee isaa fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mulʼinatti si arrabsa” jedhe. Kanaaf Seexanni, Iyoob dhukkuba cimaadhaan akka qabamu godhe. (Iyoob 2:5, 7) Iyoob garuu ammas Yihowaadhaaf amanamaa taʼeera. “Ani . . . hamman duʼutti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebiʼu” jedheera.—Iyoob 27:5.
12. Iyoob, Seexanni sobduu taʼuu isaa kan mirkaneesse akkamitti?
12 Iyoob gaaffii Seexanni kaasee fi rakkinni hammi kun maaliif akka isa irra gaʼe hin beeku ture. Rakkina kana kan isatti fide Yihowaa isatti fakkaatee ture. (Iyoob 6:4; 16:11-14) Akkas isatti dhagaʼamus Iyoob Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufeera. Amma wanti hundi ifa taʼeera. Iyoob ofittoo hin turre. Iyoob michuu Yihowaa kan taʼe waan Isa jaallatuufi dha. Eeyyee, gaaffiin Seexanni kaase hundi soba taʼuun isaa mirkanaaʼeera!
13. Iyoob amanamaa taʼuun isaa buʼaa maalii argamsiise?
13 Iyoob wanta samii irratti taʼaa jiru beekuu baatus, Waaqayyoof amanamaa taʼuudhaan Seexanni hamaa taʼuu isaa mirkaneesseera. Yihowaan, Iyoob michuu amanamaa taʼuu isaatiin isa badhaaseera.—Iyoob 42:12-17.
GAAFFII SEEXANNI SI IRRATTI KAASE
14, 15. Seexanni dhiirotaa fi dubartoota hunda irratti gaaffii akkamii kaase?
14 Wanta Iyoobiin mudate irraa barumsa guddaa argachuu dandeessa. Yeroo harʼaattis Seexanni, Yihowaa kan tajaajillu faayidaa Isa irraa argannuuf jennee akka taʼe dubbata. Iyoob 2:4 irratti Seexanni “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jedheera. Kanaaf, Seexanni Iyoob qofa utuu hin taʼin, dhiironnii fi dubartoonni hundi ofittoo akka taʼan dubbateera. Iyoob duʼee waggoota dhibbaan lakkaaʼaman booda illee Seexanni ammas Yihowaa arrabsaa fi tajaajiltoota isaa irratti gaaffii kaasaa jira. Fakkeenyaaf, Fakkeenyi 27:11, “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!” jedha.
15 Yihowaadhaaf ajajamuu fi isaaf michuu amanamaa taʼuudhaan, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessi. Michuu Waaqayyoo taʼuuf jireenya kee irratti jijjiirama guddaa gochuun yoo si barbaachise illee, akkas gochuuf murteessuun kee baayʼee si fayyada! Murtoon kun dhimma iddoo guddaan kennamuufii qabu dha. Seexanni rakkinni yoo si irra gaʼe amanamaa hin taatu jedhee dubbata. Nu gowwoomsuudhaan Waaqayyoof amanamoo akka hin taane gochuu barbaada. Akkamitti?
16. (a) Seexanni namoonni Yihowaa tajaajiluu akka dhiisan gochuuf tooftaalee akkamiitti fayyadama? (b) Diyaabilos Yihowaa tajaajiluu kee akka dhiistu gochuuf maal gochuu dandaʼa?
16 Seexanni michoota Waaqayyoo taʼuu keenya akka dhiisnu gochuuf tooftaalee garaa garaatti fayyadama. Al tokko tokko miidhaa kan geessisu ‘akka leenca barooduu fi nama liqimsu barbaaduutti’ dha. (1 Pheexiros 5:8) Michoonni kee, miseensonni maatii kee ykn namoonni kaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi wanta sirrii taʼe raawwachuu akka dhiistu gochuuf yoo yaalan si dinqisiisuu hin qabu. Yeroo kanatti miidhaan akka si irra gaʼe sitti dhagaʼama taʼa.a (Yohaannis 15:19, 20) Kana malees, Seexanni “maleekaa ifaa” fakkaachuuf of jijjiira. Akkas gochuudhaan Yihowaadhaaf akka hin ajajamne nu gowwoomsuuf yaala. (2 Qorontos 11:14) Tooftaan biraan Seexanni Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhiisnu gochuuf itti fayyadamu immoo, Waaqayyoon tajaajiluuf gaʼumsa akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu gochuu dha.—Fakkeenya 24:10.
AJAJAWWAN YIHOWAA EEGI
17. Yihowaadhaaf kan ajajamnu maaliifi?
17 Yihowaadhaaf yeroo ajajamnu Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessina. Ajajamuuf maaltu nu gargaara? Kitaabni Qulqulluun, “Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu!” jedha. (Keessa Deebii 6:5) Yihowaadhaaf kan ajajamnu waan isa jaallannuufi dha. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu yeroo dabalu, wanta inni nu irraa eegu hunda raawwachuu barbaadna. Yohaannis ergamaan, “Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti” jedhee barreesseera.—1 Yohaannis 5:3.
18, 19. (a) Wantoonni Yihowaan dogoggora akka taʼan nutti hime tokko tokko maal faʼi? (b) Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe akka raawwannu akka nu hin gaafanne akkamitti beekna?
18 Haa taʼu malee, wantoonni Yihowaan dogoggora akka taʼan nutti hime tokko tokko maal faʼi? Saanduqa “Wanta Yihowaan Jibbu Jibbi” jedhu keessatti wantoonni tokko tokko ibsamaniiru. Jalqaba irratti wantoota kana keessaa tokko tokko dogoggora akka taʼan sitti hin dhagaʼamu taʼa. Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu saanduqicha keessa jiran yeroo dubbistuu fi gad fageenyaan irratti yommuu yaaddu, seerawwan Yihowaatiif ajajamuun ogummaa taʼuu isaa hubatta. Jireenya kee keessatti jijjiirama tokko tokko gochuu akka qabdus sitti dhagaʼama taʼa. Al tokko tokko jijjiirama akkasii gochuun ulfaataa taʼus, akkas yoo goote nagaa fi gammachuu michuu Yihowaa taʼuudhaan argamu argatta. (Isaayaas 48:17, 18) Jijjiirama akkasii gochuun akka dandaʼamu akkamitti beekuu dandeenya?
19 Yihowaan matumaa wanta humna keenyaa ol taʼe akka raawwannu nu hin gaafatu. (Keessa Deebii 30:11-14) Michuu dhugaa waan taʼeef, inni isa nuti of beeknu caalaa sirriitti nu beeka. Ciminaa fi dadhabina keenya beeka. (Faarfannaa 103:14) Phaawulos ergamaan akkana jedhee nu jajjabeesseera: “Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa itti keessaa baatan isiniif qopheessa.” (1 Qorontos 10:13) Yihowaan yeroo hunda cimina wanta sirrii taʼe gochuuf nu barbaachisu akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Haalawwan rakkisaa keessatti jabaattee akka dhaabattu si gargaaruuf, ‘humna humna caalu’ sii kenna. (2 Qorontos 4:7) Phaawulos haala akkasii keessatti gargaarsa Yihowaa waan argateef, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jechuu dandaʼeera.—Filiphisiyus 4:13.
WANTA YIHOWAAN JAALLATU JAALLACHUU BARADHU
20. Amalawwan Yihowaa kamfaa hordofuu qabda? Maaliif?
20 Michoota Yihowaa taʼuu yoo barbaadne wanta Yihowaan dogoggora akka taʼe nutti hime raawwachuu dhiisuu malees, wanta kan biraa gochuu qabna. (Roomaa 12:9) Michoonni Waaqayyoo wanta inni jaallatu ni jaallatu. Wantoonni kun Faarfannaa 15:1-5 irratti ibsamaniiru. (Dubbisi.) Michoonni Yihowaa amala isaa hordofuudhaan “jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, dansummaa, amantii, garraamummaa fi of toʼachuu” argisiisu.—Galaatiyaa 5:22, 23.
21. Amalawwan Waaqayyo jaallatu argisiisuu barachuu kan dandeessu akkamitti?
21 Amalawwan gaggaarii kana argisiisuu barachuu kan dandeessu akkamitti? Kitaaba Qulqulluu yeroo hunda dubbisuu fi qoʼachuudhaan wanta Yihowaan jaallatu barachuu qabda. (Isaayaas 30:20, 21) Akkas yeroo gootu jaalalli Yihowaadhaaf qabdu ni dabala; jaalalli isaaf qabdu yeroo dabalu immoo isaaf ajajamuu barbaadda.
22. Yihowaadhaaf yoo ajajamte buʼaa akkamiitu argama?
22 Jijjiirama ati jireenya kee keessatti gootu uffata moofaa of irraa baasanii uffata haaraa uffachuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun ‘namummaa moofaa of irraa baastee’ “namummaa haaraa” uffachuu akka qabdu dubbata. (Qolosaayis 3:9, 10) Salphaa taʼuu baatus, jijjiirama kana yoo goonee fi Yihowaadhaaf yoo ajajamne “buʼaa [ykn eebba] guddaa” akka nuu kennu waadaa nuu galeera. (Faarfannaa 19:11) Eeyyee, Yihowaadhaaf ajajamuudhaan Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessi. Gara fulduraatti badhaasa waan argattuuf utuu hin taʼin, jaalala ofittummaa irraa bilisa taʼeen Yihowaa tajaajili. Akkas yoo goote Waaqayyoof michuu dhugaa taata!
a Kana jechuun garuu namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee akka dhiistu gochuuf yaalan kan toʼatu Seexana jechuu miti. Haa taʼu malee, Seexanni ‘waaqa sirna kanaa’ ti; akkasumas ‘guutummaan addunyaa humna isaa jala jira.’ Kanaaf, namoonni tokko tokko Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhiisnu gochuuf yoo yaalan nu dinqisiisuu hin qabu.—2 Qorontos 4:4; 1 Yohaannis 5:19.