BARUMSA 10
Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan Si Fayyadan Akkamitti?
Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti akka argamtu affeeramtee beektaa? Hamma yoonaatti argamtee hin beektu yoo taʼe, yeroo jalqabaatiif walgaʼii kana irratti argamuun si sodaachisuu dandaʼa taʼa. Tarii akkana jettee gaafatta taʼa: ‘Walgaʼiiwwan kana irratti maaltu raawwatama? Barbaachisoo kan taʼan maaliifi? Achi irratti argamuu kanan qabu hoo maaliifi?’ Barumsa kana keessatti, warra kaanii wajjin walitti qabamuun Waaqayyotti caalaatti dhihaachuufis taʼe dhuunfaatti si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baratta.
1. Dhugaa Baatonni Yihowaa kan walitti qabaman maaliifi?
Sababii guddaa itti warra kaanii wajjin walitti qabamnu ilaalchisee barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko, “Gumii guddaa keessatti Yihowaa nan jajadha” jedheera. (Faarfannaa 26:12) Haaluma wal fakkaatuun, Dhugaa Baatonni Yihowaas walitti qabamuu isaaniitiin gammachuu guddaa argatu. Torban torbaniin addunyaa maratti, Waaqayyoon waaqeffachuuf, faarfannaadhaan isa jajachuu fi kadhachuuf walitti qabamu. Waggaa waggaadhaanis waaqeffannaadhaaf baayʼatanii walitti qabamu.
2. Walgaʼiiwwan keenya irratti yommuu argamtu maal baratta?
Walgaʼiiwwan keenya irratti Dubbiin Waaqayyoo, ‘karaa ifa taʼeen ni ibsama, akkasumas hiikni wanta dubbifame sanaa ifa ni godhama.’ (Nahimiyaa 8:8 dubbisi.) Walgaʼiiwwan keenya irratti argamuudhaan, waaʼee Yihowaa fi waaʼee amalawwan isaa warra dinqisiisoo ni baratta. Jaalala inni siif qabu barachaa yommuu deemtu, caalaatti isatti dhihaatta. Jireenya gammachiisaa qabaachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼes ni baratta.—Isaayyaas 48:17, 18.
3. Namoota walgaʼii irratti argamanii wajjin walitti qabamuudhaan faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?
Yihowaan, ‘jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf xiyyeeffannaa akka waliif kenninuu fi walitti qabamuu keenya akka hin dhiisne’ nu ajajeera. (Ibroota 10:24, 25) Walgaʼiiwwan keenya irratti namoota garaadhaa waliif yaadanii fi akkuma kee waaʼee Waaqayyoo caalaatti barachuuf fedhii qabanii wajjin wal argita. Yaadawwan nama jajjabeessan Kitaaba Qulqulluu irraa yommuu dubbatan ni dhageessa. (Roomaa 1:11, 12 dubbisi.) Namoota rakkinni isaan irra gaʼus, gammadoo taʼanii wajjin wal barta. Yaadawwan olitti ibsaman, sababiiwwan Yihowaan walgaʼii irratti yeroo hundumaa akka argamnu barbaadu keessaa muraasa isaanii ti.
CAALAATTI BARADHU
Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa maal akka fakkaatanii fi walgaʼiiwwan kanneen irratti argamuun kan nama hin gaabbisiisne maaliif akka taʼe baradhu.
4. Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni yeroo hundumaa Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamu turan. (Roomaa 16:3-5) Qolosaayis 3:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Yihowaa waaqeffachaa kan turan akkamitti?
Yeroo harʼaattis, Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo hundumaa bakka waaqeffannaa isaanitti walitti qabamu. Walgaʼiiwwan isaanii maal akka fakkaatan ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis fakkii walgaʼii gumii argisiisu ilaaluudhaan, gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Wanti Galma Walgaʼiitti raawwatamuu fi wanti Qolosaayis 3:16 irratti dubbiste kan wal fakkaatu akkamitti?
Viidiyoo ykn fakkii sana irraa, walgaʼii keenya ilaalchisee wanta sitti tole kan biraa hubatteettaa?
Qorontos Lammaffaa 9:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti qarshiin kan hin gaafatamne maaliifi?
Nama si qoʼachiisuu wajjin, wanta yeroo walgaʼiin itti aanu geggeeffamutti irratti mariʼatamu ilaalaa.
Kutaalee walgaʼichaa keessaa kan xiyyeeffannaa kee harkise ykn kan si fayyadu isa kami?
Kana beektaa?
Weebsaayitii keenya jw.org irraa, addunyaa maratti walgaʼiiwwan keenya eessattii fi yoom akka geggeeffaman argachuu dandeessa.
Walgaʼiiwwan keenya haasaa, viidiyoo, akkasumas leenjiiwwan lallabuu fi barsiisuuf nu gargaaran kan dabalatani dha. Walgaʼiiwwan kan jalqabamanii fi kan xumuraman faarfannaa fi kadhannaadhaani
Kutaawwan dhihaatan tokko tokko irratti immoo dhaggeeffattoonni yaada akka kennan affeeramu
Dhiira, dubartii, maanguddoo fi ijoollee dabalatee namni kam iyyuu walgaʼii irratti argamuu dandaʼa
Walgaʼiiwwan keenya irratti argamuuf qarshii kaffaluun si hin barbaachisu. Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii hin gaafatan ykn qodaa buusii hin naannessan
5. Walgaʼiiwwan irratti argamuun carraaqqii gochuu gaafata
Mee maatii Yesuus akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Ayyaana waggaa tokko irratti argamuuf, Naazireetii kaʼanii Yerusaalem gaʼuuf, naannoowwan gaarreen itti baayʼatan keessa qaxxaamuranii gara guyyoota sadiitiif miilaan deemuu qabu turan. Luqaas 2:39-42 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Imalli gara Yerusaalemitti godhamu kun carraaqqii gochuu kan gaafatu sitti fakkaataa?
Walgaʼiiwwan irratti argamuuf carraaqqii guddaa gochuun kan si barbaachisu maaliif taʼuu dandaʼa?
Ulfaataa yoo taʼe illee, walgaʼiiwwan irratti argamuun kan si fayyadu sitti fakkaataa? Maaliif?
Kitaabni Qulqulluun waaqeffannaadhaaf walitti qabamuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe dubbata. Ibroota 10:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yeroo hunda walgaʼii irratti argamuu kan qabnu maaliifi?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Namootaa wajjin walitti qabamuun si hin barbaachisu. Kitaaba Qulqulluu manumatti qoʼachuun qofti gaʼaa dha.”
Caqasni ykn fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi wanta Yihowaan barbaadu ibsu isa kami?
MAAL BARATTE?
Walgaʼiiwwan irratti argamuun waaʼee Yihowaa caalaatti barachuuf, michummaa isaa wajjin qabdu cimsachuu fi warra kaanii wajjin isa waaqeffachuuf si gargaara.
Irra Deebii
Yihowaan akka walitti qabamnu kan nu jajjabeessu maaliifi?
Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti yommuu argamtu maal baratta?
Walgaʼiiwwan irratti argamuun faayidaa kan biraas kan siif argamsiisu sitti fakkaataa?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Walgaʼii irratti argamuun kan si sodaachisu yoo taʼe hoo? Namni miirri akkasii itti dhagaʼamee ture tokko walgaʼii kan jaallate akkamitti akka taʼe ilaali.
Akka Itti Isaan Nagaa Nu Gaafatan Matumaa hin Irraanfannu (4:16)
Dargaggeessi tokko walgaʼii kan jaallate akkamitti akka taʼee fi yeroo hunda achi irratti argamuuf maal akka godhe ilaali.
Walgaʼiiwwan irratti argamuu ilaalchisee warri kaan maal akka jedhan hubadhu.
Miseensi garee kashalabbootaa tokko walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti erga argamee booda, jireenyi isaa kan jijjiirame akkamitti akka taʼe hubadhu.
“Shugguxiin Koo Yoom Iyyuu Na Harkaa hin Dhabamu Ture” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)