Yihowaa Eeggachuudhaan Ija Jabeeyyii Ta’aa
“Waaqayyoon eeggadhu, jabaadhus! Laphee jabaadhu, Waaqayyoonis eeggadhu!” —FAARFANNAA 27:14.
1. Abdiin hammam barbaachisaadha? Macaafni Qulqulluun jecha kana akkamitti itti fayyadameera?
ABDIIN dhugaa akkuma ifa calalaqaati. Rakkoowwan yeroo ammaatti nu mudatan irratti utuu hin ta’in eebba dhumarratti argannurratti xiyyeeffannee, ija jabinaafi gammachuudhaan yeroo gara fuulduraa akka eeggannu nu gargaara. Yihowaa qofatu karaa Macaafa Qulqulluu abdii dhugaa nuu kennuu danda’a. (2 Ximotewos 3:16) Jechi “abdii” jedhu Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo keessatti al baay’ee kan argamu si’a ta’u, wanta gaarii ta’e hawwuufi akka raawwatamu eeguu wajjin kan wal qabatedha.a Abdiin akkasii kun, hawwii bu’uura hin qabnee ykn guutamuu hin dandeenye miti.
2. Abdiin jireenya Yesusirratti dhiibbaa akkamii geessiseera?
2 Yesus yeroo rakkoowwan isa mudatanitti, isa fuuldurasaa jiru ilaaludhaan Yihowaa abdateera. “Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du’uu isaatiif yeelloo isa irra ga’e homaatti utuu hin lakkaa’in, obsaan fannoo irratti du’uu in danda’e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa’e.” (Ibroota 12:2) Olaantummaa Yihowaa deggeruufi maqaa Waaqayyoo qulqulleessuurratti kan xiyyeeffate waan ta’eef, rakkoon akkamiillee yoo isarra ga’e Waaqayyoof ajajamuurraa duubatti hin jenne.
3. Abdiin jireenya tajaajiltoota Yihowaa keessatti ga’ee maalii qaba?
3 Daawit Mootichi, Yihowaa eeggachuuniifi ija jabinni walitti dhufeenya akka qaban yeroo ibsu akkas jedheera: “Waaqayyoon eeggadhu, jabaadhus! Laphee jabaadhu, Waaqayyoonis eeggadhu!” (Faarfannaa 27:14) Lapheen keenya akka jabaatu yoo barbaanne, abdiin keenya akka badu gochuu mannaa yeroo hundaa yaadatti qabachuu qabna. Akkas gochuun keenya, hojii Yesus bartoonnisaa akka hojjetan itti kenne yeroo hojjennu hinaaffaafi ija jabina inni argisiise qabaachuuf nu gargaara. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Dhugumayyuu, abdiin amala barbaachisaa tajaajiltoota Yihowaa addaan baasuu ta’ee Macaafa Qulqulluu keessatti amantaafi jaalalaa wajjin caqasameera.—1 Qorontos 13:13.
‘Abdiitti Guddachaa’ Jirtaa?
4. Kiristiyaanonni dibamooniifi ‘hoolonni kan biraa’ michootasaanii ta’an yeroo isa kam hawwiidhaan eeggachaa jiru?
4 Sabni Waaqayyoo abdii dinqisiisaa ta’e qabu. Kiristiyaanonni dibamoon Yesusii wajjin samiirratti bulchuuf hawwiidhaan kan eeggatan si’a ta’u, ‘hoolonni kan biraammoo’ yeroo ‘garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba itti ba’uufi luba ba’uun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti geessu’ abdatu. (Yohannis 10:16; Roomaa 8:19-21; Filiphisiiyus 3:20) “Birmadummaa” yeroo jedhu cubbuufi miidhaasaa jalaa ba’uus kan dabalatudha. Dhugumayyuu, Yihowaan Madda ‘kennaa gaariifi guutuu hundaa’ waan ta’eef, namoota isaaf amanamoo ta’an kennaa gaarii isaan hin dhabsiisu.—Yaaqoob 1:17; Isaayaas 25:8.
5. ‘Abdiitti guddachuu’ kan dandeenyu akkamitti?
5 Abdiin Kiristiyaanaa jireenya keenya keessatti gahee guddaa akkamii qaba? Roomaan 15:13 akkas jedha: “Humna hafuura qulqulluutiin abdiitti guddachaa akka adeemtanitti, Waaqayyo inni abdii namaaf kennu, isatti amanuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu!” Eeyyee, abdiin dungoo dukkana keessa jiru utuu hin ta’in, akka ifa aduu ganamaa, jireenya namaa nagaa, gammachuu, kaayyoofi ija jabinaan kan guutudha. Yeroo Dubbii Waaqayyootti amannuufi hafuura qulqulluu argannutti, ‘abdiitti guddachaa’ akka adeemnu hubadhu. Roomaan 15:4 akkas jedha: “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaa’oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.” Kanaafuu mee akkas jedhii of gaafadhu: ‘Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuudhaan abdiinkoo ifa ta’ee akka natti mul’atu gochaan jiraa? Hafuura Waaqayyoo argachuuf yeroo hundumaa nan kadhadhaa?’—Luqaas 11:13.
6. Abdiin keenya ifaa ta’ee akka itti fufuuf, maalirraa of eeguu qabna?
6 Yesus inni fakkeenya nuu ta’u Macaafa Qulqulluurraa jajjabina argateera. Nuyis fakkeenyasaa hordofuudhaan, ‘dadhabnee yaanni keenya akka hin laafne’ gochuu dandeenya. (Ibroota 12:3) Abdii Waaqayyo nuu kenne yoo laaffisneefi yoo daganne, qabeenya fooniirratti ykn galmawwan dhuunfaarratti yoo xiyyeeffanne, karaa hafuuraa dadhabuufi hamilee wanta sirrii gochuuf nu gargaarus ta’e ija jabina dhabuu dandeenya. Ilaalchi akkasiimmoo, ‘amantii keenya akka caccabaa markabaatti hurreessuu’ danda’a. (1 Ximotewos 1:19) Karaa gara biraammoo, abdiin dhugaa ta’e amantaa keenya nuu jabeessa.
Amantaa Qabaachuuf Abdiin Barbaachisaadha
7. Abdiin amantaadhaaf hundee kan ta’e karaa kamiini?
7 Macaafni Qulqulluun: “Amantiin waan abdatan ‘Dhuguma in ta’a’ jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti ‘Jira’ jedhanii lakkaa’uu dha” jedha. (Ibroota 11:1) Kanaafuu, abdiin amantiidhaan gadi utuu hin ta’in kutaa amantii murteessaa ta’edha. Mee fakkeenya Abrahaam ilaali. Yihowaan dhala akka kennuuf yeroo isaanitti hime, akka ilaalcha namootaatti innis ta’e haati manaasaa umrii ijoollee godhachuu danda’anirra darbanii turan. (Uumama 17:15-17) Abrahaamoo maal jedhe? “Abrahaam akka yaada namaatti waan hin abdachiifne in abdate; . . . abbaa saba baay’ee akka ta’u amane.” (Roomaa 4:18) Eeyyee, abdiin Waaqayyo mucaa godhachuu ilaalchisee Abrahaamiif kenne amantaansaa akka jabaatu godheera. Amantaan kunis, abdiisaa cimseeraaf, akka raawwatamus mirkaneesseeraaf. Abrahaamiifi Saaraan biyyasaaniifi firootasaanii dhiisanii umuriisaanii isa hafetti biyya ormaa dhaqanii godoo keessa jiraachuufillee ija jabina qabu turan!
8. Amanamummaadhaan jabaachuun abdii keenya kan nuu cimsu akkamitti?
8 Abrahaam yeroo rakkisaa ta’ettillee Yihowaadhaaf guutummaatti ajajamuudhaan abdiinsaa ifa ta’ee akka itti mul’atu godheera. (Uumama 22:2, 12) Haaluma wal fakkaatuun, abboomamuufi Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuudhaan, eebba akka argannu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Obsi qoramanii ba’uu fida, qoramanii ba’uunis abdii fida, . . . abdiin immoo nu hin yeellaasisu.” (Roomaa 5:4, 5) Phaawulos akkas jedhee kan barreesses kanaafi: “Isinis abdichi guutummaan isaa kan hin mamsiifne ta’uu isaa beektanii, tokkon tokkon keessan isumaaf dhimmuu keessan hamma dhumaatti akka argisiiftan in barbaanna.” (Ibroota 6:11) Ilaalchi sirrii ta’e akkasii kun, hariiroo Yihowaa wajjin qabnurratti kan hundaa’e si’a ta’u, rakkoo nurra ga’u kamiyyuu ija jabinaafi gammachuudhaan mo’uuf nu gargaara.
“Abdii Qabdanitti Gammadaa”
9. Yeroo hundaa ‘abdii qabnutti akka gammannuuf’ kan nu gargaaru maalidha?
9 Abdiin keenya inni Waaqayyo nuu kenne, wanta biyyi lafaa kennu kamiiyyuu wajjin kan wal gitu miti. Faarfannaan 37:34 akkas jedha: “Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu, karaa isaa irraa akka hin jal’annes eeggadhu! Biyya akka qabaattuuf ulfina siif in kenna, lafa irraa balleeffamuu warra jal’ootaas argitee in gammadda.” Eeyyee ‘abdii qabnutti gammaduuf’ sababii ga’aa qabna. (Roomaa 12:12) Akkas gochuuf garuu, yeroo hundumaa waa’ee abdii keenyaa yaaduu nu barbaachisa. Abdii Waaqayyo sii kennerratti yeroo hundaa ni xiinxaltaa? Fayyaa guutuu qabaattee, dhiphinarraa walaba taatee, namoota si jaallataniin marfamteefi hojii nama gammachiisu qabaatee Jannata keessa akka jirtu gootee yaaddee beektaa? Fakkiiwwan Jannataa barreeffamoota keenyarratti argamanirratti ni xiinxaltaa? Wantoota kanarratti yeroo hundaa xiinxaluun, konkolaataadhaan si’a deemnu bakaa ijatti baay’ee tolu ilaaluu wajjin kan wal fakkaatudha. Foddaan (mastaawwatiin) konkolaatichaa qulqulluu miti taanaan, wanta miidhagaafi namatti tolu sana akka gaariitti akka hin ilaalle nu dhorka. Wantoonni kaan xiyyeeffannaa keenya harkisuu danda’u. Kun matumaa akka nurratti raawwatu heyyamuu hin qabnu!
10. Eebba nuuf kennamu eeggachuun keenya, Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu keenya kan argisiisu akkamitti?
10 Sababii guddaan Yihowaa itti tajaajillu waan isa jaallannuuf ta’uunsaa beekamaadha. (Maarqos 12:30) Ta’uyyuu eebba argannu hawwiidhaan eeggachuu dandeenya. Yihowaanis akka akkas goonu barbaada! Ibroonni 11:6 akkas jedha: “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi’aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.” Yihowaan gatii keenya akka nuu kennu akka hubannu kan barbaadu maaliifi? Ilaalcha akkasii kan qabnu taanaan, Abbaa keenya isa samii sirriitti akka beeknu argisiisna. Inni arjaafi ijoolleesaa kan jaallatudha. ‘Wanta gara fuulduraatti eeggannu’ utuu hin qabnu ta’ee, hammam gammachuu dhabuufi salphaatti abdii kutachuu akka dandeenyu yaadi.—Ermiyaas 29:11.
11. Abdiin Waaqayyo kenne Museen murtoo gaarii akka godhu kan isa gargaare akkamitti?
11 Namoota beekamoo abdii Waaqayyo kennerratti xiyyeeffatan keessaa Museen isa tokkodha. “Ilma intala Fara’oon” waan ta’eef, aangoo, ulfinaafi qabeenya biyya Gibxii argachuu danda’a ture. Wantoota kana argachuuf yaalii godhemoo Yihowaa tajaajiluuf filateree? Ija jabinaan Yihowaa tajaajiluu filatee ture. Maaliif? “Ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa’ateef” ture. (Ibroota 11:24-26) Dhugumayyuu, Museen abdii Yihowaan isaaf kenneef danta dhabeessa hin turre.
12. Abdiin Kiristiyaanotaa gonfootti kan fakkeeffame maaliifi?
12 Phaawulos ergamaan, abdiin gonfoo sibiilaa wajjin akka wal fakkaatu dubbateera. Gonfoon keenya inni fakkeenyaan ibsame, yaada keenya kan eegu, murtoo sirrii akka goonu kan nu taasisu, wanta dursi kennamuufii qabu akka hubannuufi qajeelummaadhaan akka deddeebinu kan godhudha. (1 Tasaloniiqee 5:8) Wanta gonfoodhaan fakkeeffame kana yeroo hundumaa ni kaa’attaa? Yoo ta’e, akkuma Museefi akka Phaawulos, abdiikee ‘sooruma isa hin amansiifne irra utuu hin ta’in Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay’isee nuuf kennerra’ kaa’atta. Fedhii ofii duubatti dhiisuun ija jabina gaafachuunsaa beekamaadha; haata’u malee wanta carraaqqiin godhamuufii qabudha! Silaahoo “jireenya dhugaa” namoonni Yihowaa abdataniifi isa jaallatan argatan maaliif dhabna?—1 Ximotewos 6:17, 19.
“Ani Matumaa Si Hin Dadhabu”
13. Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo ta’aniif abdii maalii kenneera?
13 Namoonni abdiisaanii sirna wantootaa isa ammaarra kaa’atan, ‘ciniinsuun’ addunyaa guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa yeroo deemutti wanta sodaachisaa gara fuulduraatti isaan mudaturratti baay’ee yaaduu qabu. (Maatewos 24:8) Namoonni abdiisaanii Yihowaarra kaa’atan garuu kana hin sodaatan. ‘Nagaatti in jiraatu wanta haamaas hin sodaatan, hin bir’atanis.’ (Fakkeenya 1:33) Sirna wantootaa isa ammaa kana waan hin abdanneef, gorsa Phaawulos akkas jedhu gammachuudhaan hordofu: “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta’in, wanta argattaniin ‘Nu ga’a’ jedhaa! Waaqayyo, ‘Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!’ jedheera.”—Ibroota 13:5.
14. Kiristiyaanonni wanta jireenyaaf isaan barbaachisurratti gar malee dhiphachuu kan hin qabne maaliifi?
14 Jechi “matumaa” jedhu Yihowaan kan nu gargaaru ta’uusaa akka hin shakkine nu godha. Yesus gargaarsa Waaqayyoo akka argannu yeroo ibsu akkas jedheera: “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu [wanti jireenyaaf barbaachisaa ta’e] hundinuu immoo isiniif in kennama. Waa’ee boriifis hin yaadda’inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda’atao.” (Maatewos 6:33, 34) Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu guuttachaa tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuun ulfaataa akka ta’e beeka. Kanaafuu, dandeettiifi fedhii Yihowaan wanta nu barbaachisuu guutuuf qaburratti guutummaatti haa amanamnu.—Maatewos 6:25-32; 11:28-30.
15. Kiristiyaanonni ‘ija fayyaa’ qabaachuu kan danda’an akkamitti?
15 ‘Ija keenya fayyaa’ gochuudhaan Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu dandeenya. (Maatewos 6:22, 23) Iji fayyaan yaada qajeelaa, qulqulluu akkasumas sassataafi hawwii ofittummaarraa walaba ta’edha. Ija fayyaa qabaanna jechuun, garmalee hiyyoomna jechuu ykn itti gaafatamummaa Kirisitiyaanummaa keenyaaf dantaa kan hin qabne taana jechuu miti. Kanaa mannaa, tajaajila Yihowaatiif dursa kennuuf jecha “of qabuu” argisiisna jechuudha.—2 Ximotewos 1:7.
16. Ija fayyaa qabaachuuf amantaafi ija jabinni kan barbaachisu maaliifi?
16 ‘Ija fayyaa’ qabaachuuf amantaafi ija jabina qabaachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, namni si hojjechiisu yeroo hundumaa sa’aatii walga’iin gumii godhamutti hojjettu malee utuu siin jedhee, sochiiwwan hafuuraatiif dursa kennuukee itti fuftaa? Namni tokko waadaa Yihowaan tajaajiltootasaa akka gargaaru gale kan shakku taanaan, Seexanni dhibbaan isarra ga’u akka dabalu gochuudhaan booddee walga’iiwwan gumii hunda akka dhiisu isa taasisuu danda’a. Amantaa dhabuun keenya, harka Seexanaa jala akka galluufi wanta dursa kennuufii qabnu Yihowaa utuu hin ta’in inni akka nuu murteessu gochuu danda’a. Kunimmoo balaa akkamiiti!—2 Qorontos 13:5.
Yihowaa Abdiidhaan Eeggadhu
17. Namoonni Yihowaatti amanaman yeroo ammaattillee kan eebbifaman akkamitti?
17 Caaffanni Qulqullaa’aan irra deddeebi’ee, namoonni Yihowaa abdiidhaan eeggataniifi isatti amanaman matumaa akka hin gatamne ibsa. (Fakkeenya 3:5, 6; Ermiyaas 17:7) Yeroo tokko tokko wanti argatan muraasa ta’uu danda’a; haata’u malee aarsaan isaan kaffalan eebba gara fuulduraatti argataniin yeroo waliin ilaalamu xinnoodha. Kanaafuu ‘Waaqayyoon akka abdiidhaan eeggataniifi’ gara fuulduraatti fedhii tajaajiltootasaa amanamoo ta’an hundaa akka guutu amanuusaanii argisiisu. (Faarfannaa 37:4, 34) Kanaan kan ka’es yeroo ammaattillee gammachuu guddaa qabu. “Wanti namni qajeelaan eeggatu gammachiisaa dha, abdiin nama jal’aa garuu in bada.”—Fakkeenya 10:28.
18, 19. (a) Yihowaan maal jechuudhaan nuu mirkaneesseera? (b) Yihowaan ‘mirgaa keenya’ akka jiraatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Mucaa xinnoon harka abbaasaa qabatee yeroo deemu sodaan tokkollee isatti hin dhaga’amu. Nuyis hamma Abbaa keenya isa samii wajjin adeemnetti akkasuma nutti dhaga’ama. Yihowaan saba Israa’eliin akkas jedhee ture: “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! . . . Ani sin gargaaras. . . . Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o’ siin jedhuu dha.”—Isaayaas 41:10, 13.
19 Yihowaan harka nama qabuunsaa jaalalasaa akka gaariitti kan ibsu mitii? Daawitis yeroo barreessu akkas jedheera: “Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu.” (Faarfannaa 16:8) Yihowaan akka ‘mirga keenya’ jiraatu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yoo xinnaate karaa lama caqasuu dandeenya. Tokkoffaa, Dubbiinsaa guutummaa jireenya keenyaa akka geggeessu gochuudha; lammaffaammoo, badhaasa guddaa inni fuuldura keenya nuu kaa’e yaadatti qabachuudhaani. Asaaf faarfatichi akkas jechuudhaan faarfatee ture: “Ani yeroo hundumaa si biratti nan hafa, atis harka koo mirgaa in qabda; ati gorsa keetiin ana in geggeessita, kana booddees ulfinatti ana in fudhatta.” (Faarfannaa 73:23, 24) Wanta nuu mirkaneeffame kana yaadatti qabachuudhaan, wanta gara fuulduraatti dhufu amantaadhaan eeggachuu dandeenya.
“Furamuun Keessan Dhihaateera”
20, 21. Namoonni Yihowaa abdiidhaan eeggatan gara fuulduraatti maaltu isaan eega?
20 Guyyaa hundaatti, Yihowaan mirga keenya ta’uunsaa caalaatti arifachisaa ta’aa adeema. Dhihoo kanatti badiisa amantii sobaatiin jalqabee, biyyi lafaa kan Seexanaa ta’e kun rakkina guddaa hanga ammaatti ga’ee hin beeknetu itti dhufa. (Maatewos 24:21) Ilmaan namootaa amantaa hin qabnetti sodaatu isaanitti dhufa. Yeroo jeequmsaan guutame kana keessatti tajaajiltoonni Yihowaa ija jabeeyyii ta’an abdiisaaniitti ni gammadu. Yesus akkas jedheera: “Kun hundinuu ta’uu yommuu jalqabu, mataa keessan ol qabadhaa, ol ilaalaas, furamuun keessan dhi’aateera.”—Luqaas 21:28.
21 Kanaafuu abdii Waaqayyo nuu kennetti haa gammannu; malawwan Seexanaatiin akka hin gowwoomfamne of haa eegnu. Akkasumas amantaa, jaalalaafi sodaa Waaqayyoof qabnu guddifachuuf cimsinee haa hojjennu. Akkas gochuudhaan, haalawwan akkamiiyyuu jalatti Yihowaadhaaf ajajamuufi Seexanaan mormuu dandeenya. (Yaaqoob 4:7, 8) Eeyyee, “Isin warri Waaqayyoon eeggattan hundinuu, jabaadhaa, laphee jabaadhaas!”—Faarfannaa 31:24.
[Miiljalee]
a Macaafni Qulqulluu afaan Giriikii jecha “abdii” jedhutti kan fayyadamu, abdii Kiristiyaanota dibamoo wajjin haala wal qabateen ta’uyyuu, mataduree kana keessatti walumatti qabaatti ilaalla.
Deebisuu Ni Dandeessaa?
• Abdiin Yesus ija jabina akka qabaatu kan isa gargaare karaa kamiini?
• Amantaaniifi abdiin walitti dhufeenya maalii qabu?
• Abdiiniifi amantaan, Kiristiyaanni tokko wanta dursa kennuufii qabu akka dursuuf ija jabina kan kennaniif akkamitti?
• Namoonni ‘Waaqayyoon eeggatan’ yeroo gara fuulduraa amantaa guutuudhaan kan eeggatan maaliifi?