BARUMSA 38
Jireenya Isa Kennaa Taʼeef Dinqisiifannaa Qabaadhu
Jireenyi wantoota nama dinqisiisaniin kan guutame dha. Yeroo rakkinni nu mudatutti illee wantoonni jireenya keenya keessatti itti gammannu jiru. Maarree jireenya arganneef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Wanti akka dinqisiifannu nu kakaasu inni guddaan hoo maali dha?
1. Jireenyaaf dinqisiifannaa qabaachuu kan qabnu maaliifi?
Jireenyi kennaa Yihowaa isa Abbaa jaalala qabeessa taʼe irraa arganne waan taʼeef dinqisiifachuu qabna. Yihowaan “madda jireenyaa” waan taʼeef jireenya hunda kan uume isa dha. (Faarfannaa 36:9) “Namoota hundumaatiif jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda kan kennu isa [dha].” (Hojii Ergamootaa 17:25, 28) Yihowaan wanta lubbuudhaan jiraachuu keenya itti fufuuf nu gargaaru nuu kenna. Wantoota jireenyatti gammaduuf nu barbaachisanis nuu kenneera.—Hojii Ergamootaa 14:17 dubbisi.
2. Jireenya isa kennaa taʼe akka dinqisiifannu Yihowaatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
Guyyaa itti haati kee si ulfoofte irraa kaasee Yihowaan siif yaada. Daawit inni tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa tokko ture hafuura qulqulluutiin geggeeffamee Yihowaadhaan, “Yeroon miciree turetti illee ijji kee na argeera” jedheera. (Faarfannaa 139:16) Yihowaan jireenya keetiif bakka guddaa kenna. (Maatewos 10:29-31 dubbisi.) Namni tokko taʼe jedhee nama kan biraa kan ajjeesu ykn kan of ajjeesu yoo taʼe Yihowaan baayʼee gadda.a (Baʼuu 20:13) Utuu hin barbaachisin lubbuu keenya balaadhaaf kan saaxillu ykn lubbuu warra kaanii eeguuf of eeggannoo yoo gochuu baannes Yihowaa gaddisiisna. Jireenya keenyaaf kunuunsa yoo goonee fi jireenya warra kaanii yoo kabajne, kennaa dinqisiisaa taʼe kanaaf akka galateeffannu argisiisna.
CAALAATTI BARADHU
Karaawwan jireenya isa kennaa taʼeef dinqisiifannaa qabdu argisiisuu itti dandeessu tokko tokko hubadhu.
3. Fayyaa kee kunuunsi
Kiristiyaanonni Yihowaadhaaf of murteessan jireenya isaanii guutuu isa tajaajiluuf itti fayyadamu. Kun akkuma qaama isaanii aarsaa godhanii Waaqayyoof dhiheessanitti ilaalama. Roomaa 12:1, 2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Fayyaa keetiif kunuunsa gochuuf wanti si kakaasuu qabu maali dha?
Karaawwan kana gochuu itti dandeessu tokko tokko kam faʼi?
4. Balaa ykn duʼa hambisuuf dursii of eeggannoo godhi
Kitaabni Qulqulluun gochawwan balaadhaaf nu saaxilan irraa akka fagaannu nu jajjabeessa. Balaa irraa of eeguuf wantoota beekuu qabdu tokko tokko ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.
Fakkeenya 22:3 dubbisaa, achiis haalawwan armaan gadii keessatti ofis taʼe warra kaan eeguuf maal gochuu akka dandeessu mariʼadhaa:
Mana kee keessatti.
Bakka hojii keetti.
Yommuu taphawwan ispoortii irratti hirmaattu.
Geejjibatti yommuu fayyadamtu.
5. Jireenya daaʼima hin dhalanneef kabaja qabaadhu
Daawit Yihowaan daaʼima gadameessa haadha isaa keessa jiruuf xiyyeeffannaa akka kennu ibseera. Faarfannaa 139:13-17 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Akka ilaalcha Yihowaatti, jireenyi nama tokkoo kan jalqabu yeroo haati isaa ulfooftu dha moo yommuu dhalatutti dha?
Seerri Yihowaan saba Israaʼel duriitiif kenne haadhaa fi daaʼima ishii isa hin dhalanneef eegumsa godheera. Baʼuu 21:22, 23 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yihowaan nama utuu hin beekin daaʼima hin dhalanne ajjeeseef ilaalcha akkamii qaba?
Namni tokko taʼe jedhee akkas yoo godhe hoo maaltu isatti dhagaʼama?b
Ilaalcha Waaqayyo qabu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
Dubartiin lubbuudhaaf iddoo guddaa kennitu illee filannoon qabdu ulfa of irraa baasuu qofa akka taʼe ishiitti dhaga’amuu dandaʼa. Isaayyaas 41:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Dubartiin takka ulfa of irraa akka baastu dhiibbaan ishii irra gaʼaa jira yoo taʼe gargaarsa eenyuu gaafachuu qabdi? Maaliif?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Dubartiin takka qaama ishii waan taʼeef, ulfa of irraa baasuuf mirga qabdi.”
Yihowaan lubbuu haadha takkaatiifis taʼe daaʼima gadameessa ishii keessa jiruuf bakka guddaa akka kennu kan si amansiise maali dha?
MAAL BARATTE?
Kitaabni Qulqulluun jireenya isa kennaa Yihowaa taʼe akka jaallannu, akka kabajnuu fi eegumsa akka goonuuf nu barsiisa. Kunis lubbuu keenyaa fi lubbuu namoota kaanii kan dabalatu dha.
Irra Deebii
Lubbuun namootaa Yihowaa duratti gatii guddaa qaba kan jennu maaliifi?
Namni tokko taʼe jedhee nama yommuu ajjeesu Yihowaatti maaltu dhagaʼama?
Jireenya isa kennaa taʼeef kan galateeffattu maaliifi?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Jireenya isa kennaa taʼeef Yihowaa galateeffachuu kan dandeenyu akkamitti?
Gaaffii, ‘Waaqayyo dubartii kanaan dura ulfa of irraa baasteef dhiifama ni godhaa?’ jedhuuf deebii argadhu.
“Kitaabni Qulqulluun Ulfa Baasuu Ilaalchisee Maal Jedha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Ilaalchi Waaqayyo lubbuudhaaf qabu filannoo bashannanaa keenya irratti jijjiirama fiduu kan qabu maaliif akka taʼe baradhu.
Namni tokko yaada of ajjeesuu yoo qabaate maal gochuu qaba? Kitaabni Qulqulluun gama kanaan isa gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baradhu.
a Yihowaan warra garaan isaanii cabeef baayʼee yaada. (Faarfannaa 34:18) Gadda cimaa namoonni of ajjeesuu akka barbaadan godhu ni hubata, isaan gargaaruus ni barbaada. Gargaarsi inni kennu namni tokko miira akkasii akka dandamatu kan isa gargaaru akkamitti akka taʼe hubachuuf mata duree “Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?” jedhu dubbisi; mata dureen kun kutaa Qorannoo Dabalataa Godhi jedhuu fi barumsa kana jala jiru keessatti argama.
b Namoonni kanaan dura ulfa baasan Yihowaan dhiifama waan isaanii godhuuf garmalee of ceephaʼuu hin qaban. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Kitaabni Qulqulluun Ulfa Baasuu Ilaalchisee Maal Jedha?” jedhu ilaali; mata dureen kun kutaa Qorannoo Dabalataa Godhi jedhuu fi barumsa kana jala jiru keessatti argama.